Oduulee gaggabaaboo biyya keessaa fi alaa

laga faalame

Madda suuraa, Ed Wray

Dhukkuba haqqeefi garaa kaasaa naannoo Tigraayitti ji'a waxabajjii qabee dhalateen namootni lubbuun darbee, danuun dhukkubichaan qabamuu itti gaafatamaan itti aanaa biiroo fayyaa naannaachi obbo Takilaayi waldamaariyaa dubbatan. ''Hanga yoonaa naannichatti lammiileen 1266 kan tahan dhukkubichaan yoo qabaman 10 immoo du'aaf saaxilamaniiru.''

Keeniyaa

Poolisoti Keeniyaa waajjira televizyinii Chaayinaa, 'China Global Television Network' jedhamu haleelanii, namoota biyya ambaa 13 seeraan ala as jrtu jechuun hidhaa buusan. Haa ta'u malee sakatta'a ergasii godhameen namootni hidhaman hundi bilisa bahaniiru.

Yugaandaa

Ugaandaan sochii qaamaa hojjechuun adduyyaarraa dursituu dha jedhamte. Qorannoon joornaala fayyaa Laaseent jedhame saamuda biyyoota 168 xiinxaluun ugaandaatti namoota harka 5.5 tahan qofatu, kan sochii qaamaa gahaa hin taasisuu jedheera. Kuweet immoo biyya sochii qaamaa taasissuun sadarkaa dhumaa teessee dha.

Angoolaa

Angoolaatti baaburri waliitti bu'ee yoo xiqqaate namoota 17 ajjeesse, 12 immoo madeesse. Baaburri inni tokko baabura isa suphaaf dhaabbteetti bu'uun caccabsuunsaan balichi uumame.

Indiyaa

Indiyaa kutaa biyyaa Kaashmiiritti haati buddeenaa daa'ima waggaa sagalii akka gudeedamtuuf ajajje to'annoo jala ooltee. Kana malees namootni 6 daa'imti kuni nama baayyeen gudeedamuusheetiin harka keessaa qaban poolisiin qabamaniiru.

Ameerikaa

Seenaataroonni Ameerikaa jaarmilyaalee feesbuukiifi Tiwiitarii filannoo itti aanuttii sagaleen wal akka dhoofneef mala akka fidan gaafatan. Dhimmicha irratti mari'achuuf feesbuukiifi tiwiitariin bakka bu'oota isaanii yoo ergan 'Google' waamamullee bakka bu'aa otoo hin ergiin hafeera.

Dubaay

Namoonni kudhanii ol tahan xiyyaara Dubaay irraa ka'ee Niiwyoork buufata xiyyaaraa JFK qubate keessa turan dhukkubsachuusaaniin, xiyyaarichi qofaatti akka turu yoo taasifamu, poolisootifi ogeessoti fayyaa dhukkubsattoota gargaaruuf oliif gadi jechaa turan. Paayilatiin xiyyarichaa sumaawuun nyaataa sababii dhukkubichaa ta'uu hin oolu jechuun ABC newstti himeera