Itiyoo-Ertiraa: Itoophiyaan embaasii Asmaraatti cufamee ture bante

Yeroo Imbaasiin Itoophiyaa Asmaraatti banamu agarsiisu

Madda suuraa, Yemane G. Meskel

Itoophiyaan embaasii Ertiraatti cufamee ture bante. Imbaasiin kunis waldhabdee biyyoota lamaanii hordofee kan cufame ture.

Sagantaa kana irrattis Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) fi Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi qondaaltonni biyyoota lamaanii argamaniiru jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

Torban muraasa dura Ertiraan Imbaasii Finfinneetti cufamee ture biyyoota lamaan gidduutti waligalteen taasifamuu isaa hordofee banuun ishii ni yaadatama.

Ayirlaanditti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'un kan tajaajilaa turan Redwaan Huseen, Ertiraatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun ni tajaajilu.

Madda suuraa, Getty Images