Yaman: Waggaa 100 keessatti fiixee beelaa isa hammaataa

Dhaabbatni biyyoota gamtoomani Yamanitti namoonni miiliyoona 13 ta'an beelaaf saaxilamuu akeekkachiise
Goodayyaa suuraa Dhaabbatni biyyoota gamtoomani Yamanitti namoonni miiliyoona 13 ta'an beelaaf saaxilamuu akeekkachiise

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomani biyyi waraanaan goolamaa jirtu Yamanitti namoonni miiliyoona 13 ta'an beelaaf saaxilamuu akeekkachiise.

Tokkummaan loltootaa kan Saa'udii Arabiyaan durfamuu haleellaan qilleensarraan raawwatun lubbuun lammiilee nagaa darbaa jiru akka dhaabatu dhaabbatchi kan gaafate yoo ta'u kun waggaa 100 keessatti beelaa isa hammaataa akka ta'u sababa jedheera.

Goodayyaa suuraa Daa'ima beelaan miidhame

Waraanni waliinii Yaman waggaa sadii dura hidhattoonni haawuti kan Iraaniiin deeggaraman Sana'aa dabalatee magaalota biroo hedduu wayita qabatan eegale.

Saa'udii Arabiyaan biyyoota Lixaa akka US, UK fi Fraansiin deeggaramaa mootummaa biyyattii aangorra jiru gargaaruun haleellaawwan qilleensaa hedduu raawwachaa jirti.

Erga waraannii Yaman eegalee namoonni 10,0000 ta'an lubbuu isaanii yoo dhaban miliyoonaan kan lakkaawaman baqaaf ta'aniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata