Meejar Jenaraal Kinfee Daanyaw to'annoo jala oolanii Finfinnee dhufaa jiru

Meejer Jeneraal Kinfee Daanyew Image copyright EBC

Daarektarri Olaanaa duraanii Korporeeshinii Sibiilaafi Injiinaringii (MeTEC) Meejar Janaraal Kinfee Daanyaw to'annaa jala oolan.

Erga to'annaa jala oolfamanii booda gara Finfinnee fidamuu isaanii miidiyaan biyya keessaa gabaasanii jiru.

Aanga'aan kun naannoo Tigiraay bakka Humaraa jedhamutti wayita to'annoo jala oolchan miidiyaan biyyaalessaa ETV'n kallattiin tamsaasee jira.

Hojii Korporeeshinichaa waliin walqabateen kan shakkaman Daarekteerichi gama Lixa Tigiraayitti kan argamtu Baataar bakka jedhamtutti tumsa hawwaasaafi humna ittisaatiin ture kan to'annaa jala oolan.

Guyyaa kaleessaa Abbaan Alangaa Mootummaa Federaalaa saamicha maallaqaa guddaatiin kan shakkaman gaggeessitoota ol aanoo MeTEC namoota 27 akkasumas ogeessota to'annoo jala oolfamuu ibsa kennee ture.

Akka Abbaan Alangaa Federaalaa Kaleessa jedhetti 'METEC' birrii biiliyoona 37 oliin dorgommii caalbaasii malee biyya alaatii bittaa raawwateera.

Adeemsi bittaa kun hariiroo faayidaa dhuunfaafi firummaan kan raawwatame ta'uus himaniiru.

Bittaan kun gatii meeshaalee hanga dachaa 400tti guddisuun kan raawwatame ta'uus qorannoon argamuu himaniiru.

Bittaan biyya keessaas dhaabbilee hoogganoota 'METEC' waliin hidhata michummaa fi firummaa qaban irraa caal-baasii malee raawwatame jedhan Obbo Birhaanuun.

Dooniiwwan lama Abbaay fi Andinnat jedhaman waggoota baay'eef tajaajiluu isaaniirraa kan ka'e faayidaa kennuu hin qaban jedhamee dhaabbata biyya alaaf wayita gurguramuf jedhutti 'METEC' sibiila dooniiwanii caccabsee fayyadamuuf gaaffii dhiyeessee dooniiwwan lamaan bituu himaniiru.

Boodas dooniwwan kanneen caccabsee sibila isaa itti fayyadamuu dhiisuun dooniwwan kanaan hojii daldalaa seeraan alaa hojjechuun maallaqa doolaara kuma dhibba shan galii argatullee maallaqichi mootummaaf galii hin taanes jedhaniiru.

Kana malees bittaawwan xiyyaaraa fi hoteelootaa irrattis yakkawwan hojjetamusaani abbaan alangaa federaalaa himan.

Dhaabbatichi xiyyaara tajaajilaa ala ta'an shan kaampanii biyya Israa'el irraa bitee Afran isaanii hojiin ala ta'anii dhaabatani kan jiran yoo ta'u tokko eessa akka jiru hin beekamu jedhan Obbo Birhaanuun.

Yakkawwan malaammaltumaa kunneenin walqabatees namootni 27 to'annoo jal oolaniiru jedhan.

Yakkawwan kunneenin walqabate shakkamtootni biyya keessatti dhokatan fi gara biyya biraatti baqatanis ni jiru kan jedhan Obbo Birhaanu Tsagaaye hojiin namoota kunneen to'annoo jala oolchus hojjetamaa jira jedhan.

Kanneen biyya keessa bakka garagaraa dhokatanii jiranis to'annoo jala akka oolfaman himaniiru.

Kan biyya alaatti argaman to'annoo jala oolchuuf biyyaalee keessa jiran waliin dubbataa jirra, biyyaaleenis dabarsanii nuuf kennuuf waadaa galaniiru jedhan Obbo Birhaanuu Tsagaaye.

Yakkawwan kunneenin walqabatee konkolaataawwan, kaartaan manaa, eyyamawwan daldalaa, meeshaaleen waraanaa fi sanadootni biroos to'annoo jala oolaniiru jedhan.

To'annaa jala oolun namoota kunneeni dhimma sabummaa namootaa walin hidhata kan hin qabne akka ta'es Obbo Birhaanu Tsagaaye himaniiru.

Yakkamtoota kanneen qabanii seeratti dhiyeessuuf hawaasni akka tumsus gaafatanii jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata