Irreecha: Sirna Irreechaa namoota jaha irraa hanga miiliyoona jahaatti

Irreenfannaa bara 2018 keessaa kunoo shamarran yoo waaqasaaniif galata yoo galfatan
Goodayyaa suuraa Irreenfannaa bara 2018 keessaa kunoo shamarran yoo waaqasaaniif galata yoo galfatan

Ayyaanni irrechaa sirna Gadaa waliin wal qabatee waggota 3000 oliif kabajamaa akka ture hayyoonni seenaa ni himu.

Oromoonni naannoo golga laga Abbayyaa jiraatan malkaa Abbayyatti bahuun, kan gidduu gala biyyaa ammoo Hora Har-sadiitti bahuun kabajaa turan jedhu qorataan seenaa Giddu gala aadaa Oromoo Obbo Alamaayyoo Haayilee.

Booda garuu haalota turaniifi facaatii uummata Oromoo waliin wal qabatee naannoo naannoo isaaniitti kabajaa akka turan himu.

Jaarraa 16ffaatiin asitti garuu babal'in amantaa Kiristaanaa fi Islaamaan wal qabatee sirni Gadaas tahe kabajni ayyanichaa laafaa dhufee jedhu obbo Alamaayyoon.

Haa tahu malee baruma baraan bayyannataa dhufuun amma adunyaa guutuun hanga barutti gaheera jedhan. Bara mootota Itoophiyaa keessa kabajni ayyaana kanaa maal fakkata ture?

Ayyana Irreechaafi bulchiinsa Minilikii hanga 1983tti

Bara bulchiinsa Minilik keessa kabanji ayyana Irreechaa akka malee dadhabaa dhufe. Oromootnis dhokachuudhaan kabajuuf yaalaa akka turan qorattotni seenaa lafa kaa'u.

Akkuma walitti dhiyeenya jireenya isaaniitti wal waamuun malkaatti bahanii kabajaa turan jedhan qorataan seenaa Obbo Alamaayyoon.

Moototni Minilikii hanga Mootummaa Dargiitti jiran amantaan tokko qofa akka jiraatu waan barbaadaniif namni kamiyyuu amantaa biraatti qabamee akka jiraatu eeyyamaa hin turre.

Yeroo sana amantaan Kiristaanaa qofa akka jiraatu waan barbaadaa turaniif akka amantaa seexanaatti ilaalamaa ture jedhu Obbo Alamaayyoon.

Bara Haayilesillaasee fi Dargii Manguddota Liiban, Galaanii fi Handaatu dhokatanii subii ka'uun namootni xiqqoon dhaqanii irreefatanii galaa turan kan jedhan ammoo baObbo Dirribii Damusseeti.

Mootichi Haayilesillaasee illee kabaja ayyaana kanaa waan beekaniif dhorkisiisaa akka turan Obbo Alamaayyoon ni dubbatu.

Haa tahu malee Hora Har -Sadii akka bakka Bashananaatti itti fayyadamu jedhan. Qabsoo baratootaa cimmaa Oromoonni hedduun aarsa tahaniin kan taayitaa qabate mootummaan Dargiis mirga amantaa uummataa eeguu waan hin dandeenyeef ukkaamsaan itti fufe.

Image copyright Anadolu Agency
Goodayyaa suuraa Namoota Irrechaaf bahan

Kanaaf namni Irreecha deemu hunduu akka deeggaraa ABOtti waan ilaalamuuf darara guddaan namoota hedduu irra gaa akka ture kan himan ammoo Obbo Dirribii Damusseeti.

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga hundeeffamee mirga Oromoo, Tokkummaa Oromoof fi misooma Oromoof qabsoo gaggeessaa waan tureef Irreechi akka deebi'uuf dhaaba shoora olaan bahate akka tahe Obbo Alamaayyoon dhugaa bahu.

Haa tahu malee Waladaan Maccaaf Tuulamaa fi ABO'n waliiti qabamuun akka balaaleffatamu gochuun mootummaan tarkaanfii irratti fudhataa turuu himu.

Irreecha bara 1983 booda

Erga mootummaan Dargii kufee naannoleen hundeeffamanii mirgi namoomaa akka kabajamu jedhamee Waldaan Maccaafi Tuulamaa hojii eegale akka itti fufuuf sochiin jalqabame.

Waldichi hariiroo ABO waliin qaba jedhamee maqaan shororkeessumaa waan itti kennameef kaayyoo Oromoo ganamaa hundeeffameef sana galamaan gahuu hin dandeenye.

Irreechis isaan keessaa tokko waan taheef jibbamnus namootni Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa keessaa cimnee hojjechaa turre jedhan Obbo Alamaayyoon.

Bara 1988

Obbo Dirribii Damussee kabaja ayyaana Irreechaaf bara 1988 dargaggootni manguddoota Waldaa Maccaafi Tuulamaa waliin walitti makamuun namoota jaha tahantu magaalaa Finfinnee irraa deemuun irreeffate jedhan.

Namootni bakkeewwan biroo irraa hirmaatan hin jiru ture. Amantaa seexanaa balleesinee turre deebisanii kaasaa jiru bakka nuyi awwaallee jechuun otuma dhiibbaa nurraan gahanii cimnee itti fufne jedhan Obbo Dirribiin.

Bara 1989

Magaalaa Finfiinnee irraa namoota 14 tahan irreecha deemuun akka kabajan BBCtti himan.

Namootni akka Lammii laggasee fi Fayisaa Dirribsaa fa'a jedhaman yoo uummata keenya baay'inaan nuuf fidde jennee daabboo lama lama wareeganii galan jedhu Obbo Dirribiin.

''Anis yaa waaqayyo yoo saba kana gara eenyummaa fi aadaa isaatti nuuf deebiste jedheen achuma dhaabbadhee wareega wareege,'' jedhan Obbo Dirribiin.

Bara 1990

Namoota 20 hin caalletu Finfinnee irraa deeme. Waliigalaan namootni hanga 2,000 caalan dhufanii irreeffatan jedhu Obbo Dirribii. Guyyaa sana daabboon wareegamee ture hiramee achuma odaa jalatti galateeffanne jedhan.

Dabalataan waanan galii argadhu irraa wareege gara qarshii kuma 6 waanan argadheef isaan sagalee guddistuu biteen, wal tajjiin irra dhaabatan mijeesse jedhan Obbo Diribii Damussee.

''Ani Irreechi maal akka tahe wal tajjii irra dhaabadheen namoota muraasa achi jiraniif ibse. Amantaa seexanaa akka hin taanes, duudhaa uummata keenyaa tahuu fi waaqa tokkichaaf galata galchuu akka tahen dubbadhe.

Bara 1991

Magaalaa Finfinnee irraa qofa konkolaataa guutuun gara namoota 60tu deemee irreefate. Waliigalaan namootni kuma 20 tahantu irraafatee gale. Karaa waldaa Maccaa fi Tuulamaas dubartoota shan tahanitti uffata aadaa uwwisuun fuudhanii akka deeman himu.

Bara 1992 fi 1993: Dargaggoonnii fi shamarran Oromoo wal walitti himuun kumaatamaan dhufanii irreefataa turan. Yerootti uummanni keenya dammaqee maalummaa Irrechaas hubate ture jedhan.

Obbo Alamaayyon ammoo bara 1993 deegartootni ABO fi ODP [Dh.D.U.O] walitti bu'anii waan tureef akka irreechi kan paartii kamiiyyuu hin taaneef irratti hojjetamaa turee furamuu himan.

Bara 1994: Lakkofsi namoota irreecha irratti hirmaatanii Miiliyoona tokko gahuu kan himan Obbo Dirribiin ergasii wagguma waggaan hanga adunyaa irratti dinqisiifamutti guddate jedhan.

kun hundi garuu hidhaa fi dhiibbaa hedduun booda akka tahe himu.

Irreecha bara 20000 as

Oromonni kaabaa fi Kibbaa, Bahaa fi Dhihaa wal tajjii irratti wal arguun waaqa galateeffatanii fi tokkummaa isaanii itti ibsani dha jedhan Obbo Alamaayyoo Haayilee.

Lakkoofsi namoota irrecha irratti argamanii biyya keessaa fi alaan turistoota dabalatee gidduu galaan Miiliyoona afuurin ol jedhe hayyoonnin dubbise lamaanuu.

Keessumaa Irreecha bara 2008 irratti namootni Miiliyoona jahaa ol tahan argamuu Obbo Alamaayyoon himu. Kanuma irraa ka'uun sirni Gadaa akka adunyaa irratti beekamu taasiseera jedhan.

Haa tahu malee lubbuun namoota hedduu achitti waan darbeef bara darbe gara miiliyoona shanii kan tahutu argame jedhu.

Irreecha bara kanaa maaltu adda godha?

Obbo Alamaayyoo Haayileefi Obbo Dirribiin bara kana lakkofsi namoota argamanii isa yeroo kamirraayyuu adda taha jennee abdanna jedhu.

Barri kun uummata keenyaaf bara injifannoo gurguddaa ture, bara rakkinni siyaasaa guddaan jiruyyu miiliyoonotaan bahee irreefachaa kan ture bara kana immoo garmalee dabaluu danda'a jedhu.

Gama biraa akka durii kun alaabaa paartii kanaati, ati deegaraa paartii kanaatii wantootni jedhaman waan hafaniif gammachuu fi nagaa guddaandhaan uummatni keenya irreefatee gala jennee abdanna jedhu.

Uummatni Oromoo Gadaa shan jalatti qoodamnee haa jiraatu iyyuu malee gaafa irreechaa tokkummaa isaa kan ittiin ibsu waan taheef hundinuu argamuuf yaala jedhu Obbo Alamaayyoon.

Irreechi bara kanaas kan Tokkummaa fi milkoominaati jedhan. Abbaan Gadaa Birmajjiis bara kana Baallii Abbaa Gadaa Meelbaaf dabarsee kan kennu taha.

Irreechi seenaa kana dabarsee lakkoosi Oromoota hirmaatan biyya keessaafi alaa waggaa waggaan miliyoonotaan dabaluurra darbee sabaafi sablammoota biyyaa keessa akka Sidaamaa, Gaamoo, Alaabaafi kan biroon irratti hirmaataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata