Afriikaa Kibbaa: Haadhaafi mucaan dhiittaa sattawwaan miidhaman

Sattawwaa

Madda suuraa, Frances M. Ginter

Kibxata lafa qonnaa Afrikaa Kibbaa keessatti haadhaafi ilma ishee waggaa sadii sattawwaan gadi dhidhiittee miidhaa guddaa irraan ga'uu ishee dhaabbatni wal'aansaa dhuunfaa ER24 jedhamu beeksise.

Ogeessonni fayyaa bakka balaatti wal'aansa jalqabaa laatan gara hospitaalaatti xiyyaaraan isaan geessuun dura, wal'aansa lubbuu isaanii hambisuu taasisaniiru.

Bulchiinsa Kaaba Limpooppoo keessatti akkamiin sattawwaan kun dubartii umurii 30 keessa taatufi daa'imashee akka gadi dhidhiite amma yoonaa hin baramne.

Ji'oota muraasaan dura dubartiin Ameerikaa, Afrikaa Kibbaatti adamoorra turte, sattawwaa gurraacha adamsitee ajjeeste bira suuraan kaatee maxxansite mormii guddaa kaasee ture.

Akka addunyaatti waggoota 30 darbanitti lakkoofsi sattawwaa garmalee hir'achaa dhufeera. Kanaafis bineensota baduurra jiran jedhamuun tarreeffamaniiru.

Fakkeenyaaf lakkoofsi sattawwaa ALA 1985tti 155,000 ture, 2015tti ammoo 97,000 gadi bu'eera, akka dhaabbata International Union for the Conservation of Nature (IUCN) jedhamutti.