Siyaasa Itoophiyaa keessatti dubartoota seenaa addaa galmeessaa jiran

Meaza Ashenafi Image copyright ullstein bild
Goodayyaa suuraa Aaddee Maazaa Ashanaaffii Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa filmii Holiiwuud keessatti akka abbaa seeraatti hojjattee jirti

Itoophiyaa bulchiinsa Ministira Mummee Abiy Ahimad jalatti haalaan geeddaramaa jirti. Keessattuu dubartoonni aangoo motummaa olaanoo keessatti qooda akka fudhataniif carraan kennammaaf jira, akka gabaastuun BBC Hannaa Zaratsiyoon barreessiteetti.

Akka seenaa Caaffata Qulqulluutti Itoophiyaanoonni akka Giiftii Saabaan bulaa turan ni himama. Kanaanis akka waan gaariitti yaa kaasan malee dhugaansaa garuu biyyoonni Gaanfa Afriikaa hedduun dhiirootaan kan guutameedha.

Akka Hilliina Birhaanu, Gorsituun Dhimma Koornayaafi Seeraa jettutti, ''Bulchiinsii olaantummaan dhiiraa keessatti mul'atu mallattoo hawaasa keenyaati. Jalqabuumaa kaafnee dubartoota xiqqessuun akka ilaaluu baranna.''

Jeechoota hawaasa keessatti baraman hedduunis gadaantummaa dubartootaa kan himaniif, daa'immaan illee hubannoo sanaan akka guddataniif kan barsiisan baayyeetu jira. Haalli qabatamaan ammaan tana biyyattii keessatti raawwatamaa jiru garuu haala sana kan geeddaree fakkaata.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Mucaa kun waan haatiisheefi akkayyoon ishee raawwachu hindanda'iin wayi raawwattii laata?

Dubartoonni walakkaa ummattaa biyyaattii kan miliyoona 102.5 ta'anis, keessattuu naannoolee baadiyaatti bakka yeroosaanii baayyee hojii mana keessaatti, ijoollee guddisuu, qoraan cabsuu fi bishaan waraabuu akkasumas midhaan aramuufi guruun dabarsaniitti irra caala gaheen isaanii gahee aadaa ta'een beekama.

  • Dubartoonni %25 ta'an murtee baayyee abbaa warraa isaaniif dhiisu
  • Dubartoonni gara %50 ta'an ammoo miidhaa nama waliin jiraataniitiif saaxilamtoota.
  • Dubartoonni %20 gadii ta'antiitu barnoota sadarkaa lammaffaa hordofan
  • Kanneen %40 ol ammoo osoo waggaa 18 hinguutiin heeruman

Faallaa haaloota kanneen, gochaan ministirri mummee Dr Abiyyi dubartootaa aangoo motummaa olaanoof muduu kunis falmitoota mirgaatiin haala gaariidhaan ilaalamaa jira. Kunis jireenya dubartoota kanneen fooyyeessuuf gahee akka qabaatuus amanameera.

Dr Abiyyi, gaheessi umuriin waggaa 42, teessuma ministirootaa 20 keessaa wallakkaa dubartootaaf keenaniieu. Kunis kan bara ministira mummee obbo Hayilamaariyaam Dasaalangitti dubartoota afur qofaa turee haalaan kan geeddareedha.

Kunis itoophiyaa fi Riwaandaa biyyoota afriikaa lamaan miseensoota kaabinee saalaan walqixa qaban ta'aniiru.

Haaluma walfakkaatuunis Dr Abiyyi aaddee Maazaa Ashannaafii pirezidaantii mana murtii Federaalaa taasisuun mudaniiru. Isheenis filmii bara 2014tti heeruma ijoollummaa hambisuu irratti xiyyeefachuun Holiiwuudin hojjatamee keessatti akka haadha seeraa olaantu biyyattiiit keessatti qooda fudhatte jirti.

Sochiile kan biraa lamaan ammoo Billene Aster Siyum akka barreessituu Pireesii ministira mummeetti mudamte jirti. Akkasumas qondaalli UN duraanii Saahle Worqi Zawude paarlaamaa miseensoota dhiiraa itti baayyatuun akka Pirezidaantii biyyattiitti mudamte jirti.

Haadhaaf kabaja

Aangoon addee Saahla worqi kan hangasi mara dhiibbaa siyaasaa hinqabaannee ta'ulleen, biyyattii taateewwan addunyaa irratt kan bakka butuudha. Kunis bakka dubartiinni biyyattii qaban kan ol kaasuu fi hirmaannaan dubartootaa biyyoota afriikaa kan biraa keessattis dabaluun barbaachisu isaa kan mul'isuudha. Ammatti garuu Afriikaa keessatti pirezidaantii dubatiidha.

Image copyright AFP

Redet Kifaala miseensa sochii Kelloo' duula mirgoota dubartootaatiif qabsaa'uu akka BBC'tti himteetti: ''Kana dura dubartoota haala akkasiitiin aangoo irratti agarree hinbeenu. Kunis ija keenyaaf waan haarawaadha. Aangichi kan barbaade ta'us, oggansa dubartootaa cimsuuf kun sochii baayyee gaariidha.''

Abdiin jalaqabaa akka dubartootaa aangeessuuf dulli taasifamu guyyaa Dr Abiyyi itti mudamanitti baatii Ebla haasawa yeroo jalabaatiif paarlaamaatti taasisaniin kabaja haadhaa isaa boqataniif qabu wayita ibsanitti turee kan calaqisuu eegale.

"Haatii kiyyaa haadhoolii gara laaffeeyyii, cimoo fi gammeessoota baayyee keessaa tokko turte. Amma lubbuun jiraachu baattulleen, ishee galateeffachuun barbaada, jedhaniiru.

"Itti dabaluunis, haadha warraa kiyya kan mul'ata haadha kiyyaa fudhachuu na gargaaruun bakka haadha kiyaa butee galateefachuun barbaada'', jechuun paarlaamaa dhiiraan guutamee dinqisiifammaan guutee ture.

Ministera nageenyaa

Kana malees, yeroo jalaqabaatiif nagenyi biyyattii fi ministeera mummee harka dubartii galeera. Kunis ministire ijaarsaa duraanii kan turtee Ayishaa Mohaammad ministira Ittisa biyyaa taasisuun erga mudaniin booda Dr Abiyyi, nageenyi biyyattii eegsisuun dubatiin akka ogganamu taasisaniiru. itti aansuusnis Mofariyaat Kamaal Afi yaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa ministira Nageenyaa taasisuun muduudhaan itti gaafatamummaan Ejansiiwwan poolisii fi Tika biyyaaleessaa harka dubatootaa galeera.

Mudamni dubatoota lamaan kannenis seena qabeessadha. Sababiin isaas lamaanu musilimaaf miseensa garee ummata baayyinaan xiqqaa keessa bahuun aangoo akkasii qabuusaanitti.

Kanaafuu miseensa kaabinee keessatti argamunsaanii ministira mummee Itoophiyaa kan ummata Oromoo baayyina ummata biyyaattii keessaa kan harka caalaa ta'e irraa dhufeefi abbaa musiliima fi haadha kiristaana irra dhalate akka kaayyoo isaa saala walqixxeessu qofa osoo hintaane, hordoftoota amantaa isilaamaa fi ummattoota lakkoofsaan xiqqaa ta'an irraa illeen deeggarsa akka argatuuf ni gargaara jedhamee yaadama.

'Dhiira irraa malaamatummaa jibbu'

Dubartoonni kunneenis muxannoo loltummaa ykn poolisii qabaachuu baatan illeen, siyaasaan baayyee cimoo akka ta'an beekama. Aaddee Ayishaan paartii siyaasaa kanneen arfan biyyattii bulchaa jiran keessa tokko kan ta'ee ADWUI ogganuu caalaa aangoo akka qabdu amanama.

Baatiin dura waa'ee mudamaa yoo ibseettis Dr Abiyyi akka ibsaniitti, dubartoonni dhiira caalaa malaamaltummaa jibbuun nageenya argamsiisuuf ni gargaaru. Nageenya dhabuunis rakkina cimaa lubbuun lammiilee biyyattii hedduu akka darbuuf sababa ta'eedha.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Ummanni Oromoos bulchiinsa MM duraanii jalatti walitti fufiinsaan adda duruummaan qabsaa'aa turaniidha.

