Iraaq keessatti awwaalli jumlaa 200 argame

The Old City of Mosul, July 2017 Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Mosul, in Ninevah province, was a key IS stronghold in Iraq until July 2017

Awwaalli jumlaa 200 reeffi namoota kumaatamaan lakkaa'amu keessatti awwaalame kan garee hidhattoota IS'n to'atamu Iraaq keessatti argamuu qorannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mul'ise.

Awwaalli kunneen Kaabaa fi Lixaa kutaalee biyyattii Nayinvee, Kirkuuk, Salaahuddiin fi Anbar jedhaman keessatti argamani.

Reeffi namoota 12,000 keessatti awwaalamuu hin oolu jedhameera.

IS bara 2014 garii biyyattii kan qabate wayita ta'u, bulchinsa gara jabinaan warra isa morman hunda ajjeesu diriirse.

Buufataalee awwaalaa kanneen keessatti ragaaleen eenyummaa namoota ajjeefamanii ibsu hedduun argameera.

Ragaaleen kunneen warra gocha kana raawwatan yakka waraanaa, yakka namummaa irratti raawwatamee fi yakka duguuggaa sanyiin himachiisuu kan danda'u jedhameera.

Eenyummaan namoota addaa bahuun maatii firoota isaanii achi buutee dhabaniif haara galfii kenna, kanneen hafan barbaaduufis ni gargaara jedhu Iraaqitti bakka bu'aan addaa barreessaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jaan Kubis.

Namoonni miseensi maatii isaanii jalaa dhabaman waajjiraalee namootni badan itti galmaa'anitti akka galmeesisanis dhaamaniiru.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Civilians flee as Iraqi forces battle to retake Mosul

Iraaq keessatti maaltu yoom ta'e?

  • Amajjii 2014: Humnoonni IS magaalota Faalluja fi Ramadi to'atan
  • Waxabajjii 2014: Wal waraansa guyyoota 6 booda magaalaa guddoo lammataa biyyattii Moosul to'atan.
  • 29 Waxabajjii 2014: ISIL maqaa isaa IS'tti jijjiirrate.
  • Hagayya 2014: IS Sinjaar to'ate. Namoonni 200,000 ta'an haleellaa qilleensaa Ameerikaa baqatanii Sinjaar qubatanii turan.
  • Bitootessa 2015: Humnoonni mootummaa Iraaq Tikrit deebisanii to'atan.
  • Mudde 2015: Humnoonni mootummaa Iraaq Ramadi deebisanii qabatan.
  • Waxabajjii 2016: Humnoonni mootummaa Iraaq Falluja deebisanii qabatan.
  • Onkololessa 2016: Humnoonni mootummaa Iraaq, hidhattoonni Shiyaa, Humnoonni Kurdiish wal ta'uun Moosul irratti haleellaa banan.
  • Adoolessa 2017: Moosuul deebisanii qabatan.
  • Mudde 2017: MM Iraaq waraanni IS waliinii xumuramuu labsan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata