Sudaan Kibbaa: Xiyyaarri hara Yirol keessatti kufee namoonni '19 du'an'

Madda suuraa, Radio Miraya
Xiyyaara haroo Yirol keessatti kufee caccabe
Xiyyaarri kun osoo hurrii baayyee yabbuu ta'e keessa kutee qubachuuf jedhuuti kan kufee namoonni 19 du'an.
Balaan kan mudate Giddu gala Sudaan Kibbaa Haroo Yirol keessatti, jedha gabaasi argame.
Namoota imalarra turan keessaa namoota afur, kan daa'imman lama keessatti argaman, qofatu lubbuun ba'an jedhu qondaalli mootummaa Taban Abel Aguek.
Balaliisaa fi gargaaraan isaa, fi miseensonni fannoo diimaa namoota du'an keessaati.
Xiyyaarri kun utuu imaltoota 23 fe'ee magaalaa Jubaa irraa gara Yirol imalaa jiruuti kan Dilbata kaleessaa kufee caccabe.
Bara darbe ji'a Bitootessaa keessa Xiyyaarri Jubaa irraa gara Wau namoota 43 fe'ee imalaa ture kufee ture, imaltoota keessaa garuu tokkollee hin duune.
Danaa Sudaan Kibbaa kan Jubaa, fi Yirol agarsiisu