Sababiin Dr Abiyyii eerree turees dhugaa ta'uunsaa torban darbee mulataa dhufeera. Kunis itti gaafatamaa loltuu duraanii fi itti aanaa ogganaa tika biyyaalleessa duraanii dabalatee qondaaltoota motummaa 60 to'annaa jala olfamuun qorannoon dabalataa malaamattummaa fi sarbama mirgoota namoomaan walqabatee irratti gaggeeffamuu eegalamunsaa dubbii isaa dhugoomsaa jira.

Ababaa Gabrassilaase, dorgommaa dhunfaa paarlaamaa bara 2015 fi kan hinmilkaa'iin hafee akka jedhaniitti, murteen dr Abiyyi dubartootaaf aangoo gurguddaa kennu kunis bu'aa buusuu isaatti shakkii akka hinqabne ibsaniiru.

"Dubartoonni yeroo hundaa nageenya kan jaalatanii fi haalli nageenya balleessu umamuuttis kan haarsaa kanfalan haadhoolii dha'' jechuun BBC'tti himaniiru.

'Dubartootaaf loogii taasifame hin jiru'

Yaada kana irrattis barsiisaan yunivarsitii Maqallee Makonniin Fisihaa ''Dr Abiyyii mudamicha dhiibbaa dhiirootaan isa irra gahu hiriifachuun 'sammuu eeyyeen' jedhuu ummuuf kan kennaan yoo ta'ee, kun haala biyyattii kan geeddaru miti jedhaniiru.

Garuu Bilinaa gorsituun saalaafi seeraa ammoo, yaada kana hinfudhattu. ''Dubartoonni kunneen gara aangootti kan dhu8fan sababii gara laafummaa Dr Abiyyii, haawaasaa ykn sirinichaatiin mitti. Kan dhufan cimanii waan hojjataniif malee. Kanaafuu akka dubartiitti, haala kana akka loogiitti hin ilaallu'' jettee jirti.

Addee Maazaa Ashannaaffi kan dhiheenya kana pirezidaantummaa mana murtii federaalaatiif mudamtees kanaaf fakkeenyaa gaarii taati.

Hundeessituun Waldaaa Dubartootaa oggeessoota Seeraa Itoophiyaa duraanii, seeroota loogii taasisanii mormuuu fi dhimmoota dubartoootaa ajjandaa biyyaalleessa irra kaa'uun kan beekamteedha.

Seenaa dhugaa filmii Angelina Jolie duuba jiru

Mo'ichi ishe kan jalqabaa kan ta'ees wayita bara 1990tti dhimma gaa'iila shamarree waggaa 14 mana murtiitti mormitee ture. Intalli sunis ''abbaa warraa'' ishee kan butuudhaan dirqisiisee gudeedee ture ajjeessuun himatmtee turete.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Filmiin Difret Holiiwuutti agarsiifameera

Isheenis dhimmicha kan mo'atte yoo ta'u, haalli kunis akka dubara xixiqqoo dirqiin butuun seeraan dhokamuuf karaa baneera. Dhimmi kunis xiyyeefannoo addunyaa argachuun filmiinija jabumaa ykn afaan Amaaraatiin 'Difirat' jedhamuun qopheessaa olaanaa Angelina Jolie qophaa'u danda'eera.

Mudama ishetti aansuunis, Addee Maazaan akka jetteetti: ''Aguggiin olaanaan cabusaatti baayye gammadeera. Intalli kiyya Itoophiyaa keessatti waan yaaddu kamiiyuu ta'u ni dandeessi.

''Haqa hundaaf argamsiisuuf nan yaala. Warri hunma hinqanbe keessattuu dubartoonni caalaa fayyadamoo ta'u,'' jettee turte.

Garuu mudama ishee ilaalchisees namoonni hedduun, warra dhiiraa dabalatee 'dhiiraa' intalaa jechuun baga gammadde ittiin jedhaniiniiru.

Jecha biraatiin ammmoo, Maazaan dubartii cimtuufi kormeedha.

Odeessa kana irratti dabalata