Afrikaan yaadannoo xumura Waraana Addunyaa tokkoffaa torban lama boodatti haftee kabajji

Loltoota Afrikaa Image copyright Imperial War Museum
Goodayyaa suuraa Qoodi loltoota Afrikaa waraana adunyaa tokkoffaa keessatti dagatameera.

Ayyaani xumura Waraana Addunyaa tokkoffaa waggaa 100ffaa Afrikaatti torbee lama booda kabajamaa jira. Kun erga Awurooppanonni kabajanii torbee lama boodadha.

Kunis loogummaaf osoo hin taane akka waraanichi dhaabatuuf labsii yeroo dheeraa fudhate ture jedhan hayyuun seenaa Keeniyaa Jeemsi Wiilsan.

Baadiyaa Voyi jedhamtu keessatti yaadannoon waraana adunyaa tokkoffaa kun bakka garee muraasni biyya keessaa fi alaa argamnitti gaggeefameera.

Kun jalqabbii daawwannaa fi yaadannoo waraanichaa jalqabe yo tahu bakkeewwan hedduun ni daawwatamu.

Ajajootni waraanaa Keeniyaa gama Biriiteen goruun qooda fudhataa turaniiru.

Goodayyaa suuraa Loltootni Keeniyaa warra waraana adunyaa tokkoffaa irratti du'aniif yeroo yaadannoo taasisan.

Naannoo Voyi jedhamtu keessa bara 1916 keessa dhiirotni turan 75% kan tahan waraanicha keessatti hirmaataa turaniiru.

Osoo bakka awwalchaa loltootaa deemte Jarmanoota achumatti dhalatanii achumatti waraana keessatti du'an argatta jedhe miwaadiloon.

Kabajni garuu loltoota yeroo sanaaf hin kennamne jedhanii dhalootnis waa'ee isaanii beekuu akka qabu himaniiru.

Image copyright Imperial War Museum
Goodayyaa suuraa Lakkoofsi loltoota Afrikaa hammi isaa hin beekamne waraana Adunyaa tokkoffaa irratti dhumaniiru.

Yeroo sana biyyootni 25 tahan loltoota isaanii gara biyya Baha Afrikaa kanaatti erganii ture. Gara miiliyoonaa kan tahan jechuudha. Lakkofsi namoota du'ani hammana jedhamuu baatus gara 60,000 kan tahan irra caalaan isaanii lammiilee biyya alaa kan tahan bakkichatti awwaalamaniiru.

Gugurraaleen Afrikaa garuu irra caalaa kan dhuman beela, dheebuu fi dadhabbii yeroo dheeraa irraa kan ka'edha. Sababni isaas meeshaa loltoota Biriiteniif baatanii karaa fagoo deemaa waan turanif.

Haalli duula kanaa fi fageenyi kun waliigalteen waraana dhaabuu Afrikaa keessatti akka duubatti hafu taasiseera.

Sadaasa 11 bara 1918 Jarman waraana dhaabuuf Faransaayitti waliigaltee irra geesse. Haa tahu malee humnoota ishee Afrikaa naannoo ammaa Zaambiyaa jedhamtuu waraana ira turan bira gahuuf yeroo fudhateera.

Ajajootni waraanaa Biriiteenii fi Jarman waliigaltee waraana dhaabuu dhuunfaa isaanii ayyaaneffachuf waliigalan.

''Akaakayyuun koo warra bittootaa garbaa keessaa tokko ture,'' jedhe Feeliksi Hagendoom qonnaan bulaan dargaggeessi Jarman torbaniin haadha warraa isaa fi mucaa isaa waliin Keeniyaa dawwataa ture.

Firootni isaa kan akka Jeneraal Pawul Von Leetoow Vorbek Baha Afrikaati. ajajaa waraanaa beekamaa fi yeroo dheeraa Jarman turedha.

Maqaa masoo ''Leeca Afrikaa'' jedhamuunis waamamaa ture.

Dhiyeessiin Awurooppaa irraa isa dhaqqabu waan hin jirreef waraana riphee loluu gaggeessuun waan Poorchugaalii fi Biriiteeniif dhiyaate fudhachuun jiraataa ture.

Caasaan Jarman milkaa'aa ture jechuun ni danda'ama. Keesumaa humna namaa fi meeshaa waraanaa Biriiteen Faransaay jiru akka bittinnaa'u fi bakka garaagaraatti qoodamu gochuun hojjechaa turan.

Jeneraal Leetoow hanga yeroo waraana dhaabuuf walii galeetti al takkaa iyyuu hin mo'amne ture. Biriitenis waraana dhaabuuf waliigaltus rakkoon tokko garuu jira. Innis Jeneraal Leetoow waraana dhaabee meeshaa waraanaa yoo hiikkatee kennee sirnichi erga gaggeeffamee meeshichi deebi'ee akka kennamuuf waliigalan.

Haa tahu malee meeshaan waraanaa Jarman irra caalaan isaa kan Biriiteen jalaa hatame ture jedhe Hagendoom.

ture. Kunis kan dhokatee haleellaa gaggeessuun fudhatee fi meeshaa haame dabalata.

Goodayyaa suuraa Yaadannoon loltoota Afrikaa waraanicha keessatti d'aniif gaggeefamuuf jedha.

Gaarreen waraanni itti gaggeefame akka Voyi keessa haftee namoota du'ani barbaaduu irra ka salpahtu lafee gootota kanneeniin gufachuudha jedhe.

Namootni akka Maadwiiloo yeroo namoota gara gaara Kilimaanjaroo fa'a geessuun daawwachiisan daandii baaburaa marga keessa dhokatee fi dahannoo Biriiteen fa'a argita jedhe Hageendom.

Dabalataan bakki kuusaa qawwee haaraan torbanuma darbe keessa osoo rasaasa dulloomaa yeroo sanaa qotanii barbaadani araniiru.

Achitti yaadannoon gootota Afrikaa yeroo sana waraanicha irratti wareegamaniif ni gaggeefama.

Miwaadiloon seenaa Keeniyaa hedduu dhalootni hin beekne haaraan barachaa jira kun imaammata barnotaa keessas galuu qaba jedheen amana jedhe.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata