Oduulee gaggabaaboo biyya keessaa fi alaa

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan Kibbatti wayita loltootni yakka raawwataniif murteen itti kennamu kun isa jalqabaati.
Naannoo Beenishaangul Gumzi magaalaa daalattii fi naannosheetti Waldhabdee sanbata darbe mudatee ,lubbuu namoota 12 olii galaafateen booda jiruu fi jireenyi namootaa yaaddoo keessa waan galeef magaalota naannoo jiranitti qubachiisaa jirra jedhu Bulchaan Aanaa Mana Sibuu Obbo Kumarraa Bakaree.
''Hanga eda galgalaatti namoota 1,108 gara mana barnootaa sadarkaa gidduu galeessaa Mandiitti walitti qabnee jirra.''
Ganda Alaltuu Gombii jedhamurratti namoonni 136 ta'an qubatanii jirus jedhaniiru. Aanaa Tsadaal jedhamu keessas namoonni kuma lamaa ol ta'an qubachuu dabalanii himaniiru.
Sudaan Kibbaa
Loltootni Sudaan kibbaa 10 hojjettuu gargaarsaa lammii biyyaalaa dirqiin gudeeduu fi waggaa lama dura gaazexessaa ajjeesuun himataman hidhaan waggaa7 hanga umurii guutuun itti murtaa'e.
Inglaand
Gidduu gallii annisaa elektirikaa galaana keessatti Qilleensarraa maddisiisun addunyaarraa guddicha ta'e Kaaba lixa Inglaanditti hojii eegale. Tarbaaynaroonni gurguddoon 87 meetira 200 dheeratan dandeettii manneen kuma dhibba jahaf ifa kennuu qabu jedhameera.
Awustiraaliyaa
Dubartiin Ameerikaa kophee hiilii kaawwatte keessa kokeenii/ waan sammuu hadoochu/ dhoksuun Awustiraaliyatti osoo galtuu qabamte hidhaa waggaa 7 fi walakkaan adabamte.
Beljiyeem
Dubartiin Lammii Beeljiiyeem Televizhinii dhuunfaarratti haala qilleensa gabaastu gurrachuum isheetiin arrabsoo sanyummaa irra gahuuf obsi qabdu dhumnaan deebii kennite. Deebiin marsaalee hawaasaarratti kennite kun deeggarsas mormiis kaaseera. Dhaabbatni hojjettuuf akka ishee deeggaru himeera.
Ameerikaa
Miseensonni bulchiinsa Tiraamp biyyattin 'daandiirraa akka hinmaqne'' gochuuf murtee pirezidantii Yunaayitid Isteet gufachiisuuf hojjetaa akka jiran qondaalli olaanaa bulchiinsa Tiraamp himan.
Pirezidantiin biyyatti bitaa mirga osoo hin ilaaliin murteessaa jiru jechuun qondaalli eenyuaan isaanii ifa hin bane kuni fuula editoriyaalii gaazexaa 'New York Times' jedhamurratti barreessaniiru.