Wallagga Bahaatti dhukaasa banameen poolisiin federaalaa tokko ajjeefame

Xiyya poolisoonni federaalaa namoota Benishaangul Gumuz irraa qabame Image copyright Yeeyyis Birruu
Goodayyaa suuraa Xiyya poolisoonni federaalaa namoota Benishaangul Gumuz irraa qabame

Dhukaasa har'a naannoo daangaa Benishaangul gumuz Godina Kamashii fi Oromiyaa Wallaga Bahaatti uumameen miseensi poolisii federaalaa tokko ajjeefame.

Wal dhabdee yeroo dhiyoo naannoo Benishaangul Godina Kamaashii fi daangaa Oromiyaa Godina Wallaga Bahaatti uumameen namootni 20 ol yoo ajjeefaman kuma 75 ol qe'eerraa buqqa'aniiru.

Kana hordofee mootummaan warri qe'ee irraa buqqa'an akka gara qe'ee isaanitti deebi'an taasisuu fi nageenya naannichaa tasgabbeesuuf humnoota nageenyaa nannichatti bobbaasuu namootni BBC'n dubbise himaniiru.

Har'a garuu naannoo daangaa aanaa Saassiggaa jedhamtutti poolisoota federaalaa nageenya eegan irratti dhukaasni qaama hin beekamneen banamuun lubbuun poolisii federaala tokko du'uun kan biraas madaa'eera.

Miseensi poolisii bakkicha tureefi hiriyaansaa biraa rukutame yaalsisuuf hospitaala naqamte ture Ababaayyo Boggaalee, osoo nuyi quba hin qabaatiin daheeffatanii dhukaasa nurratti banan gama Benishaanguliin jedhe.

Qaama akkamii akka tahan adda baasnee beekuu baannus dhukaasa nurratti banameen namni tokko du'eera jedhe.

Poolisiin federaalaa tokko achumatti rasaasaan rukutamee erga du'eeti kan hospitaala keenya fidanii jedhu, hospitaala riferaalaa Naqamteetti ispeeshalistii tajaajila baqaqsanii yaaluu Dr Haayilayesuus Tasfaayee.

Kan biraan ammoo qoma jala rasaasan rukutamuun yaalii cimaan taasifamaafi akka ture BBCtti himan.

Dabalataan xiyyi baay'een akka eebootti qara miidhaa hamaa namarraan geesisuu danda'uu to'atamuu namootni ijaan arganii fi poolisiin federaalaa dubbisne Ababayyon BBC'tti himaniiru.

Image copyright Yeeyyis Birruu
Goodayyaa suuraa Xiyya poolisoonni federaalaa namoota Benishaangul Gumuz irraa qabame

Xiyyi qabames summii hamaa akka dibamee jiru namni ijaan argee suuraa kaase jiraataan magaalaa Naqamtee Yeeyyis Birruu himeera.

Ababaayyoon akka jedhetti ammoo xiyya qabame ijoollee fi dubartoota dabalatee namootni hedduun naannoo Benishaangul baatanii deemaa akka turan BBC'tti hime.

Poolisii federaalaas xiyya kana to'achuun dhabamsiiseera jedha Ababaayyoon.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata