Paartileen siyaasaa: 'Gareen Oromoo balleessuuf gurmaa'ee socho'u akka jiru hubanneerra'

Aanga'oota paartilee Oromoo haala yeroo irratti wayita ibsa kennan
Goodayyaa suuraa Aanga'oota paartilee Oromoo haala yeroo irratti wayita ibsa kennan

Paartileen siyaasaa Oromoo shan gochaan magaala Burraayyuufi Finfinnee keessatti Oromoota irratti raawwatame kan isaan gaddisiise ta'uu himan.

Dhaabbileen Oromoo shan KFO, ABO, ABO Tokkoome, Adda Dimokiraatawaa Oromoofi Addi Tokkummaa Walabummaa Oromoo haala siyaasaa biyyattii tibbanaa irratti erga Fulbaana 12 mariyatanii booda ibsa waliinii baasaniiru.

"Gareen Oromoo balleessuuf gurmaa'ee socho'u akka jiru hubanneerra" jedhan. Paartileen siyaasaa tokko tokkos namoonni dhaadanoowwan "Oromoofi Nootummaan Naannoo Oromiyaa magaala Finfinnee keessaa yaa bahan" jedhan qabatanii akka bahan godhaniiru.

Miidiyaalee rakkoo afarsan abaaruu

Dhaaboleen Oromoo shanan miidiyaalee ummataaf uummata walitti buusuuf hojjechaa jiran jedhanis balaalefataniiru.

"ESAT propogaandaafi olola maqaa balleessi Qeerroo irratti baneera" kan jedhan barreessaa Olaanaan KFO Obbo Baqqala Garbaa "miidiyichi Qeerroo bulguu fakkeessuun dhiyeessera" jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa karaa nagaan dorgomuu hin barbaanne maallaqa sobaa namootaaf raabsuun okkara uumuufi mootummaan biyyattii bulchuu kan dadhabe fakkeessanii aangoo qabachuuf socho'aa akka jiranis Obbo Baqqalaan himaniiru.

Namoonni yakka raawwatan seeratti akka dhiyaataniif miseensonniifi deeggartoonni keenya mootummaa cinaa ni dhaabbatu jedhan.

"Namoota muraasaafi miidiyaa tokkoon biyyi yeroo diiggamu ilaaluu hin barbaadnu. Balaaleffachuu qofa osoo hin taanee namummaaf jennee uummata cinaa ni dhaabbanna."

Ibsa waliin baasan kanaan halleellaa qabeenyaa akka manneen barnootaa Afaan Oromoo, baankiiwwaniifi kollejjootarra ga'es balaaleffataniiru.

Federaalizimii ilaalchisee

Sirna Federaalizimii rakkoo eenyummaa baroota dheeraaf Itoophiyaa keessa ture furuudhaaf diriirfame humnoonni dantaa hin qabne ka'umsi rakkoo kanaa federaalizimii akka ta'e mullisuudhaaf yaalii gochaa akka jiran ibsuudhaan ibsichi balaalleffateera.

Kanaaf, nuti paartileen Oromoo sochiin miidiyaalee dabalatee taasifamaa jiru kun balaa eenyummaa keenyarratti dhufe waan ta'eef cimsinee balaaleffanna, jedhaniiru.

Finfinnee Ilaalchisee

Image copyright Getty Images

''Iddoon har'a Finfinneen irra argamtu wiirtuu gosoota Oromoo Eekkaa, Gullallee fi Galaan durii akka ture kan haalu hinjru,'' kan jedhan dhaabbileen kunniin, gosoonni kunniin lafasaaniirraa humnaan buqqaafamaniiru jedhu.

Kanaafis jedhan, ''Finfinneen kaleessa, har'aa fi boruus qaama Oromiyaa fi bakka jireenyaa uummata Oromooti,'' jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata