Obomboleessi Jebii Jaappaan keessatti badii dhaqqabsiise

Osaakaa keessatti konkolaataa galagale

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Osaakaa keessatti bubbeen ture konkolaataa galagalchuu danda'eera.

Waggaa 25 keessatti bubbeen cimaa Jebii jedhamu Jaappaan keessatti ka'ee yoo xiqqaate lubbuu namoota 9 galafateera.

Bubbeen Jebi lixa biyyiitti kan akka magaalaa gurguddoo Kiyotoofi Osaakaa rukutee badii guddaa dhaqqabsiiseera.

Madda suuraa, Kyodo/via Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Bubbeen kun Kibxata dambalii guddaa kaaseera.

Daandiin xiyyaaraa, baburaafi bidiruu hojii yoo dhaabaniyyuu, buufata xiyyaaraa Osaakaa keessa imaltoota kumaan lakkaa'aman balaa jalaa baqachisuun danda'ameera.

Bubbeen kun hir'isaa gara kaabaatti socho'aa jiraatus jiraattonni garuu lolaafi sigigoo lafaa irraa akka of eggataan akeekkachiisameera.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Jiraattoonni akka of eeggattan akeekkachiisameera.

Roobii irraa eegalee jiraattota miiliyoona 1.2 oliif gorsitoonni baqannaa ramadamaniiru.

Dhaabbatni To'annaa Ibiddaafi Balaa akka jedhutii dirqama yoo hin taaneyyuu jiraattoota 30,000 ol ta'an akka baqataniif ajaji cimaa kennameera.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Daandiwwan Osaakaa irratti bubbeen kun utubaalee elektirikiifi mallattoowaan tiraafiki jijjigseera.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Gamoolee adda addaa irraatti bubbeen kun midhaa geessisseera.