Wal waraansa Yaman: Seeneetiin US Saa'udii deeggaruu dhaabuuf yaada dhiyeesse

Daa'ima Yamanitti gargaarsa nyaataan rakkatu, Sadaasa 21 Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii(UN) waraana Yamanin namoota hedduutu gargaarsa namoomaa fedhaa jedheera

Seenetin Yunaayitid Isteet wal ta'iinsa biyyoota Sa'uudii jalatti Yamanitti waraana irra jiran deeggaruu dhabuuf yaada dhiyeesse.

Yaada dhihaate kana senatroonni 63-37'n deeggaraniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Maayik Pompewo fi Ministirri Ittisaa Jim Maatis deeggarsa dhaabuun haala Yaman keessa jiru hin hammeessa jechuun yaada dhihaate kana akka hin deeggarre seenataroota gaafataniiru.

Erga barreessaan beekamaa Yunaatitid Isteet jiraatu, Jamaal Kaashoji ajjeefame as Sa'udii Arabiyaan guddaa qeeqamaa jirti.

Sagaleen seenetotaa kuni pirezidantii Tiraamp Sa'udii Arabiyaan michuudha jechuun qoqqobbii irra buusu hin qabnu isa jedhanif qeeqa guddaadha.

Sagaleen seeneti kenname jechuun torban dhufu Yunaayitid Isteet deeggaruu qabdiifi hin qabdu kan jedhu irratti mariin ijoo ni taasifama jechuudha.

Gaazexessitoonni akka jedhanitti seenetin walumaa gala yaada murtii dhihaate kana raggaasises carraan Mana Maree biyyattiin ragga'u isaa xiqqaadha.

Waldhabdeen Yaman bara 2014'tti yeroo finciltoonni Hoowutii Kaaba biyyatti to'achuun eegalan hanga ammaa akkuma itti fufeetti jira.

Yamanitti ergamaan addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Maartin Girifitis dhuma waggaa kanaa dura mariin nageenyaa ni ta'ama jedhani abadatu. Marii Fulbaanaa irratti jarri Hooti hafuun isaanii ni yaadatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata