Buddeenni wanta araada nama qabsiisu of keessaa qabaa?

Buddeena Image copyright AFP

Obbo Wandoosan Girmaa biyya Beeljiyemitti barataa saayinsii geejjibaa waggaa lammataati. Kanaan duras barumsumaaf jecha waggaa lamaaf biyya Noorweey jiraateera.

"Yeroo jalqabaaf waan ta'eef kanan biyyaa bahe, buddeena hedduun dharra'a" jedha.

Buddeenaaf jaalala addaa akka qabu kan dubbatu Wandoosan lafa inni jiraatu salphaatti buddeena argachuun hin danda'amu.

Buddeena argachuuf sa'aatii 1:30 hanga 2:00'tti baaburaan deemuuf akka dirqamu dubbata.

Sanas ta'ee buddeenni argatu dhamdhama buddeena sirrii akka hin qabneefi buddeena nyaadheera jechuudhumaaf akka bitee nyaatu hima.

Gaaf tokko dharraan dhamdhama buddeenaa itti hammaannaan, "maafan ofii hin tolchu jedheen ka'e" jedha.

Bakka xaafii daakuu garbuu bitee ashaboon erga waliin makee booda bishaaniin bukeessee guyyaa afuriif ol kaa'e.

Guyyaa afraffaatti, sibiila irratti waa tolchan haaraa bitee buddeena tolchuu eegale. "Kanan jalqaba irraa baase budeena osoo hin taane pilaastikii wayii fakkaata ture" jedha.

Image copyright Wandosan Girmaa
Goodayyaa suuraa Buddeena Wandoosan garbuu irraa tolche

"Ittoon ittiin nyaachuuf qopheesse yoon irratti baasu, baachuu hin dandeenye" jechuun kolfaan dabaalee mudannoo isaa nutti himeera.

Kuni hundi jaalaluma buddeenaaf malee araada natti ta'ee miti jedha Wandoosan.

Ogeeyyiin maal jedhu?

Obbo Abinnat Takilee ogeessa saayinsii nyaataati. Akka isaan jedhanitti dhimmichi qorannoo jabaa barbaada.

Hanga yoonaa qorannoon kanaaf deebii kennu jiraachuu quba hin qabu kan jedhan ogeessi kun jalqaba hiikaan araadaa maali kan jedhurratti fuulleffatani.

Araadni gosti lama jiraachuu himu. Tokko, haala namni itti yaadu (psychological) waliin kan wal qabatu ta'ee, miira gaarii dhamdhami tokko nama keessatti uumu waliin wal-qabata jedhu.

Inni lammataa, goosa araadaa barame wayita ta'u qaamni keenya wanta bare tokko yeroo yerootti akka kenninuuf kan nu dirqisiisu (Physiological) akka ta'e ibsu.

"Buddeena daa'imummaa kaasne waan barre waan ta'eefi guyyaatti si'a lamaa sadi waan nyaannuuf araada gosa jalqabaa nutti ta'uu mala" jedhu.

"Dhamdhama isaa fedhuufi wayita argannus gammaduun jiraachuu mala" jedhu.

Gama biraan buddeenni wantoota humna namaaf kennanifi keemikaalota adda addaa of keesaa waan qabuuf, darbees keemikaalonni kunneen raacatiin waan wal-nyaataniif kunis araada namatti ta'uu danda'a jedhu.

Kuufama asiidiifi alkoolii olaanaa waan qabuuf nyaata kaan caalaa miira gammachuu namaaf kennuu danda'a jedhu. Kunimmoo namoonni "buddeenni araada nama qabsiisa" isaan jechisiisa jedhu ogeessi kun.

Garuu qabatamaan dandeettiin araada nama qabsiisuu buddeenaa dadhabaa ykn gadi aanaadha jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata