Itoophiyaa, Somaaliyaafi Ertiraan waligaltee wal-ta'umsaa mallatteessan

Hoggantoota biyyoota sadan, Fulbaana 06, 2018

Madda suuraa, Yemane G/Meskel

Ibsa waa'ee suuraa,

Hoggantoota biyyoota sadan

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa sadan, Itoophiyaa Somaaliyaa fi Ertiraan waliin nageenya tasgabbeessuuf waligalan.

Waligaltee kana MM Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD), Pirezidaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahi akkasumas Pirezidaantii Ertiraa Isaayyaas Afawarii guyyaa kaleessaa magaalaa Asmaraatti mallatteessaniiru.

Dhimmoota waligaltee waajjirri Odeeffannoo Ertiraa baase akka agarsiisutti biyyoonni kunneen dhimmoota afur irratti waligaltee wal-ta'umsaa mallatteessan.

  • Galma ummata isaanii fiixa baasuuf wal-ta'umsaan hojjechuuf waligalaniiru
  • Walitti dhufeenya siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenyaa cimaa ijaaruuf waligalaniiru
  • Nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf waliin hojjechuuf waligalaniiru
  • Waligaltee kana galmaan ga'ufillee koree olaanaa hundeessuuf waligalan

Ministirri Muummee Itoophiyaa guyyaa kaleessaa ganama dawwannaa hojiif Ertiraa kan seenan yoo ta'u guyyaa har'aa bakka isaan jiranitti Imbaasii Itoophiyaa cuafame ture banameera.