“Akkaataa dhirsa/ jaalallee rakkisaa adda ittiin baafatan”

Dubartii kaaddidduu namatiin xiichamaa jirtu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Akkaataa akka dhirsa/michuu nama miidhu ittiin adda baafatan bektaa?

Dhiironni haadha warraa isaanii reeban ykn miidhaa irraan ga'an akaakuu gara garaatu jiru. Tokko tokko garuu akka malee warra kaanirra baayyee hamoodha. Dubartoonni yeroo hedduu miidhamtoota dhiirota amala akkasii kana qabaniidha.

"Dursanii beekanii keessaa bahuuun jireenya gubachuu keessaa nama oolchuu danda'a," jetti Teree Diyaaz Sendraa, barreessituun Kitaaba "Akkaataa dhirsa/michuu nama miidhu ittiin adda baafatan" jedhu

Inni yeroo hunda maal akka hojjechaa jirtuufi eenyu waliin akka jirtu baruu barbaada. Waanta inni gaafatu hin raawwattu taanaan ni haara. Akka ati hin dogoggorre mirkaneeffachuudhaaf jecha akkamiin akka wantoota adda addaa ittiin hojjetamu ilaalchisee ajajawwan dabarsa.

Yoo ati, hiriyyaan kee ykn firri kee haala kana fakkaatu keessa kan jiru ta'e, carraan ati dhirsa/michuu nama to'achuudhaaf jecha nama miidhu/nama rakkisu waliin jiraachuun jira jechuudha.

Yaadni kun kan Saayikooteraappistii beekamtuu Meksiikoo Teree Diyaaz Sendraadha. Ogeettiin kun dhimma maatiiwwaniifi kan dhirsaafi niitiii irratti hedduu beekumsa horatteetti. Kitaaba mata-dureen isaa ' Akkamiin akka Dhirsa Rakkisaa Adda Baafatan' jedhus barreesisteetti.

"Jaarraa dhimma walqixxummaa koornayaa ilaalchisee guddachaa jirru keessatti, dhukkubsattoota amala hidhee isaan qabe keessa jiraataan wayita jiraatan arguun koo waan ajaa'ibaadha," jechuun BBC warra Mundootti himte ogeettiin kun.

"Garuu kun addatti dubartoota irratti mul'ata."

Tereen, ogeettii miidhaa mana keessaa ittisuurrattis kan hojjettu, waa'ee amaloota namatti adda hin baanee maal akka ta'an ni ibsiti; akkasumas akkamiin akka waanta kana adda baafataniifi jalaa ba'uun danda'amus ni ibsiti.

Image copyright Courtesy Tere Díaz Sendra.
Goodayyaa suuraa "Dubartii barbaadduufi ta'iuu feetu yeroon itti taatu ammadha," jetti kitaabashee keessatti barreessituun kun

Dhirsi/michuun hacuucu ykn miidhu isa akkamiidha?

Nama of malee kan biraa hin dhageenye, gara jabeessa, hamaafi kan nama hin kabjnedha.

Nuti hundi keenya bakka tokko tokkotti amaloota akkasii qabaachuu ni dandeenya garuu namni nama miidhuufi rakkisaa ta'e garuu waan hunda akka fedhaafi ofiif barbaadutti taasifachuuf jecha amaloota badoo akkasii carraa aargate maraan yeroo hundaa agarsiisa.

Namni rakkisaa akkasii tooftaa akkamii fayyadama?

Walumaa galatti fedhii fooniif jecha gowwoomsuu, waliin dha'uufi sodaachisuun amaloota miidhaa geessisan hunda dabalatee kan namni rakkisaan akkasii fayyadamudha.

Dhimma akkasiirratti kan baayyee hamaadha jedhamu, kan nuti rakkisooodha jennu, amala ykn rakkoo walxaxaa amala karaa jiruufi hin jirreen ofittummaa baayyisuudha.

Namoonni akkasii kun nama waliin dha'uudhaan to'annaa ofii jala oolchan walumaa galatti akka gatii hin baafnetti akka of ilaaltu, akka callistufi hanga burjaajoftuteee of jibbitutti geessu taasisu. Kanarraa kan ka'e hanga sadarkaa namni ishee barbaadu tokko hin jirreetti ykn isaan malee jireenya biraallee jiraachuu akka hin dandeenye yaaddutti geesisu.

Image copyright Getty Images

Amaloota nama rakkisaa/haacuucaa

  • Inni dadhabinaafi mo'amuu isaattillee nama of jajudha.
  • Inni nama michuu isaafi ykn micchummaa isaaniif gatii hin kaffaledha.
  • Inni nama amala nama kabajuu hin qabnedha.
  • Inni yeroo hundaa masaanuu ta'uu barbaada.
  • Isaaf miirri warra kaanii miidhamuun waan tokkoyyu itti hin fakkaatu.
  • Inni kanuma jiru mara to'achuufi qabaachuu barbaada.
  • Namni kun waan raawwateefi dubbateef yeroo baayyee itti gaafatamummaa fudhachuu hin barbaadu.
  • Namni akkasii yeroo baayyee warra kaaniin maqaa balleessa, yoo isaani "akka" isaa hin taane.
  • Namni akkasii jechoota cigoo, waraansaafi irra-dibaan keessaan waraana.
  • Namni akkasii kun waan isatti toluufi fedhii saalaa kan ofiisatiif dursa kenna.
  • Namni akkasii ni soba.
  • Walitti bu'insa ni baqata.
  • Addaan nama baasaa.

Madda: "Dhirsa/michuu rakkisaa akkaataa ittiin adda baafatan" Marsariitii: /indepthtoolkit/data-pics/tere_diaz_personalities

Dubartoonni rakkisoon ni jiruu?

Namoonni rakkisoon yeroo baayyee ol aantummaa kan of harkaa qabanidha.

Dubartoonnis kan rakkisoo/miidhaa geessisan ni jiru: Dubartiin akkasii kan dhirsa ishee dinagdeen to'attu ykn akka ijoollee bira hin geenyellee sodaachiftudha. Dubartiin akkasii rakkoo uumuudhaaf malawwan adda addaa fayyadamti ykn nama biraa akka meeshaatti gargaaramti.

Namoonni rakkisoo akkuma dhalatanidhamoo ni baratu?

Walumaa galatti rakkoo kanaaf ka'umsa kan ta'an waantota baayyeetu walqabata.

Namoonni yeroo dhalatan amala nama rakkisuu hin qabne garuu sodaatoofi muddamoo ta'an jiru.

Namoonni akkasii kan baayyee obsa hin qabneefi salphaatti sodaa keessa galaniifi waan salphaadhaan ammoo deebiyee itti toludha. Warri akkasii kun dhaabbatummaadhaan sii jira jechuun mirkaneeffachuu barbaadu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Akka Diyaaz Sendiraan jettutti namni yeroo baayyee rakkisaan hariiroo keessatti ol aantummaa qaba

Kanaaf, dubartoonni namoota rakkisoo ni uumuu?

Dubartoonni yeroo baayyee rakkoo akkasii kana keessatti of argu, garuu ofiin isaani akkasii kana hin hojjetan.

Nuti addunyaa namoonni haalota hedduu kan akka amala nama waliin jiruufi rakkoo uumuu sirreeffataniifi xiqqeeffachuu danda'amu keessa jiranna.

Namoonni rakkisoon jijjiiramuu ni danda'uu?

eyyeen, yoo barbaadan.

Garuu baayyee rakkisaa ta'a sababiin isaas namni waan hunda to'annaa isaa jala taasifate deebiyee dhabuu hin fedhu.

Maal dhiirotatti himtu?

Baasiin isaaniif barbaachisu baayyee cimaadha.

hariiroo jijjiiruu keessatti dubartoonni deggersaafi miira cimaa qabu.

Dhiironni ammoo yeroo baayyee rakkoo fayyaadhaaf saaxilamu.

Image copyright Editorial Planeta
Goodayyaa suuraa "Dubartoonni jireenya isaanii keessatti akka miidhagina isaanii eeggataniifi pirojektii jireenya isaanii mara dhimma jaalalaa qofa akka hin goonen gorsa," Diyaaz Sendiraa

Dubartootaaf gorsa?

Jaalalli baayyee gaarii waan ta'eef isa barbaadachuun nurra jiraata.

Dubartoonni baayyeen garuu jaalalli waan tokkicha dhimmoota dhuunfaa biroo isaan dagachiisu jedhanii amanu. Isaan jaallachuufi jaallatamuutii ala yaada biraa mirkaneeffannoo yaadaa hin barbaadan.

Ani jaalellee gadhee ta'e dhiisanii jaalallee gaarii akka babaaddatan nan afeera. Akkasumas guutummaa jireenya isaanii ammoo pirojektii jaalalaa qofaa akka hin goonen jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata