Balaa Xiyyaraa Indoneezhiyaa: Xiyyaarri Lion Air Jakaartaadhaa akkuma ba'een caccabe

Madda suuraa, AFP
Xiyyaarri Lion Air buufata xiyyaaraa Paaluu keessatti
Xiyyaarri Indoneezhiyaa Boeing 737 namoota 188 qabatee ture akkuma magaalaa guddittii Jakaartaa gadi dhiisee achi buuteen isaa dhabame kufee caccabe.
Xiyyaarri lakkoofsa Flight JT-610n balali'aa ture toora gara magaalaa odola Bangka Belitung kan Pangkal Pinan jedhamtutti isaa qabamerra osoo jiruu ture kan balaan kun mudate.
Xiyyaarri kun akkuma balali'uu jalqabeen daqiiqaa muraasa booda wayita galaana ce'aa jirutti daandii isaa gadi dhiise to'annaan ala ta'e. Namni lubbuun hafe jiraachuun hanga ammaa waanti barame hin jiru.
Maaltu ta'e?
Lakkoofsi balali'uu JT-610 Jakaartaa irraa akka saatii naannoo sanaatti 06:20 Wixata barii ture kan jalqabe.
Xiyyaarri kun balali'uu saatii tokkoon booda buufata xiyyaaraa Depati kan Pangkal Pinang keessatti argamu akka ga'u eegamus akkuma ka'een daqiiqaa 13 booda xiyyaara kana qunnamuun akka hin danda'amne dubbatu aanga'oonni.
Ibsa gaazexeessotaa kennanin aanga'oonni xiyyaarri kufe kun namoota ga'eessota 178, daa'ima dhiiga reefuu dhalattu 1fi ijoollee lama akkasumas warra xiyyaara oofan lamaafi keessumeessitoota shan qabatee ture.
Madda suuraa, Reuters
Maatiiwwan oduu kana dhaga'an yeroo muddama keessa jiranitti
Caccabaa xiyyaara kufee kanaati kan jedhames qarqara galaanaa bakka jikita boba'aan itti calalamu abbaan qabeenyummaa isaa mootummaa ta'e tokko cinaatti mul'ateera jedhu aanga'oonni.
Madda suuraa, Saira Asher
Caccabaa xiyaara kanaa galaanarratti mullata jedhu namoonni
"Xiyyaarri caccabe kun galaana keessa hanag meetira 30-40 gadi fagaateera," jedhu dubbi himaan Ejensii Barbaachaafi Baraaruu Yusuuf Laxiif dhaabbata oduu AFP yeroo dubbatan. "Ammallee caccabaa xiyyaara kanaa barbaadaa jirra."
Hoji gaggeessaan daandii xiyaara Edwaard Sira'iit akka Reuters'tti himanitti: "Sadarkaa kanatti yaada hin kenninu. Odeeffannoo hunda walitti qabachaa jirra."
Lion Air Indoneezhiyaa keessatti daandii xiyyaaraa guddichaafi gatiin isaa gadi bu'aa ta'edha. Balali'a biyya keessaafi biyya alaa irrattillee boba'ee hojjeta.
Daandii xiyyaaraa kun bara 1999 kan hundeeffae yommuu ta'u rakkoo nageenyaa waan qaba jedhameef akkasumas to'annaan isaa baayyee dadhabaa waan ta'eef hanga bara 2016'tti gara Awurooppaatti akka hin balaliine dhowwamee ture.
Madda suuraa, AFP
Xiyyaara Lion Air bara 2013 keessa galaana qarqara Baaliitti argamu keessatti kufee ture garuu yeroo sana namoonni keessa turan hin miidhamne