Kunuunsa Hambaalee: "Masaraawwan Abbaa Jifaar fi Kumsaa Morodaa jijjiganii badaa jiru"

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
'Biyyi biraa hambaa awwaalame qotee baasa, dhalootni keenya garuu kan jiru qonne awwalla'

Masaraawwan mootota durii lixa Oromiyaa jiran lamaan jijjigaanii baduu danda'u jechuun jiraattonni yaaddoo qaban ibsataa jiru.

"Masaraan Jimmaa abbaa Jifaar jigaa jira. Jiguunsaa maalif akka barbaadame naaf hin galle. Garuu dhaloota fulduraa yaa yaadnu" jedhu jiraataan magaala Jimmaa fi qorataan seenaa Obbo Abdulkarim Abbaa Garoo.

Mallattoo qaroomina uummata Oromoo kan ta'e masaraan Jimmaa abbaa Jifaar miidhama cimaa irra gaheen jigaa jira jedhu.

Masaraan umrii jaarraa tokkoo ol lakkoofsise mukkeen utubaasaa tortoranii caccabaniiru. Saanqaawwan lafa irratti diriirfaman miidhamanii irra deemuf sodaachisoo ta'aniiru.

Goodayyaa suuraa Masaraa mootii Jimmaa Abbaa Jifaar

Keenyaawwan dhagaa haala qalbii namaa hawwatun ijaaraman diigamanii lafatti harca'anii mul'atu.

Obbo Abdulkariim haala masaraan kun amma irratti argamurraa ka'un "biyyaaleen biraa masaraa lafatti gadi fagaatee awwaalame qotanii baasu, nuti dhalootni ammaa garuu qonnee lafa keessa awwaalaa jirra" jechuun gadda itti dhagahame himu.

Kana malees hojiin haaromsaa masaraa Jimmaa abbaa Jifaar irra dedeebbiin himamaa ture hojii ogeeyyii beekumsa qabanin hojjetame akka hin taane obbo Abdulkarim himu.

Rippoortarri BBC bakkichatti argame masaraan Jimmaa abbaa Jifaar utubaawwan mukaa darbee darbee dhaabbatan fi keenyaa dhagaa walakaa suuphameen ala hojiin haaromsaa irratti hojjetame akka hin jirre ilaalee jirra.

Hojiin masaraa Jimmaa Abbaa Jifaar kunuunsuufi haaromsuu ega eegalee bubbuleera kan jedhan hogganaan itti aanaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbada Deesisaa garuu osoo hin milkaa'iin tureera jedhan.

"Rakkoon guddaan ogummaan hambaalee akka kanaa osoo bifaafi qabiyyee isaanii hin fooyyessiin haaromsuu biyya keessaa dhabamuudha" jedhu.

Kanaan dura kontiraaktaroota sadii ol waliigaltee mallatteessanii hojii eegalanis waan hin dandeenyeef adda kutaniiru jedhu.

Yuunivarsiitiin Finfinnee qoratee dizaayinii akka baasuuf waliigalameera yeroo gabaabaa keessatti caalbaasiin idil-addunyaa bahee hojiin haaromsu ni eegala jedhan.

Masaraa Kumsaa Morodaa

Masaraan mootii Kumsaa Morodaa bara 1881 uummata Oromoo fi Giriikotaan hojjetame waggoota 130 lakkoofsiseera.

Masaraan mannen seena qabeessa ta'an 10 qabu kun kunuunsa dhabeen dabalataan miidhaan namaan irratti qaqqabe qaamolee masarichaa garaagaraa balleessera.

Waajjirri aadaa fi tuurizimii magaala Naqamttee hojii masara Kumsaa Morodaa daawwachiisuu hojjetullee qabeenyi seena qabeessi kun maqaasaatin akka hin galmoofne fi harkasaa keessa akka hin jirre hima.

Goodayyaa suuraa Kutaa masaraa Kumsaa Morodaa humnootin nageenyaa nyaata bilcheessuf itti fayyadamaa turan

Miseensootni raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa dhimma nageenyaa naannichatti ture sababeeffachuun iddoo qubannaa isaanii gochuun masaraa irratti miidhaa garaagaraa qaqqabsiisaa akka turan hojjetootni waajjira aadaa fi tuurizimii magaalichaa BBC'tti himaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira aadaa fi tuurizimii magaala Naqamtee Obbo Maatiyoos Haayilu "raayyaan ittisa biyyaa masaraa Kumsaa Morodaa akka kaampii waraanaatti galmeeffatee akka jiru odeeffannoo qabna" jedhu.

"Osuma daawwachiisaa jirruu miseensootni raayyaa ittisa biyyaa dhufanii akka hin daawwachiisne nu dhorkan" jedhu daawwachiisaan masaraa Kumsaa Morodaa obbo Gulummaa Bushoo.

Qe'ee masaraa dhiisanii gad lakkisuu isaanii fi hojii biraa irratti ramadamanii hojjechaa akka turan dubbatu.

Miseensootni raayyaa ittisa biyyaa turtii isaanii xumuratanii erga deemanii boodas miseensootni poolisii federaalaa qe'ee masaraa keessa seenanii jiraachuu akka eegalan himu.

Goodayyaa suuraa Keenyaa qorqoorroo masaraa Kumsaa Morodaa humnootin nageenyaa damma murachuuf jecha tarsaasan

Humnootni nageenyaa kun saanqaawwan masarichaa caccabsuu fi buqqisun dabalataan damma murachuuf jecha qorqoorroo keenyaa masarichaa kallattii garaagaraan cicciraniiru.

Kana malees utubaawwan masarichaa nyaata bilcheessuuf itti fayyadamaa akka turan dhageenyeerra.

Kosiin qorqoorroo sooratni saamsame keessaa nyaatame fi humnootiin nageenyaa itti fayyadamaa turanis qe'ee masaraa Kumsaa Morodaa faalee jira.

Dhimma kana ilaalchisee yeroo heddu gabaasaa akka turan kan himan obbo Maatiyos dhimmichi mummee ministiraa duraanii Haayilamaaram Dassaalany bira gahullee furmaata hatattamaa akka hin arganne BBC'ti himaniiru.

Yeroo labsii muddamaa waraanni itti galuufii miidhaan irra gahuun dhugaadha jedhu Obbo Kabbadaan.

Amma akka keessaa bahan taasifamee, miidhaan irra gahe maalii akkamiin haaromuu qaba kan jedhu ogeeyyiin qorataa jiru jedhan.

Akkuma qorannoon xumurameen bu'aa isaarratti hundaa'uun hojiin haaromsaa itti fufas jedhaniiru.

Magaalaan Naqamtee sababa miidhaa guddaa masaraa Kumsaa Morodaa irra gahe fi humnootii nageenyaan qabamee turuusaatin galii daawwii masaraa kanarraa argachaa turte dhabdeetti.

Akka odeeffannoo jalqaba torbee kanaatti waajjira aadaa fi tuurizimii magaala Naqamtee irraa argannetti qorannoo haaroomsa masaraa kanaaf maallaqni miiliyoona 1.2 ramadamee jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata