Juneeddii Saaddoo: Dhiibbaa Obbo Mallasii fi caasaa nageenyaatiin biyyaa bahe

Juneeydii wayita biyya galan

Mootummaa fi dhaaba keessaa dhiibbaa guddaan waan narraan gahaa tureef biyyaa baqachuuf dirqameen ture jedhan ,pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Juunedii Saadoo.

Obbo Juunedii Saadoo erga biyyaa baqatanii waggoota jaha booda tibbana gara biyyaatti deebi'anii jiru.

Jijjiirama siyaasaa biyya keessatti mul'ate hordofee bara kana lammiileen Itoophiyaa biyyaa baqatanii biyya ambaa jiraataa turan gara biyyaatti deebi'aa jiru.

Haa tahu malee Obbo Juunediin gaaffii fi deebii BBC waliin addatti taasisan irratti, Muummichi Ministeeraa duraanii Obbo Mallas Zeenaawii dhiibbaa gurguddaa anarra darbee maatiikoo miidhuu geessisaa turaniiru jedhan.

Mallas boodas namoota isatti aanan ji'oota afuriif xalayaa barreessee gaafachaa turus namni deebii naaf kenne hin jiru jedhan.

Kanaaf dhiibbaan nurraan gahaa ture gara sadarkaa lubbuukoof sodaachisu irra geenyaan baqadhe jedhan.

Biyyan dadhabee hojjedheefiirraa kanan bahe dhiibbaa siyaasaa irraa kan ka'edha.

Dhiibban kun isaanii fi maatiisaanii miidhuuf kan xiyyeeffate moo uummata Oromoo miidhuuf yaadameeti gaaffii jedhuus, Obbo Juunediin waggoota 27'f nama gaaffii sabboonummaa kaasu rukutuun mallattoo ADWUI, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraayiin [TPLF] durfamuuti jedhan.

Kanaaf ana duras sabboontota hedduutu dhabamsiifame jedhan.

Buqqa'uu qonnaan bultootaa

Yeroo bulchiinsa isaanii daangaa Finfinnee fi Qonnaan Bultoota naannichaa ilaachisee isaanii fi paartiin isaanii gahumsaan hin hojjenne gaaffii jedhuuf:

''Obbo Juunediin Bulchiinsi magaalaa Finfinnee haala akkamiin bulchaa akka turanii fi beenyaa kaffalaa akka ture hin beeku, kun dadhabina koo tahuu danda'a.

Haa tahu malee Finfinneen kana booda 'iinchii' tokkoyyuu gara lafa qonnaan bultootaatti babal'achuu hin qabu jechuun namoota murtoo dabarsan keessaa tokko ana.

Isa kanaaf har'ayyuu dhagaan daangichaaf dhaabe nan beeka.

Ejensiin misoomaa fi manaajimantii lafa magaalaa Oromiyaa daangaan taa'eeru hin jiru amma hojjechaa jirra kan jedhus sobadha tarii hin beekan taha jedhan Obbo Juunediin.

Waa'ee barattoota yuunivarsiitii 300 ari'aman

Barattoota yuunivarsiitii 300 ari'aman keessaa harka qabdu jedhama?

''Mootummaan Naannoo Oromiyaas tahe ani dhimma kana keessaa harka hin qabnu, oduu sobaati jedhan. Haa tahu malee murtoo darbe ilaalchisee sirriidha balleessaniiru jedhee himuunkoo dogogora guddaadha.

Isaan kanaafis uummata Oromoo dhiifama gaafadheera, ijoolleen ari'aman gaafan ani dubbadhe sana torban lama dura ari'amanii ture.''

Magaalaa guddoo Oromiyaa gara Adaamaa?

Magaalaa guddoon Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaatti akka jijjiramuuf murteessitaniittu jedhama?

''Murtoon sun osoo ani gara taayitaatti hin dhufiin kan murtaa'e ture. Haa tahu malee magaalaan Finfinnee magaalaa umurii waggaa 100 olii waan qabduuf aadaa Oromoo guddisuu fi mul'isuuf yeroo dheeraa fudhachuu danda'a jennee waan yaadneef koree hojii raawwachiistuu waliin murteessine.

Kunis bara bulchiinsa Obbo Kumaa Dammaqsaa kan murtaa'edha. Ergan ani gara taayitaatti dhufee waggaa tokko booda akka raawachiisnuuf koree hojii raawwachiistuuf dhiyaate,'' jedhan Obbo Juunediin.

Kana irratti kutaalee Oromiyaa hunda keessatti mormii guddaan ka'ee ture .Haa tahu malee murtichi hanqina waan qabu tahuu danda'as.

Boodas yeroo gara Finfinneetti deebi'u murtoo kan dabarse anaa fi Obbo Abbaaduulaa Gammadaati.''

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Juunedii Saadoo

Obbo Juunediinii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa

Obbo Juunediin raayyaa ittisa biyyaa waliin akka caasaatti rakkoo akka hin qabne himanii, gaggeessitoota raayyaa ittisa biyyaa waliin garuu wal dhabnee turre jedhan.

''Raayyaan ittisa biyyaa meeshaa hidhatee uummata nagaa fi humna siivilii naannoo bulchu doorsisaa, sodaachisaa fi ajjeesaa ture. Uuummata Moyyaleedhaa hanga Bordoddeetti jiru osoo gaafanne kan himatu uummata Oromooti.

Raayyaan ittisa biyyaa kun loogaa ture. Waan barbaadan daangaa darbanii hojjechaa turan. Dabalataan uummata walitti buusaa fi jeeqsisaa turan.''

Liyyuu poolisiinis meeshaa ammayyaa'aa fi gurguddoo hanga konkolatotaatti qaba, kanas kan hundeesse Naannoo Somaalee osoo hin taane kaayyoo mootummaa federaalaati.

''Yeroo Liyyuu Poolisiin yakka hojjetu raayyaan ittisa biyyaa dhaabsisaas tahe to'achaa hin turre. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo saba gidduutti uumamu miti kan biyya biraayyuu hiikuu danda'a ture.

Haa tahu malee jalqabayyuu dhimma walitti bu'insaaf waan barbaadameef''.

Kanarraa kan ka'e irra dibaan darbuu hin qabnu haqa dhoksuu hin qabnu waan jedheefan isaan waliin wal dhabe jedhan Obbo Junedii Saaddoo.

Simannaa alaabaa ABOn?

Namootni hedduun Obbo Juuneddiin namoota hedduu miseensa ABOti jechuun hiisisaa turan jedhu.

''Naannoon Oromiyaa nama tokkoyyuu miseensa ABO ti jechuun hidhees dararees hin beeku. Caasaan nageenyaa Naannoo Oromiyaa hanga gandaatti diriiree jiru hindi uummata biratti beekamaadha.

Haa tahu malee kan Mootummaa federaalaa hanga gandaatti hawwaasa keessa karaa namni tokkoyyuu hin beekneen diriiree jira.

Caasaan nageenyaa fedraalaa kun isa kan raayyaa ittisa biyyaa caalaa guyya guyyaadhaan kan nama sodaachisudha.

Isaantu beekamtii keenya malee nama barbaadan hundaa hordofee qabee hidhaas dararaas ture. Maatii keessaa namni jalaa hidhamee barbaacha kan na bira dhufaa turan hedduu turan ani dhimmicha beekuu baadhus jedhan

Yeroo ijoolleen maqaa ABO dhaan qabaman bakka bal'aa tokko tursiifnee, barsiifnee, uummatas mariisifnee gadhiisaa turre jedhan. Namoota qabaman hundaa kan qabaas tahe himata irratti banaa ture mootummaa federaalati jedhan.

Alaabaa ABO dhaan gaafa biyyatti galan simatamuu isaanii ilaalchisee Alaabichi anaaf ABO irrayyuu darbee mallattoo mormii taheera jedhan.

Kanaaf waan uummatni Oromoo jaalate hundaa keessaa waan ani jibbu hin jiru jedhan.

Gara siyaasaatti deebituu?

Ministera Muummee Dr. Abiy Ahimad akksumas Pireezidaantii MNO Lammaa Magarsaa waliin walargee mari'achuuf fedhii guddaan qaba. MArii kanaan boodas kallattiin qabsoo koo maal akka tahu uummataaf nan ibsa jedhan.