Narsiin Jarmanii wal'aanamtoota 100 ajjeesuu amane

Madda suuraa, Getty Images
Namoota wallaansaaf dhufan 100 ta'an ajjeeseera jedhamee narsii shakkame, Jarman dheekkamsiiseera
Ogeessi fayyaa lammii Jarmanii yeroo narsii ta'ee hojjechaa turetti namoota wal'aaanaman 100 ta'an ajjeeseera jechuudhaan shakkamee mana murtiitti dhiyaachuun isaa dhaga'amee.
Ga'eessa ganna 41 Niiyels Hoogil jedhamu hospitaalota lama Kaaba Jarman keessatti namoota wallaanaa tureef qorichaa bay'ina ykn doozii miidhaa fiduu danda'uun keennaa ture.
Qorattoonni akka jedhanitti namichi kun namoota wallaanamanii kan ajjeesaa ture, lubbuu namootuma midhee kana kan olchuuf yaalee fakkaate waayiloota isaa biratti jalattamuuf yaadeti.
Namichi kun wayita hojiirra jirutti yakka lubbuu balleessuun raawwateen itti murtaa'ee adabbii umurii guutuu jala kan jiru ta'ullee lubbuu namoota 100 balleessiteetta kan jedhuun himannaan haaraa irratti banameera.
Namichi kun bar 1999 - 2005 gidduutti ture kan lubbuu namoota wallaansa kennuufii kan galaafate.
Akka gabaastuun BBC Jenii Hiil Barliinirraa jettutti dhimmi namicha kanaa ministeera fayyaa biyyattii dabalatee yaaddoo keessa galcheera. Akkamitti namichi to'annoon irratti hin taasifamiin kan jedhu dheekamsi bakka gara garaatii kaasiseera.
Namichi waan himatame kanaan yakkamaa ta'ee yoo argame Waraana Addunyaa lammaffaatiin booda biyyattiitti nama 'ajjeesaa isa hamaa' ta'a jedhameera.
Qorattoonni, "lakkoofsi namoota inni ajjeesee kanallee hin caala, kan reeffi isaanii gubate waan jiruuf qulqulleessuudhaaf rakkisaadha waan ta'eef malee," jedhan.
Namichi waggaa 13 dura marfee hin ajajamiin nama wallaansarra ture waraanuu isaatiin waggaa 13 itti murtaa'ee waggaa torbaf hidhamee ture.
Waggaa afur dura ammoo yakka namoota lamaan shakkamee yakkamaa ta'ee umurii guutuu adabameera.
«Onneekoorraan dhiifama gaafadha" kan jedhe yakkamaan kun qorannoon dabalataa akka irratti taasifamu erga ta'een booda lubbuun biraa harka isaatiin badan akka jiraatan kan shakkame.
Hospitaalota keessa hojjetu keessatti qorannoo gara boodaa taasifameen yeroo dabaree namicha kanaa lakkoofsi namoota du'anii akka dabalu bira ga'ameera.