Ganda Sudaan kittaannaa dubartootaa hambiste

Keeniyaatti meeshaa dubartootni itti kittaanaman Image copyright Barcroft Media via Getty Images
Goodayyaa suuraa Duula kittaannaa dubartootaa hambisuu

Sudaan keessatti gandi tokko kittaannaa dubartootaa guutummaattii hambisuu dandeesse taateetti.

Adeemsi kittaannaa dubartootaa hambisuu gandichaa kan eegale waggaa 30 dura maatiin tokko dubartoota kittaanuus, kittaansisuus lakki jedhee wayita didu ture.

Yaadni maatii kanaa gara ollaatti ce'ee, boodas gandi guutuun dubartoota kittaanuun aadaa boodatti hafaadha jedhee lagate. Amma ganda kanatti Kittaannaan waan irratti maraiyatamullee miti.

Dhaqna-qabaa akka maleen shamarran 50 hospitaala galan

Namichi Wallaggatti 'du'anii ka'an' maal dubbatu?

Kutaa biyyattii keessatti dubartootni harki caalaan kan kittaanaman yoo ta'u, mootummaan Sudaan garuu bara 2030tti biyya guutuu keessaa kittaanaa dubartootaa hambisuuf hojjechaa jira.

Mootummaan UK Afrikaa keessattti kittaannaa dubartootaa hambisuu deeggaruuf jecha deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona 64 ramadera. Kana keessaa Sudaan karoora bara 2030tti qabatte milkessuuf paawundii miiliyoona 15 argatti.

Deeggarsi maallaqaa UK kun inveestimeentii guddaa duula Kittaannaa dubartootaa hambisuurratti xiyyeefate isa guddaadha jedhameera.

Dubartii 'jaalallee ishee ajjeeste foonsaan nyaata qopheessite'

Namichi Wallaggatti 'du'anii ka'an' maal dubbatu?

ActionAid dhibbaa dubartootarra gahu hambisuuf kittaannaa diubartootaarratti xiyyeefachuun qofti gahaa miti jedha.

Deeggarsi kun Proojektii Saleema kan Sudaan keessatti dubartoota hin kittaanamne jajjabeessuun yaada hawaasa jijjiirsisuurratti kaayyafate deeggaras jedhameera.

Odeessa kana irratti dabalata