Eebba kitaabaafi dhuga-ba'umsa qabsoo Leencoo Lataarratti maaltu jedhame?

Obbo Leencoo Lataa

Kitaaba jiruufi jireenya, akkasumallee seenaa qabsoo Obbo Leencoo Lataa waggota shantaman darban irratti xiyyeefate Jimaata eebbifameera.

Sirna eebba kitaaba OMN kallatiin tamsaasaa ture kanaa irratti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa kan argaman yommuu ta'u, namoonni biroo argaman keessaa qabsaa'onni gameeyyiin, hayyoonniifi jaalleewan qabsoo Obbo Leencoo Lataa argamanii dhugaa bahaniiru.

Obbo Leencoon hanga hojii guddaafi boonsaa hojjetan kabajaafi galata isaaniif malu hin arganne kan jedhan Dr. Diimaa Noggoo, gahee Obbo Leencoo Lataa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuu keessatti qaban guddaa ta'uu ibsaniiru.

Baaroo Tumsaa waggoota 46 dura walitti nu camade

"Nama kana ibsuudhaaf na rakkisa. Waggaa dheeraa waliin turre. Waggaa 46 dura wal argine. Isa dura garuu maqaa isaa nan dhaga'a ture. Biyya alaatti barumsa isaa xumuree erga deebiyee Warshaa Sukkaaraa Wanjiitti hojii isaa hojjechuu jalqabe".

Bara sanatti barataa akka ture yaadachuun Dr. Diimaan, "Baaroo Tumsaa yeroo sanatti, wagga 46 dura, anaafi Obbo Leencoo Lataa walitti nu fidee kunoo hanga har'aa waliin qotaa jirra," jedhan.

Bara sanatti dhaaba siyaasaa Oromoodhaaf qabsaa'u hundeessuun dirqama waan tureef ofii akka barataatti yeroo hirmaatan qabsaa'ota hundeeffama ABO keessatti qooda fudhatanis tarreessaniiru Dr. Diimaan.

Yeroo ABO hundeessan sanatti Jeneraal Taaddasaa Birruullee Harara mana hidhaa Galamsoo keessa ta'ee quba akka isaan qabuufi yaada hundeeffamaa akka isaaniif ergaa ture ibsaniiru.

Dr. Diimaan warraaqsi ALA bara 1974 ture waan hedduu akka jijjee tures yaadachuun agarsiisa aadaa Oromoo guddaa bara 1976 ALA adda durummaan Obbo Leencoo Lataatiin qophaa'e seenaa keessatti bakka guddaa akka qabu himan.

Ga'ee Obbo Leencoon Heera Mootummaa keessatti qaban

Dr. Bayaan Asoobaas jaalleewwan qasoo waggaa dheeraa irraa jalqabanii Obbo Leencoo Lataa waliin turan keessaa isa tokkodha.

"Kanan maqaa Obbo Leencoo dhaga'e yeroon barataa ture bara 1976 ture. Kunis raadiyoo irratti waa'ee qophii agarsiisa aadaa Oromoo qophaa'e irratti yeroo dubbatan ture. Qophiin sunis ganna 300-400 booda guutuun Oromoo kan irratti walga'e ture."

Dr. Bayaan akka jedhanitti, Obbo Leencoo Lataa sirna federaalaafi heera mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa kana hojiirra jiru bu'uuressuu keessatti ga'ee guddaa akka qaban dhugaa ba'an.

Keessattuu mul'anni Obbo Leencoo Lataa gama hiree ofii ofiin murteeffachuu, of bulchuu, walqixxummaa, dimokiraasiifi walkabajuutiin lafa kaa'an kan yaadatamu ta'uu ibsaniiru Dr. Bayaan.

"Itoophiyaa kana haalduree malee hin fudhannu, haalduree malees hin dhiifnu..."

Dr. Bayaaniif siyaasa Itoophiyaa keessatti dhiibbaan Obbo Leencoon qaban guddaadha.

Dubbii cimaa dubbatanii amansiisuu, waa'ee siyaasa Itoophiyaarra darbanii kan Gaanfa Afriikaa irratti kan barreessan humna jabaa qabaachuus ibsaniiru.

Ejjennoo Obbo Leencoo Lataa qabaniifi calaqqisiisaa turan yeroo yaadatan, "Itoophiyaa kana haalduree malee hin fudhannu, haalduree malees hin dhiifnu," jedhan.

Jechoota akkasii dubbatanii Oromoo dammaqsan kan jedhan Dr. Bayaan, bara sanatti Oromoon hoogganaa akka qabu warra hin beekne kan barsiisanidha jedhu.

Kana ilaalchisanii diinonni isa jibbu turan jedhu Dr. Bayaan. Garuu yeroo diinonni isa jibbuu itti himan Obbo Leencoon 'Ani waannan gaarii hojjechedheef jedha ture,' jechuun yaadatan.

Obbo Leencoo Baatii ammoo Obbo Leencoo Lataa waggoota 36 darban keessa nama fakkeenyummaa guddaa jireenya isaa keessatti isaaf ta'e ta'uu dubbatan.

Ibiddi qabsoo Obbo Leencoon bara dheeraa dura qabsiise baayyeetti qabatee jijjiirama akka fide ragaa bahu.

"Ibiddi bara sana qabsiifame Lammaa dhalche, Abiyyiin dhalchee walumaa galatti hooggantoota keenya kan Oromoos gurmeessee kan Itoophiyaas gurmeesse dhalcheera. Kun mul'ata Obbo Leencoo Lataadha," jedhan.

'Nuti Dhaloonni Qubee harkaa fuunee jabeessaa jirra...'

Xiinxalaa Siyaasaafi Daarektarri OMN Obbo Jawaar Mohaammed ammoo waa'ee Obbo Leencoo Lataa yeroo dubbatan, "Yeroo nuti ijoollee namoonni waa'ee Obbo Leencoo Lataa [bakka gara garaatti dubbataa] dhaga'aa turre. Qabsoo isaan itti dadhabanii asiin gahan kufee hin hafne. Nuti Dhaloonni Qubee harkaa fuunee jabeessaa jirra. Ammallee cimnee bakkaan geenya," jedhan.

Eebba kitaabaa jireenya qabsoo Obbo Leencoo Lataa kanarratti hayyoota dhiyaatan keessaa tokko Piroofeeser Izqeel Gabbisaadha. Hayyuun kun waa'ee kitaabota Obbo Leencoon barreessaniifi ga'ee qabsaa'aan kun siyaasa Oromoo qaroomsuufi saayinsaawaa taasisuu irratti gumaachaan guddaa ta'uu ibsaniiru.

Sagantaa eebbaa kana irratti maatiin Obbo Leencoo Lataa hirmaatanii seenaa dhalootaafi maatii isaa dhugaa ba'aniiru.

Dubbiin intalli Obbo Leencoo Hiriyyaa Leencoofi ilmi Obbo Leencoo Roobaa Leencoo dubbatan garuu hirmaattota kan hedduu maalales ture.

Sababii abbaan isaanii guutummaa jireenya isaa qabsoo irratti dabarsaniin rakkin hedduu keessa kan dabarsaniifi firoota birattillee guddachuuf kan dirqaman ta'uu yaadattee, "Waan dhabne caalaa kan har'a arganne waan caaluuf baga nu hin giddisiin" jette Hiriyaa Leencoo.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata