Odeessa Mana Hidhaa: "Mana hidhaa keessatti nu guddifatanii, seeratti nu dhiyeeffatan"

Urgeessaa Daammanaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa waliin, erga mana hidhaatii bahee booda.

Madda suuraa, Urgessa Damana/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

Urgeessaa Daammanaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa waliin, erga mana hidhaatii bahee booda.

Yeroo gara garaa sadi walumaagalatti waggoota 12'f hidhame. "Jalqaba yoon hidhamu umuriin koo himatamuuf waan hin geenyeef, mana hidhaa keessatti na guddifatanii" jedha.

Urgeessaa Daammanaa Kumsaa jedhama. Amma dargaggeessa ganna 29ti.

Dhalataa magaalaa Amboo yoo ta'u A.L.I bara 1995 barataa kutaa 6 tahe hiriyoota isaa 14 waliin Ambootti hidhame.

Namoota yeroos waliin hidhame keessaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa tokko ta'uu hima.

"Sababni hidhamneef ABO deeggartu, ABO'n dabballummaa isin leenjisee dabballummaa kanaanis nama ajjeestaniittu jedhamneeti" jedha.

Yeroos umuriin keenya yoo guddate 14 ta'a kan jedhu Urgeessaan, umuriin keenya himatamuuf waan hin geenyeef "mana hidhaa keessatti nu guddifatanii" jedha.

"Seerri biyyattii waggaa 18 gadi mana murtiitti dhiyeessuu waan hin dandeenyeef, mana hidhaa keessatti nu guddifatanii waggaa afur booda seeratti nu dhiyeeffatan."

Manni murtiis ragaa malee waggaa 10 akka itti murteesseefi hidhaa waggaa jaha booda A.L.I bara 2001 gadi dhiifamuu BBC'tti himeera.

Akkuma mana hidhaatii baheen mana barnootaatti debi'ee barumsa isaa itti fufe.

Waggoota sadi booda garuu marroo lammataaf A.L.I bara 2003 to'annoo jala oole.

"Gidiraafi dararaa Maa'ikalaawii fi Qaallittii waggaa lamaan booda bara 2005 bilisa bahe" jedha.

"Fincila diddaa gabrummaa magaalaa Ambootti 2006 dhooheen booda na adamsanii bara 2007 na qaban," jedha.

"Ana waliin Qajeelaa Galaanaa, Sabkeebar Baqqalaa fi Abdataa Olaansaa, nama afur turre" kan jedhu Urgeessaan Abdataa Olaansaa biraa wareegamuu dubbata.

Marroo sadaffaaf waaggoota afur erga hidhamee booda Waxabajjii 14 bara 2010 gadi dhiifamuu dubbata.

"Waggaa 6 hidhamtee gaafa baatu, hiriyaan kutaa 6 waliin barataa turte kutaa 12 gahee si eega" kan jedhu urgeessaan "yoo xiqqaate umurii koo irraa waggaa 15 hatameera" jedha.

Dararaan mana hidhaa keessatti irra gahaa ture kan dhala namaaf hin malledha jedha.

Reebicha hamaa irra gaheen akka fedhetti gadi jedhee ol jechuu akka hin dandeenyefi iji isaa bitaa qulqulleessee waa dubbisuu akka rakkatu himeera.

Madda suuraa, Urgessa Damana/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

Urgeessaa Daammanaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa waliin, erga mana hidhaatii bahee booda.

'Yoomuu hin dagadhu…'

Turtii mana hidhaa waggoota 12 keessaa wanti yoomu qalbii keessaa nan badne wanta gaafa manni hidhaa Qilinxoo gubatu raawwatedha jedha.

"Eessaa akka abidda fidan hin beeknu ofii isaanii abidda qabsiisanii, mana nuti keessa jirrutti abiddatu boba'aa akka nuti gadi hin baane ammo rasaasaan nu ittisu turan."

Madda suuraa, Urgeessaa Dammanaa

Ibsa waa'ee suuraa,

ALI bara 1999 mana hidhaa Ambootti- Hacaaluufaa waliin

"Akka tasaa mucaan Tamasgen Tsaggaayee jedhamu baanaan rasaasaan balbala fuulduratti rukutan, gaafa ol kaasuuf itti fiignu nutti dhukaasanii rabbit nu baase" jedha.

"Rasaasa irraa hafnus rooba hamaa roobaa ture keessa qullaa nu teesisanii akka nama bofa reebuutti uleedhaan nu reebani" jedha.

Nyaataafi uffata nu dhoowwatanii ji'a tokkoof dararaa yoomuu hin dagatamne keessa turre jechuunis dubbata.

Jireenya hawaasummaa mana hidhaa

Wayita mana hidhaa turree warra kophee hin qabne, warra waan uffatan hin qabne walirraa ilaallee wal gargaaraa turre jedha.

"Yoo gaddi nutti dhufe wal jajjabeessina, osoo hin jaalatiin Kaabaa Kibbaa, Bahaa Dhihaa walitti nu fidanii wal nu barsiisan, nu miidhuutti nu fayyadani" jedha.

Hiriyoota isaa hedduu du'aan of biraa dhabuu kan himu Urgeessaan mana hidha keessatti yaala argachuun rakkisaa ture jedha.

"Ijoolleen Oromoo rasaasa qofaan du'aa hin turre kan summaa'anii du'anillee jiru" kan jedhu Urgeessaan mana yaalaa deemuuf soda qabna turre jedha.

Hidhaa booda...

Nama waggaa dheeraa hidhamee baheef jiruun bu'aa bayiin guutuu ta'uu dubbata Urgeessaan.

"Mana hidhaati baatee hawaasatti yoo makamtu, gariin hojjetatee of harkaa qaba gariin ammo baratee ogummaa isaatiin of jiraachisa, ati garuu hirkataa taata" jedha.

Wayita qabamu ragaan barnootaa isaa irraa fuudhatamuu kan dubbatu Urgeessaan barnoota itti fufuullee akka hin dandeenye dubbata.

"Ragaan barnootaa koo eessa akka jiru hin beeku" jedha.

Rakkoon hedduun jiraatullee kana akka rakkootti hin himannu jedha.

Maali jennaan "kan nu biraa lubbuu isaanii dhabantu jiru, nuyi kana hadheessinee yoo himanne seenaa isaaniitu gatii dhaba" jedha.

Harsaa hidhamtoonnifi wareegamtoonni Oromoo kafalan akka lafatti hin badne paartileen siyaasaas ta'e qaamoleen hawaasaa gara garaa tokkummaan cimanii hojjechuu qabu jechuunis dhaameera.

Warra achi buuteen dhabame

Akka Urgeessaan jedhutti ammallee namoonni mana hidhaa jiran jiru.

Warra mana hidhaa jiraniin altti ammo kanneen achi buuteen isaanii hin beekamne "manni haa lakkaa'u" jedha.

"Ani kanan beeku ijoolleen Amboo qofti kan du'uuf jiraachuun isaanii hin beekamne hedduudha" jedha.

Kanneen maqaan isaanii asii gaditti eeraman warra Urgeessaan achi buuteen isaanii hin beekamu jedhedha.

  • Baqqalaa Abbabaa
  • Baqqalaa Maandessaa
  • Imaanaa Lammeessaa
  • Girmaay Asaffaa
  • Warqinaa Hawwiloo
  • Taaddasaa Lammaa
  • Guutaa Bantii
  • Waaqumaa Dinqaa
  • Alamuu Doorii
  • Girmaa Urgeessaa

Namoota achi buuteen isaanii dhabame rogeeyyiifi qaamni dhimmichi ilaallatu osoo iyyaafatanii jechuunis dhaameera.