Ayyaanota ganamaa Oromoo bari'uu birraa himan

Aayyolii huccuu aadaa uffatan Image copyright Getty Images

Oromoon bara haaraa jedhee yeroon itti kabaju wayita roobni guddaan darbee, ililliin birraa daraaruu fi malkaan taliila ta'u dha jedhu ogeessotni aadaa fi seenaa Oromoo.

Waqtiin kun kutaalee Oromiyaa gaaraagaraa keessatti gargar bahuu mala kan jedhan hayyuun aadaa fi seenaa obbo Dirribii Damisee, akka lakkoofsa biyyatti fuulbaana 14-16 gidduutti haaluma ayyaantuun murteessuun ayyaana Masqalaa ykn Gubaa jedhamuun kabajama jedhan.

Ayyaanni kun ayyaana abbaan Gadaa itti hinnaa bahee ibsaa ibsee bara haaraa itti labsudha jedhu obbo Dirribiin.

Dhiirris dubartiinis akkuma naannoo naannoo isaaniitti baratameen sirba adda addaan ayyaanicha faayu.

Naannoo Shawaatti warri dhiiraa ''Iyyooshee daree, daraar birraa daree'' jechaa bari'uu birraa faarsu.

Shamarranis ''Aadaabirraa yaa sherree koo qarree durbaa baalliinaadu, Kutaa koo kutaa koo, kutaa miican jirbii kuraa koo kuraa koo kuraa miidhagdittii'' jechuun uumamas, namas rabbis faarsuun galateeffatu.

Ayyana kanarratti shamarran akka ayyaana ingiccaa ykn qunnii buqqifannaa qe'ee namaarra deemanii hin sirban.

Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalama jedhu obbo Dirribiin.

Hiika ayyaana Masqalaa bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatiin akka lakkoofsa biyyaatiin Fulbaana 17 kabajamu waliin waan walqabatu hin qabu, ayyaanni kun Ayyaana ganamaa Oromooti.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa hogbarruu fi aadaa kan ta'an Dr. Darajjee Fufaas ayyaanni bara haaraa Oromoon qabu bu'uurri isaa ''bacaqiin gannaa darbee booqaan birraa dhufuudha'' jedhu.

''Oromoon Ayyaanota ganamaa jalqabee ayyaaneffatu 27 qaba.'' Guyyaa kamirra ayyanota 27 keessaa inni kum akka kabajamu kan murteessuu warra ayyaantuuti jedhu Dr. Darajjeen.

Ayyaanonni kun Tabulaa Talbaana, Adulaa, Adulaa duraa, Ruuda, Rurruma, algaajima fa'a jedhamee maqaan kan beekamuudha. Guutuu Oromiyaatti ayyaanota maqaa walfakkaatuun kabajaman keessa kunniin adda dureedhas jedhu ogeessi kun.

Ayyaanotni ganamaa Oromoo kunniin kaan dagatamanii kaan ammoo bifa ganamaa isaanii dhabanii kan ayyaneffatamaa jiraniif ''guyyaa akkasitti kana kabaji jedhamee Oromoon waan dirqisiifameefi'' jedhan.

Image copyright Getty Images

Oromoon kaan ammoo Ayyaanotuma Oromoo ganamaa kan sababa amantaatiin itti dhiise jedhu Dr. Darajjeen.

Oromiyaa keessatti bakka tokko tokkotti ayyanoonni ganamaa Oromoo akka Taaboree, Ingiccaa ykn qunnii buqqifachuu, Garanfasa/ Mucucoo, Ateetee, Irreecha, Masqala fi kanneen biroo naannolee muraasatti ammas ni kabajamu.

Ayyaanonni kunniin gariin ganni dukkanni darbee birraan bari'uuf ta'uu ayyanota akeekaniidha.

Waqtiin gannaa darbuu wajjiin walaqabatee malkaatti bu'anii irreeffachuun wantoota Oromoon aadaa isaa ganamaan bara haaraa simachuu isaa itti mul'isu keessaati jedhu Dr. Darajjeen.

Garaanfasa/ Mucucoo/

Ayyaanni kun Hagayyaa 15 fi 16 keessa ayyaana ijoollee fi shamarranii ta'ee akka jala bultii dhufaatii birraatti ilaalama. Ibsaa ibsuun ayyaaneffatama.

Ejersa ykn laaftoo muranii lafa walatajjii gosaatti dhaabuun gara galgalaa daa'imman ibsaa gubanii sirbuun ayyaanni mucucoo, Garanfasa, ykn Masqala Oromoo kabajamee oolaa jedhu Dr. Darajjeen.

Kormi ganna qotaa bahe wayita birraan bari'u gadhiifatee waan gaansuuf ,''Gaana cirrii godhi rimaa haxxee godhi'' jedhamee eebbifama.

Ayyaanni kun yeroon qotisaa darbee qotiyyoon kan itti hiikamu, Gindoon kan itti fannifamuudha.

Qunnii/ ilillii buqqifachuu ykn Ingiccaa

Ayyaanni kun Ayyaan dubartiin hin heerumiin hiriyyoota ishee waliin marga lalisaa ykn qunnii jedhamu buqqifachuun mana ollaa fi firarra naanna'uun sirbituudha.

''Buqqisa buqqifannaa gurguddaan nurraa haa deemu xixinnaa guddifanna'' fa'a dubbarri geesse heerumuu fi kan ol adeemaa dhufan simatu.

Image copyright Gammadaa Olaanaa

Nannoo Oromoo Maccaatti shamarran kan qunnii buqqifatanii sirban ganama barii guyyaa ayyaana mucucoo akka ta'e obbo Dirribiin ni himu.

Shammarran kun mana namaarra deemanii ''hiyyoo ya daraareehoo'' jedhanii yoo sirban, mataa isaanitti dhadhaa dibamanii, itittuu dhuganii nyaataniifi eebba argatanii galu.

Bakka tokko tokkotti aadaan kun wal makaa dhufee maallaqa fudhatu malee dhadhaa dibuu fi Itittuu dhuguun hafaa jira akka obbo Dirribiin nutti himanitti.

Ayyaanni kun naannolee tokko tokkotti akka lakkoofsa biyyaatti jala bultii ayyaana bara haaraa jedhamee kabajama.

Taaboree

Taaboreen ayyaana ijoolleti. Godina Wallagga Bahaatti Waxabajjii 12tti kabajamuu eegala.

Ayyaanni kun ce'uumsa ijoollummaa gara dargaaggummaatti godhamu agarsiisa.

Jiraataan Horro Guduruu wallaggaa Silashii Baayyisaan ayyaana kanaaf dhangaalee qophaa'an keessaa inni guddaan Cumboo, cororsoo/ baqsaa jedha.

Ayyanni gara galagalaa ayyaneffatamu eegalu kun godoo akka salphaatti hin jigne ijaaruun sirna Ijoollummaa gara dargaggummaatti ce'uuf yaalii taasifamutu mul'ata.

Godoo sana keessa daa'mni ijoollummaa gara umurii dargaggummaatti ce'u Godoo jigsee bahuuf yaala. Ijoolleen umurii isaa keessa jiran yoo isa qabanii hambisan ykn yoo kuffisan Mucaan kun dargaggummaa isaa labsuuf waggaa tokko eeguu qaba.

Hiriyyoonni umuriisaa keessatti argaman akka garee isaanii keessaa hin baane qaccee ykn uleen eeggatu.

Fiigee bahee mana keessaa meeshaa abbaa isaa keessaa eeboo ykn Gaachan yoo qabatee dargaggummaa isaa labsa.

Shamarreen gara Dragaggummaatti ceetus godoo sana keessaa yoo baate gola seentee qoda bukoo haadha qabachuun dargaggummaashee labsiti.

Ayyaana kana irratti ijoollen ''Taaboree taaboree waajjuu harmee koof ilma laadhu, Taaboree taaboree waajjuu obboo koof horii laadhu'' jechuun sirbu.

Ateetee

Ateeteen ayyaan dubartoota qarree saaqataniiti. Dubartii abbaa mana godhatetu kabaja.

Ateet facaafachuuf dhaadhaa qulqulluu fi coqorsa sagal muranii qopheessu.

Coqorsa sana jilba irra kaawatanii dhadhaan qulqulluun maasaroon irratti erga nam'ee booda tuqatanii mormatti si'a shan facaasuun kabajama.

Ililleenis naqa shantu taasifama.

Dhaadhaan sirna kanarraa hafe qulqulluu waan ta'eef horii isanii ittiin eebbisu. Kormaa ittiin muudani, goromsatti facaasu.

Daamotii ykn ibidda qe'ee loonii duratti gubu. karra horiis bananii horii hundatti dhadhaa facaasu.

Sirni kun gaafa Fulbaana tokko akka raawwatamus barsiisaa Silashiin nutti himaniiru.

Sirni kun bari'aa jiraachuu birraa fi waqtiin asheeta itti nyaatan dhiyaahuu sababeefachuun hormaanni looniis kan namaas akka qajeelu rabbiin kadhachuun eebba godhamu akka ta'e ogeeyyin aadaa ni himu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata