Karaan Zaalambassaa - Sanaafee dhagaan ugguramee ture har'a diigame

Madda suuraa, Muluberhan
Daangaa Itiyoo-Ertiraa irra, karaan Zaalambassaa - Sanaafe dhagaan uggurame ture har'a diigamuusaa namoonni ijaan argan BBCtti himan.
Namoonni iddoo sanaa taate kana ijaan argan BBCtti waan jedhan, dahannoon (mishiggii) Ertiraa dhiheenya ture diigameeras jedhan.
Daangaa kanarratti ayyaana uummatoonni biyyoota lamaanii walitti dhufanii wal argan taasifamuuf, dunkaanni (daasiin) dhaabamaa jira.
Madda suuraa, Yonas Fiseha
Loltoonni biyyoota lamaanii baniinsa karaa kanaarratti hirmaataniiru
''Gama Ertiraan dahannoo isaanii diiguu kan eegalan barii sa'aatii 12 irraa eegalati. Looltootatu diige. Gama Itoophiyaan ammoo, tulaan dhagaa daandicha cufee ture, uummataa fi loltotaan akka diigamu ta'eera,'' jedha iidichatti taate kana hordofaa kan ture Yoonaas Fissahaa.
Kana malees miseensonni raayyaa biyyoota lameenii lafa fanjiin (dhuka'aa) awwaalame ture qulqulleessaniiru.
Madda suuraa, Muluberhan
Madda suuraa, Yonas
Dunkaanni dhaabamaa jira