'Dhiirri kaansarii harmaan akka dhibamu hin beekun ture'

Moosis Musongaa
Goodayyaa suuraa Moosis Musongaa wal'aansi isaa baayyee cimaa ta'a jedha

Moosis Musongaa ofii dhukubichaan midhamuu isaa baruun dura, dhirooti kaansarii harmaan ni hubamu jedhee yaadee hin beeku

Bara 2013tti yemmuu ogeessoti fayyaa kansarii harmaa sadarkaa sadaffaa akka qabu yemmuu itti himan naasu guddaan akka itti dhaga'amee fi jireenyi isaa akka gaggalagale lammiin Keeniyaa umurii 67 kun BBCtti himeera.

"Amanuu dadhabeen ture. Maaliif dhukubi akkasii na qabata, maaliif dhukuba dhiiraa hin ta'u, maaliif dhiirota addunyaa miliyoona meeqa keessa adda na godhe jedheen yaadan ture," jedha Obbo Musongaa

Kan jalqabe dhiitoo hin dhukkubne xiqqoo fiixee harmaa isaa mirgaaratti ba'ee yeroo booda guddachuu eegaleeni. Sana booda waa fiixee harmaa isaa keessaa yaa'uu eegalee achii qoma isa dhukubuu eegale.

Ogeessoti fayyaa wanta mirkaneessu dadhaban kana wallaanuuf, abba ijoollee shanii, Obbo Musungaaf qoricha dhukkuba damdamichiisu ykn pain killers kennuu itti fufani.

Harmi isaa dhiroota kaanirra addumaan guddaa ta'uus, Obbo Musongaa wanta nama yaadassuudha jedhee hin yaadne.

Kan wallaansa barbaacha dhaqe yeroo harmi isaa mirgaa malaa'uu jalqabe.

Qorannoo taasisame booda Obbo Musungaa akka kaansarii harmaa qabu mirkanaa'e.

"Dhiirri kaansarii harmaan akka dhibamu hin beekun ture, kanaaf akkan kansarii harmaan midhaamaa jiru hubachuu hin dandeenye," jedha.

Wallaansi kaansarii harmaa heedduu cimaadha jedha Obbo Musongaa.

"Rifeensakoo haaddadhee osoo hin taanee, keemikaalatu narraa fixe.

"Saatii dheeraaf deemuu hin danda'u, joonjeessaafi hoqqisaan guyya guyyaan nan rakkadha," jedha

'Loogiin hin jiru'

Yeroo wallaansaa kemoterappi jedhamu eegaletti, haafura isa kutuu waan rakkiseeniif Obbo Musongaa hojii isaa barsisumma kolleejii dhaabuuf dirqameera.

Kaansariin harmaa akka dhukuba dubartootatti waan yaadamuuf, yoo dhukuba isaa himate loogiin narra ga'a jedhee sodaatee ture.

"Nasuutiin utuu na hin loogiin, namootni baayyee dinqamanii kansariin harmaa dhukuba dubartiitti jedhani waan amanaa turaniif waa'ee kaansarii harmaa dhiirota baruu barbaadan," jedha.


Dhirooti maaliif kaansarii harmaan hubamu?

Image copyright Getty Images

Maddi isaa sirritti hin beekamuu, waantootni dhukubichaaf nama saaxiluu danda'an garuu:

  • Qaccee sanyiifi seenaa maatiitiin, gosa qaccee sanyi BRCA1 fi BRCA2 jedhaman kan sirrii hin taane dhaaluu dabalata
  • Haalota hamma hormoonii Ostiroojiini qamaa keessatti dabalaniin, furdina garmalee, Klinefelter syndrome fi madaa'uu kalee (cirrhosis) dabalata
  • wallaansa raadiyooterappi qomee irratti taasisame ture

Waantoota nama saxilan kana hir'isuun kan danda'amu ta'uu hin mirkanoofne, garuu wantooni isin gargaaruu danda'an:

  • Nyaata madaalamaa fayyadamuu
  • Furdina irraa darbaa yoo qabattan hir'isuu
  • Dhugaatii alkoolii bayyinaan dhuguu dhiisuu

Maddi: UK's National Health Service

Dhaabatta Fayyaa Addunyaatti damee qorannoo kaansarii keessa tokko kan ta'e Globocan 2008, bara kana keessa yaalii dhimmii qorannoo kansarii harmaa 6,000 ni ta'a, kun dhimmoota kansarii biyyitti cufa keessaa %12.5.

Afrikaa hundaaratti dhimoot kansaari 170,00 ni jiraatu jedhanii tilmaamu


Oggeessi dhibee kaansarii maal jedhu?

Hospitaala Yuniversitii Agaa Kahaan, Naayroobiitti, ogeessi dhukuba kaansarii ,Dr Sitnaa Mawaanzi, kansariin harmaa dhiiraa wanta hedduu barame miti jetti.

Muxxannoo isheetiin wallaanamtoota kaansarii harmaa 100 keessaa, tokko dhiira ta'a.

Goodayyaa suuraa Dr Sitnaa Mawaanzi, kansariin harmaa dhiiraa wanta hedduu barame miti jetti.

Qaamaa isaanii keessa hammii hormonii ostirojiinii jiru uumaman kan dhiiraa waan caaluuf dubartoonni irra caalaa saaxilamu jetti Dr Mawaanzi.

"Yeroo hamma hormoonii ostirojiinii irra darbaa qabaattu, tishuun harmaa dabalataa akka uumamu kakaasa. Seelota kana keessaa kaan immoo kan barameen ala ta'uun kaansarii harmaa uumuu danda'u," jetti.

Dabalataan dhiirotis dubartoonnis mallattoo dhukuba kanaa keessumaayyu dhiitoo harma keessatti mul'atu akka eeggachuu qaban dubbattetti.

Geeddarmsa bifa gogaa harmaafi caafii harmaa, wanti dhiiga makatee harma keessaa yaa'uufi geeddaramsa bocaa ykn guddina harma tokkoo ykn immoo lamanii mallatoolee dhukubichaa kan biroodha.

Akkasumas kaansariin huuqqina fida jetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata