Imala MM gara Awurooppaa: ''Muudamni dubartootaa jara lixaaf waan gaarii hima''

Madda suuraa, Getty Images
Ministera Muummee Dr. Abiy Ahimadiifi Pirezedaant Imaanu'eel Maakroon
Ministirri Muummee yeroo kanatti gara Awurooppaa imaluun isaanii invastaroota hawwachuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan ogeessi diinagdee Zamadeenah Nigaatu.
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad affeerraa pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon isaaniif taasisaniin kaleessa Faransaay turtii taasisaniiru.
Turtii isaanii kanaaanis hariiroo siyaasaafi dinagdee haala ittiin cimsatan irratti marii taasisaniiru. Dhimmoota ka'an keessaa nagaafi tasgabbii, daldalaafi invastimantii, barnootaafi aadaa irratti waliin hojjechuuf walii galteerra ga'aniiru.
Haasaa maree kana irratti taasisaniin Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad, hariiroo biyyoota lameenii gama hundaan uummachuu fedhan kana akka saffisaan hojiirra oolu gochuudhaaf ni hojjenna jedhan.
Firaansi muuxannoo gaarii godambaa kunuunsuufi eeguu qabduum Bataskaana Dhakaa Laaliibalaa diigamuurraa ga'e baraaruudhaaf waamicha dhiyaateef fudhachuushee ibsaniiru Dr. Abiy.
Nagaa biyyoota Gaanfa Afriikaa Itoophiyaa, Ertiraafi Jibutii gidduutti dhufe akka cimee itti fufuuf waliin akka hojjetanis waliigaltee irra ga'ameera.
Pirezedaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakroon gama isaaniitiin jijjiirama Itoophiyaatti mullachaa jiru Minisitira Muummee Dr. Abiy argamsiisan dinqisiifatanii, fedhii invastimantii misoomaalenn bu'aaraa akka telekoomii akka tiraanispoortii keessatti hirmaachuu akka fedhan dubbataniiru.
Gara Jarmanittillee imaluun hoggantoota biyyattiifi lammiilee Itoophiyaa achi jiran waliin marii ni taasisu.
Ogeessi diinagdeefi dura taa'aan Fandii Fayir Faaks Afrikaa' Obbo Zamadeenah Nigaatu imalli Ministira Muummee guddaa gumaata jedhan.
''Qaamaan yeroo walargan, mootummaa Itoophiyaafis invastarootaaf ofitti-amanamuummaa waan dabaluuf invastimantiin akka dabalu taasisa.''
Ministirri muummee biyyoota dinagdee ciccimoo kanneen akka FaransaayIIfi Jarmanitti imala taasisan sagantaa invastaroota argachuu ni qabu.
Akka Obbo Zamadeenah jedhanitti, duratti invastaroonni gara caalu biyyoota guddataa jiran kanneen akka Chaayinaa, Turk, Hindii fi biyyoota Giddugala Bahaa irraa dhufaa turan.
Booda kana garuu, biyyoota guddatan irraa kan dhufan dabalaa jiru jedhu. Kanaafis, akka fakkeenyaatti paarkii Indastirii Hawaasaatti wana ta'e ni eeru.
Waggoota soddoma darban dureessonni biyoota Lixaa gara Chaayinaa imalaa turanis booda kana biyyoota Afrikaatti imalaa jiru.
Kana keessaa Itoophiyaa 'the next China' jedhuuni jedhan Obbo Zamadeen.
Isa dhaabbilee mootummaa gurguddoo mootummaafi dhaabbileen dhuunfaa waliin akka misoomsan baase inumaa yaada invastarootaa dabalaa jira jedhu.
''Dinagdeen guddachaa deemuun isaa, Itoophiyaan xiyyeeffannoo itti kennuuniifi dameewwan tokko tokko invastaroota alaaf banaa gochaa deemuun ishii invastaroota hawwata.''
Akka tilmaama isaanitti, kan duraanii caalaa waggoota muraasa dhufanitti Yunaayitid Isteet dabalatee invastaroonni hedduu gara Itoophiyaa ni dhufu.
''Booda kana Itoophiyaan dubartoota hedduu aangootti muudde. Pirezidantiin dubartii jalqabaallee muudamaniiru. Kuni jara Lixaaf waan gaarii hima,'' jechuun dubbatu.
Dabalataan, waggoota muraasa darban nageenyi dhibee ture amma tasgabbaa'aa jiraachuun isaa dureessota Itoophiyaatti hojjechuu yaada qabanif dansa jechuun himu.
''Waggoota lamaan darban bara Itoophiyaa keessa rakkoon nageenyaa ture dolaara biiliyoona 4 yoo invastii godhan, ammaa tasgabbii dhufaa jiruun kan dur 4 ture 8 ykn 10 seenuu danda'a.''