Itiyoo-Eertiraa: Walitti dhufeenyi daldala Itiyoo-Eertiraa toora qabataa laata?

Walitti daldala Itoophiyaa fi Eertiraa
Goodayyaa suuraa Walitti daldala Itoophiyaa fi Eertiraa

Hariiroon Itiyoo-Eertiraa fooyya'uusaatiin naannoo daangaatti walitti daldalli biyyoota lamaanii ho'uus, seera qabeessa ta'uu dhabuun isaa yaaddoo uumeera.

Eertiraan walabummaashee erga goonfatteen booda hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii bifa akkamii akka qabaachuu malu murteen kaahame hin turre.

Jijjiirraan maallaqaa biyyoota of danda'an lamaan kana gidduu haala kamiin akka gaggeefamuu danda'uus waliigalteerra osoo hin gahamiin ture.

Hariiroon daldalaa fi diinagdee qorannoorratti hundaa'uun ifatti gaggeefamaa kan hin turre ta'uun isaa waraana lubbuu hedduu gaaga'ee darbeef sababa akka tures beektonni dubbichatti dhiyeenya qaban ni himu.

Erga biyyoota lamaan gidduu araarri bu'ee booda daldalli naannoo daangaa jiru jiraattota naannichaa bira darbee kaanis hawwachaa jira. Bu'uura kamiin daldalli kun ho'aa jira dubbiin jedhu baldhinaan ka'aa jira.

Eenyu maal barbaada

Lammiin Eertiraa Gabramasqal magaala Maqalee keessa dhaabee kopheewwan garaagaraa gurgura. Kopheewwan kana Dubaayii fidanii dhufuu fi bakka isaammoo hiriyyoota isaa waliin Maqaleetii Xaafii, bolokkeetti, saanqaa fa'a fudhatanii bitaa akka jiran BBCtti himeera.

Akkuma daangaan biyyoota lameenii banameen qaalayiinsi gatii mudatee akka ture yaadatee amma gatiin sirraa'aa akka jiru dubbata.

fakkeenyaaf xaafii sadarkaa tokkooffaan naaqfaa 3300 gurguramaa ture ammammoo 2500tti gurguramaa jira. Bolokkeettiin tokkko kan naaqfaa 33 gurguramaa ture 25 gadi bu'eera. kanaaf gatiin tasgabbaa'aafi hir'isaa jira.'' jedheera.

Eertiraarraa wantootni akka daakuun aannanii, meeshaalee elektirooniksii, hoolota, kopheefi huccuuwwan gara Itoophiyaatti galaa garasittis xaafiin, daakuun qamadii, buskutiin , simintooni fi meeshaleen ijaarsaa biroon deemaa akka jiran obbo Saamsoon Abrahaa ni himu.

Lammiin Eertiraa biroon, Faasil Mangashaa, ''daangaan banamuu uumata lamaanuu gammachiiseera. uummatootni lameen akka garaasaanitti akka walitti daldalan dandeesiseera. Daangaan kun akka hin cufamnee fi walitti daldalli kunis bifa kamiinuu akka hin danqamne ibsi kennamuu qaba'' jedha.

Sharafa maallaqaa

Wayita dura walitti daldalli kun naannoo daangaatti haaromu birriin tokkof naaqfaan qixa sharafaamaa akka ture daldaltootni keessatti hirmaatan ni himu.

Amma garuu kutaalee Tigraay garaagaraa keessatti sharfni maallaqa lameenii addaddummaa qabaachuu jiraattotni himaniiru. Fakkeenyaaf Adigraatitti Naaqfaan 100 birri 180 sharafamaa jira.

daandii gara Asmaraatti geessurratti ammoo 160 sharafamaa jira. Magaala Maqalee keessatti Naqqfaan tokko birrii 200 sharafamaa jira.

Goodayyaa suuraa Konkolaattota boba'aa guuttachuuf dabaree qabatan

Hanqina boba'aa

Erga daangaan banamee booda biyyoota lamaan gidduu daandii guyyaa walkaatu jira. Amma Finfinnee dabalatee Tigraay keessatti konkolaaattota lakkofsa gabatee Eertiraa qaban arguun baratamaa dhufeera.

Abbootiin qabeenyaa konkolaataa Eertiraa hanqina boba'aarraa kan ka'e dhaabatanii turuu isanii dubbatu.

Namoonni baayyeen boba'aa guuttachuuf guyyoota 3 dabaree eeggachaa akka turan ni dubbatu. konkolaachiftooti baajajii daran rakkachuu isaanii dubbatu.

Akkuma daangaan banameen boba'aa Asmaraattii geessanii gurguruun ho'ee akka ture namoonni BBC'n dubbise ni yaadatu. Kun ammoo hanqina amma mudate daranuu hammeessuu hin oolu jedhu.

Gama dingadeen akkamiin ilaalama?

Hariiroon amma mul'atu yeroofi. sochii idilee miti. Haat'au malee daandii seera qabeessa yoo qabachuu baate waldhabdee uumuu mala'' jedhu ogeessa diinagdee kan ta'an Dr. Tasfaamaariyaam Mahaari.

Madda walitti bu'iinsa wagga 20 dura tures haala amma jiru waliin walfakkeessu. Bara sana biyyoonni lameenuu mallaqa haara itti fayyadaman maxxansiisuu fi sharafni maallaqaa sababa turee jedhu.

Ammaan boodas walitti bu'iinsi walfakkaataan akka hin mudanne ammumaa daldalli kun karaa seera qabeessa akka qabatu xiyyeeffanaan hojjetamuu qaba jedhan Dr. Tasfaamaariyaam.

Odeessa kana irratti dabalata