Gabaa jala bultii ayyaanaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii
Qoophiin jala bultii waggaa haaraaf gabaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti haala ho'aan adeemaa jira.

"Ayyaana waggaa ayyaantuutu arga," jechuun kan ayyaanome uffatee, bareedee, sirbee gammachuu isaa ibsa.
Waggaa haaraatti namni hawwii gaarii waliif hawwa, keenna waliif kennas. Hawwii Ayyaana Gaarii jedhu bara kanaa irratti suuraan MM Abiy Ahimad hedduu fayyadamameera.
Oromoon eebbaan waggaa haaraa eegala, eebbaan dhaloota guddifata, Akkas jedhanii eebbisu Ilma qilxuu ta’i – dagagi Coqorsa ta’i – lafa uwwisi, Andoodee kormaa ta’i, Bonaa ganna lalisi, Dubbi kee gamni hin qabiin, Sanyii kee lafti hin qabin...
Yeroo ayyaana waggaa haraatti maatiin fagoo fi dhiyoo walitti dhufee, kolfee gammadee bara garii waliif yeroo itti waliif hawwudha.
Birraan yoo bari'u namni waggaa haaraa simatee ayyanaa gubaaf dursee guca bitatee qophaa'a.
Ancootee fi cororsaa, beddeefi caccabsaa, buna qalaa fi ittoo indaqqoo yeroo ayyanaatti gosa nyaataa qophaa'an keessa tokko.