Erga Buufati xiyyaaraa haleelamee xiyyaarri Liibyaa daandii balaliinsaa jijjiire

Walitti bu'iinsa hidhattoota gidduutti Tirippoolii keessa tureen Buufati Xiyyaaraa Mitigaa hamma yeroo dhiyootti cufamee ture Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Walitti bu'iinsa hidhattoota gidduutti Tirippoolii keessa tureen Buufati Xiyyaaraa Mitigaa hamma yeroo dhiyootti cufamee ture

Liibiyaa keessatti Buufati xiyyaaraa tajaajila kennaa jiru Mitigaa qofa, Innis magaalaa Tirippoolii keessatti argama.

Buufati kun wayita rooketiidhaan haleelamu xiyyaaronni hedduun kallattii balaliinsaa gara biraatti jijjiirrataniiru.

Haleellaa Mitigaatti kaleessaa galgala mudateen lakkoobsi namoota miidhamanii fi du'anii gabaasi mul'ise hin jiru.

Erga walitti bu'iinsi hidhattoota gosaa gidduutti eegalamee kaasee cufamee kan ture buufati kun Jimaata darbe banamee hojiisaa itti fufuu eegaleera.

Qaamni deggersa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qabu Liibiyaa keessatti biyya bulchaa jiraatus, hidhattoota ammallee kutaalee biyyattii tokko tokko qabatanii jiru.

Haleellaa raawwatame kana hordofee kallattiin balaliinsaa Masirii, magaalaa Aleksaandariyaarraa gara buufatichaa qubachuuf ture gara magaalaa Misraataattii kallattii jijjiirrateera.

Akka gabaasa AFPtti Kallattii balaliinsaa kanneen biroos jijjiiramuuf jedhu, xiyyaaronni Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Tiriippoolii turanis gara Misraataatti geeffamuuf jedhu.

Daandiin qilleensaa Liibiyaa imala biyyoota lakkoobsaan murtaa'an qofatti imala taasisa. Gamtaan Awurooppaa sababa nageenyaatiif jecha ofirraa ittiseera.

Odeessa kana irratti dabalata