Mormiin hojii dhaabuu eenyuuf eyyamama? Eenyufimmoo dhorkama?

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni to'attoota tiraafika qilleensaa mormii hojii dhaabuu taasisan to'annoo jala oolaniiru oduun jedhu erga dhaga'amee booda, dubbii marii namootaa taheera.
Hojjetaan tokko sababa mormiisaa hojii dhaabuun agarsiiseef, yakkaan gaafatamuu danda'aa?
Dhimmuma kana ilaalchisuun BBC'n ogeessaa fi barsiisaa seeraa kan tahe Adii Dhaqqaboo haasofsiseera.
Namni tokko hojii hojjaturratti gaaffii kan qabu yoo taate, seeraan gaafachuu qaba kan jedhu Adiin, akka seera Itoophiyaatti labsiin hojjetaa lakk. 377/1996 kanaaf deebii qaba.
Hojjetaan kamiyyuu gaaffii qaban dhaabbata isaan qacaree hojjechiisu gafachuuf mirga qabu. Maloota gaaffiin ittiin dhiyeessan keessaa inni tokko mormii hojii dhaabuuti.
Labsiidhuma kanarratti gosoonni hojii/namoonni hojii dhaabuun mormuu danda'aniifi hin dandeenye haala ifa taheen taa'aniiru.
Kanaafis keeyyatoota 157 (3) fi 136 (2) jalatti: Hojjettoonni ''Dhaabbilee tajaajila uummataaf daran barbaachisoo tahan'' jedhaman keessatti hojjetan mormiisaanii hojii dhaabuun agarsiisuu hin danda'an jedha.
Kunis wayita ibsamu dhaabbilee tajaajila hawaasaa walirraa hin dhaabbanne kennanidha.
Isaanis:
- Tajaajila daandii qilleensaa
- Dhaabbilee tajaajila humna elektrikaa kennan
- Dhaabbilee tajaajila bishaanii kennaniifi qulqullina magaalaa eegan
- Tajaajila awutobusii magaalaa
- Hospitaalota, kilinikoota, dhaabbilee qoricha raabsaniifi faarmaasiiwwan
- Tajaajila balaa ibiddaa fi
- Tajaajila telekomunikeeshiniidha.
Akka ibsa ogeessa seeraa kanatti adeemsi seeraa itti aanu, namoonni kunniin hojiisaanii akkamiin hojeechuu qabu turan kan jedhamutu ilaalama. Kana gochuu dhabuu isaaniitiin maaltu qaqqabe kan jedhu seera yakkaatiin itti gafatama jechuudha.