Ibsa KFO fi ABO: "Waan uummatni hin feene hojjechuu hin barbaannu"

Ibsa Kongirasiin federaalawaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo har'a walin kennanin dhaabbileen lamaan walin hojjechuuf waliigaluu isaanii beeksisaniiru.
Dhaabbileen lamaan marii hagayya 24 bara 2010 taasisanin ijaarsa sirna dimokiraasii, federaalizimii, olaantummaa seeraa fi nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti akkaataa faayidaa uummata Oromoo eegsisun walin hojjechuuf waligalteerra gahusaanii beeksisaniiru.
Garaagarummaan ABO walin qabnu erga dhaabbichi karaa nagaatin qabsaa'uf murteesse booda dhiphateera kan jedhan itti aanaan dura taa'aan paartii kongirasii federalawaa Oromoo Obbo Mulaatu Gammachuu dhaabbileen lamaan dantaa uummata Oromoo eegsisuf walin hojjetu jedhaniiru.
Miseensi shanee gumii, gumii sabaa ABO Obbo Ibsaa Nagawoo sarbamuu mirga namoomaa, hanqina olaantummaa seeraa fi hanqina dimokiraasii irratti yaada walfakkaataa qabna kanarattis wal-hubannoorra geenyera jedhaniiru.
"Tokkummaan siyaasaa bifa heddu qaba. Walitti makamus dhiisus miti" kan jedhan miseensi shanee gumii gumii sabaa ABO Obbo Ibsaa Nagawoo "akka Oromootti garuu fedhii waliinii waan qabnuf walin hojjechuuf waliigalleerra jedhan.
Mariin KFO walin taasisan akka hojiitti hiikamu ni barbaanna kan jedhan Obbo Ibsaa Nagawoo "tokkummaa dhaabbolii siyaasaa Oromoo qabatamaan mul'atuf dursa ni laannaa jedhaniiru.
Bu'aa walta'iinsaa fi bal'inna walitti dhufeenya paartiilee lamaan gidduu jirus marii gara fulduraatti taasifamu bu'ureefachuun akka uummataaf beeksisan Obbo Ibsaan himaniiru.
"Paartiilee siyaasaa biyya alaatii dhufan fi sababa qabsoo Oromoof biyyaa bahanii turan walin hojjechuuf qophiidha" kan jedhan itti aanaa dura taa'aan paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu "paartiilee biyya keessaa turan fi waggoota darbanitti ajjeechaa fi hidhaa uummata Oromoo keessaa harka qaban fi gaafii mirgaa gaafachaa turre morman walin garuu hin hojjennu" jedhaniiru.
ABO walin makkamuu yookin tokkummaa uumuf wantootni baay'een nu hafu kan jedhan Obbo Mulaatun dhimmoota irratti waliigallu irratti garuu walin hojjechuu itti fufna jedhan.
Itti aanaa barreessaa olaanaan KFO Obbo Dajanee Xaafaa gama isaanitin "sirriitti wal barree walin mari'annee akkaataa uummatni keenya nu iyyaaftun nuyis wal iyyafannee walin hojjenna" jedhaniiru.