Liigiin Biyyootaa maaliif jalqabe?

Tapha Faransaayii fi Jarman

Madda suuraa, Getty Images

Qalbii jaallatoota kubbaa miilaa qabatee kan ture Waancaan Addunyaa erga injifannoo Faransaayiin xumuramee booda miirrii deeggartootaa qabbanaa'ee ture.

Booda dorgommii addunyaarratti dawwatoota hedduu qabu Piriimerliigiin Ingiliz akkuma jalqabeen haalichi bakka duraaniitti deebi'eera.Taphootni afur qofa taphatamanis miirrii wal dorgommii liigicha keessaa garuu garanumaan ho'aa deemeera.

Leenjisaa haaraa Mawureshiyoo Saarii jalatti dorggommicha kan jalqabe Chelsiin taphoota arfan mo'achuu danda'eera.

Waatfoordi haaluma wal fakkaatuun taphoota jalqabaa arfan mo'ataniiru.

Liiverpuul bara kana taphatoota murteessoo tahan mallatteessisuun dorgommicha kan jalqabe yoo tahu waancaaf waan dorgomu akka tahe beektootni kubbaa miillaa ni xiinxalu.

Shaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin sodaachisummaa isaa itti fufeera. Qabxii lama qofa taphoota arfan irraa gateera.

Bara kana jalqabbiin Maanchistar Yuunayitidii fi Waggoota 20 booda leenjisaa haaraa kan qacare Arsenaal gaarii hin fakkaatu.

Westihaamis taphoota arfan mo'amee xumura gabatee pIriimerligii irratti argama.

Gama Ispeeniin Baarseloonaa fi Riyaal maadirid taphoota sadan jalqabaa mo'achuun morkii cimaa ittiin beekaman eegalaniiru.

Haa tahu malee torban kana keessa taphatootni hedduun biyya isaaniif taphachuuf waamichi isaaniif taasifameera.

Dorgommiin kun Liigii Biyyootaa jedhamuun beekama.

FIFAn seera haaraa baaseen tapha michummaa hiika hin qabne jedhamuun kan komatamaa ture hanbisuun Liigii biyyootaa dorgommii jedhamu bakka buusuun Kamisa kaleessaa jalqabameera.

Taphichis Shaampiyoona Waancaa Adunyaa bara kanaa Faransaayii fi shaampiyoonaa bara 2014 Jarman gidduutti jalqabuun galchii malee qixaan xumurameera.

Xumura Waancaa Adunyaa bara kanaaf kan geessee 4 fi 2'n mo'amte Kirooshiyaan Poortuchaal waliin qixa 1 fi 1'n xumuruu dandeessetti.

Leenjisaa haaraa Riyaan Giigsiin kan jalqabde Weelsi Ripaablika Ayerlaandi waliin taphachuun 4 fi 1'n mo'achuu dandeesseetti.

Giigsi akka leenjisaa jalqabaatti qabxii guutuu sadii argachuu danda'eera.

Tapha itti aanuun Denmaarki waliin kan taphatan yoo tahu Gigsi gahumsa keenya kana itti fufuu qabna jedheera.

FIFA'n tapha qophii ykn gahumsaa xiyyeeffannoon akka taphataniif jecha kan qopheesse yoo tahu dorgommichi biyyoota 55 hirmaachisa.

Ramaddichis akkaataa sadarkaa Fifa'n wagga waggaan baasuun tahee gareen tokko miseensota sadiis afuris qabaachuu danda'a.

Haala kanaan dorgommiin jalqabe kun Waxabajji bara 2019 keessa kan xumuramu yoo tahu kan mo'ates Shaampiyoonaa Liigii Biyyoota jedhama.

Boru Ispeen Ingiliz waliin kan taphattu taha.