Imala deemsa miillaan ABO simachuuf Wallagga irraa Finfinneetti jalqabe

Dargaggota simannaa ABO'f Miillaan imalan
Ibsa waa'ee suuraa,

Dargaggota simannaa ABO'f Miillaan imalan

Wagaa hedduu booda hoggantoonni olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 15 gara biyyaatti deebi'u.

Koreen simannaa ABO magaallan addaa addaa keessatti hundaa'uun simanna kanaaf haalan qophaa'uutti jiru.

Dura taa'aan Koree Simanna ABO fi WBO Dr.Bulii Ejjetaa, sadarkaa Oromiyaatti koree Wiirtuu jedhamu akka koree hojii rawwachiiftutti hojjetuu dhaabuu isaanii dubbataniiru.

"Nageenyaa ilaalchisee wanti nu sodaachisu tokkoyyuu hin jiru.

Yeroo ammaatti uummati keenya of eegu fi biyya eeguuf haamilee guddaan socho'aa jira.

Qaama nageenya eegu ni qabna akka dhaabaattis, akka koreettis.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka jirutti nageenya kana irratti nii bobboa'a. " jedhan.

Karaa motummaatiin qaami nageenya eegu sadarkaa Federaalaa irraa akka bobba'uus dubbataniiru.

Garuu uummata naasisuuf namootni shororkeessuu barbaadan oduu sobaa akka odeessaan ibsuun Dr Gulii uummati wal to'atee nagaa walii eegee akka adeemuu gafataniiru.

Ibsa waa'ee suuraa,

Gaggeessaa dargaggotaa

Addi Bilisummaa Oromoo anaaf dhiigakooti'

Magaalaan Naqamtee Finfinnee irraa Km 331 kan fagaatuu yoo tahu ta'uu magaalaan Shambuu immoo Km 310 fagaatti.

Gara Finfinneetti miillaan lafa adeemanii ABO simachuuf dargagoonni 11 walitti dhufuun magaalaa Naqamteeti kaleessa ganamaa eebba Abbootiiii Gadaan karaa eegalaniiru.

Akkuma kana dargaggoonni 11 immoo magaalaa Shaambuu irraa simannaa kanaaf millaan adeemsa jalqabani.

Biqilaa Moosisaa, dargaggoo Wallaga Lixaa, Aanaa Ayiraa irraa imala Naqamtee irraa eegalu kana irratti hirmaachuuf murteesse keessa tokko.

ABO'n Oromoof jedhee waggaa dheeraa dararamuun amma immoo gara biyyaatti galuf qophii waan taheef gammachuu irraa kan ka'e imala kanaaf akka isaa kakaase dubbata.

"Addi Bilisummaa Oromoo anaaf dhiigakooti, gamachuu kana ibsachuufan gara Finfinnee imalaa jira" jedha.

Dargaggoonni Naqamtee irraa karaa eegalan kun kaleessa magaalaa siree galanii buluun, har'a barii sa'aatii 12'tti karaa isaani deebisanii jalqaban.

Ibsa waa'ee suuraa,

dargaggotni yeroo magaalaa siree galan

"Oromoon hundi akka kana ABO ni jaallatta jedhee yaade hin beeku, ana duwwaatu jallatan se'e.

Simannaan isaan nuu gochaa jiran addadha. Nyaanne dhuugnee darbaa jirra." jechuun haala simannaan magaaloota kessaa darbanitti taasifameef dubbateera dargaggoo Biqilaan.

Guyyaa walakkaa yommuu ta'u, dargaggoonni magaalaa lamaanii Bakkoo irratti wal arganii wal simatan.

Dargaggoonnii magaalaa Bakkoo 14 ta'aniis eenyummaan isaanii itti dhaga'amee akka walitti dabalamaani imalicha itti fufan dubbata.

Ibsa waa'ee suuraa,

Dargaggota Baakkoo Tibbeetti itti makaman

Dargaggoonni Oromoo 36 tahan kun magaalaa Tibbee keessa darbanii imala isaani gara Finfinneetti itti fufanii jiru.

Guyyaa meeqatti imala kana xumuru laata?