Garmalee furdachuus ta'e qallachuun 'waggaa afuriin umuriikee gabaabsa'

Nama madaalarra dhaabbatte jirtu Image copyright Getty Images

Haalaan furdachuun yookaan qallachuun dheerina umurii silaa jiraatamuu malurraa waggoota afuur akka hir'isu danda'u qorannoon maxxansa joornaalii Laanseet eera.

Gabaasnii qorannoo haala addaan bal'a ta'e kun namoota doktooroota UK biratti ilaalamuuf galmaahan miliyoonaa lama kan hirmaachise ture.

Akka argannoo qoratoota kanaatti, umurii 40 irra eegalee, namoonni ulfinni qaamasaanii sarara fayyaaleessummaa (BMI) ka'aame keessaa gara oliirratti argaman, carraan dhibeen qabamanii du'uu isaanii xiqqaadha jedha.

Haa ta'u malee, namoonni hangi sarara ulfina qaama fayyaaleessummaaf (BMI) ka'amee keessaa fiixee gajjallaafi gararraatti argaman balaa umurii gabaabbachuuf saxilamoodha jedha.

Dafanii molachuun 'caalaa dhukkuba onneetiif saaxila'

Furdinniifi qal'inni garmalee addunyaaf mataa dhukkubbii ta'aa jira

Qabxii ykn hangi lakkoofsa BMI kan herregamu, ulfinna qaama nama tokkoo kilogramiin madaaluun squweerii hojjaa nama sanaa meetiraan safaramef wayita hiramuudha. Kana jechuun BMI = ulfina qaamaa/ isquweerii hojjaa (m)

Sararri ulfina qaamaa 'fayyaaleessi' (BMI)n 18.5 hanga 25 ti.

Namni tokko garmalee furdaa ta'uuf dhiisuu beekuuf kun mala filatamaafi akka salphaatti ittin adda baasuun danda'amuudha, jechuun doktooronni hedduun ni dubbatu.

Umurii onnee keessanii beektuu?

Daa'imman addunyaa garmalee furdachaa jiru

Dheerinni umurii namoota garmalee furdatatanii dhiraaf waggoota 4.2n, dubartiif waggoota 3.5n kanneen sarara ulfina qaamaa fayyaleessumaa keessatti argamaniirra akka gabaabatuus maxxansi barru Laanseet ifa godheera.

Garagarummaan dheerina umurii kanneen garmalee qalatanii ammoo waggoota 4.3 (dhiiraaf) akkasuma 4.5 (dubartiif) akka hir'isuus beekameera.

Du'a bala konkoolaataan mudatuurra kan hafe, sababni du'aa hundi Sararri Ulfina Qaamaa (BMI) kanaa waliin kan walitti hidhateedha.

Odeessa kana irratti dabalata