Qorannoo: 'Dhala argachuun haalaan xiqqaachaa dhufeera'

Haadhaafi inatala Image copyright Getty Images

Guutummaa addunyaatti lakkoofsi dubartoota daa'ima argachaa jiran akka malee gadi bu'uu qorannoowwan agarsiisan.

Akka qorannoowwan kanaatti dhala argachuun xiqqaachaa dhufuun addunyaa kanarraa biyyoonni walakkaa ta'an "daa'ima hin qaban" jechuudha. Kun ammoo baayyina uummataa hanga barbaachisu itti fufsiisuuf ga'aa miti jechuudha.

Qorattoonni akka jedhanitti, argannoon isaanii kun "kan guddaa nama ajaa'ibedha".

Rakkoon kun kan hawwaasa "akaakayyuu" baayyatan caalaa warra "akaakilee/abaabayyuu" baayyatanitti hammaata.

Dhala dhaabuun hangam gadi bu'e?

Qorannoon kun Lacent keessatti Kan maxxanfame yommuu ta'u bara 1950 hanga 2017'tti kan ture ilaaleera.

Bara 1950 keessa dubartoonni jireenya isaanii keessatti giddu galeessaan daa'imman 4.7 argatu ture. Lakoofsi dhala argachuu kun bara 2017 yeroo ilaalamu ammoo walakkaatti gadi bu'ee dubartoonni jireenya isaanii keessatti giddu-galeessaani daa'imman 2.4 argatu.

Kun akkuma jirutti ta'ee garuu biyyoota gidduu garaa garummaa guddaatu jira.

Dhala argachuun biyya Afriikaa Lixaa, Niijer keessatti giddu galeessaan 7.1 yommuu ta'u, odola Mediteraaniyaatti Qophiroos keessatti ammoo giddu galeessaan dubartoonni daa'ima tokko qofa argatu.

Dhala argachuun yoo akkam ta'e madaalawaa ta'ee itti fufa?

Biyya tokko keessatti dhala argachuun giddu galeessaan daa'ima 2.1 gadi ta'e baayyinni uummataa xiqqaachaa dhufa (kun ammoo "dhalli addaan cituudha". Rakkoon biyya du'aatiin daa'immanii itti baayyatanittis ni hammaata.)

Yunvarsiitii Waashingiteenitti Daarekterri Inistituutii Maatriksii Fayyaafi Madaallii Prof. Christopher Murray akka BBC'tti himanitti, "Amma rakkoon dhala argachuu sadarkaa uummata bakka buusuu danda'uun gadirra geenyee jirra.

Kanaaf, waanti ta'u hin jiru taanaan baayyinni uummataa biyyoota rakkoo ikanaa qabanii xiqqaachuuf jira".

"Yeroo ce'umsaa akka addaatti ilaalamudha. Namoota akka kootiif waan ajaa'ibaadha, namoota addunyaa kanarraa biyyoota walakkaa ta'an keessa jiraataniifis waan ajaa'ibaadha."

Biyyoota warra kamitu miidhama?

Baayyinaan biyyoonni dinagdeedhaan guddatan biyyoota baayyee Awurooppaa, US, Kooriyaa Kibbaafi Awustiraaliyaa keessa jiran hangi dhala argachuun isaanii gadi bu'eera.

Dhala argachuun maaliif hir'achaa dhufe?

Dhala argachuun xiqqachaa kan dhufe hir'achuu sanyii kormaa ykn yeroo dhala dhabuun ka'u kan gara samuu namaatti dhufan miti.

Dhugaan jiru sababiin ijoo hir'achuu dhala argachuudhaaf heeraman sadiitu jiru. Isaanis:

  • Da'iitiin daa'immanii hir'achuun akka dubartoonni dhala muraasa dhalan taasisuu
  • Carraan tajaajila ulfa ittisuu argachuun babal'achuu
  • Dubartoonni baayyeen barnootaafi hojiin qabamuudha 7

Karaa hedduun garuu, dhala argachuun xiqqaachaa deemuun akka milkaa'inaatti ni ilaalama.

Miidhaan isaa maal ta'uuf jira?

Godaansi hin jiru yoo ta'e, biyyoonni rakkoo dulloomuudhaan baayyinni uummata isaanii baayyee xiqqachaa dhufa.

Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Dhala argachuun Niijer, Afriikaa Lixaa keessatti 7.1 irra jira

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata