Lammiilee Siiriyaa waraana baqatanii Finfinnee keessa kadhaan jiraatan

lammilee Siiriyaa daandiiwwan Finfinnee irratti kadhatan
Goodayyaa suuraa Anas Mahaamaat dargaggoo lammii Siiriyaa ji'a dura Finfinnee gahe

Lammiileen Siiriyaa waldhabdee biyya isaanii keessa jiru baqatan yeroo dhihoo as daandiiwwan magaalaa Finfinneerratti mul'ataa jiru.

Anas Mahaamaat dargaggoo lammii Siiriyaa ji'a dura haadha warraa isaafi daa'ima fira isaa waggaa sadii qabatee Finfinnee kan gahe.

Baakka irraa baqaterraa bakki itti baqatu wayyoo qaba jedhee jireenya isaa Finfinnee godhate.

Yeroo ammaa daandii Finfinnee irratti kadhaadhaan jiraata. Daandiirra kadhachuun Finfinneef haaraa ta'u baatus, kan lammiilee Siiriyaa garuu waan dura hin turre.

Kadhaadhumaafu garuu waliigaluun waan barbaachisuuf barreeffama namni ilaale isa hubachuu danda'u qabate gandarra deemee kadhata.

"Siiriyaa keessa dhukaasi waan turef manni keenya akkuma jirutti bade. Jijjigaa manaa keessaa baanee dhufne. Namni nubiraa hafe hinjiru."

"Waaquma qofa qabna. Sudaan kaampii qubannaa nuuf bantuus jireenyi achii mi'aa waan ta'ef Itoophiyaatti baqanne. Waaqayyoon isiniif haa kennu, biyyi keessan Sudaanirra wayyoo qabdi," jedha.

Goodayyaa suuraa Afaan waan hin dandeenyeef barreeffama Afaan Amaaraa 'nu gargaaraa' jedhu qabatanii deemu

Ji'oota lamaan darban lakkoofsi lammiilee Siiriyaa Itoophiyaatti koolu galtummaa gaafatanii baay'ataa jira.

Hedduun akkasaa lafa amma jiran gahuuf guddaa rakkataniiru. Haalli isaan keessa jiranis isaan hin gammachiifne.

"Waan itti jiraannu argachuuf rakkataa jirra. Lafa ibsaa tiraafikii fi masjiidatti nu agarteetta. Fala hin qabnu."

"Kana gochuun keenya dirqama. Waaqayyoon nu haa gargaaru malee nuti Siiriyaanonni kanaan dura kana goone hin beennu."

Eejansiin baqattoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti Afrikaa keessaa baqattoonni Siiriyaa hedduu Masrii keessa qubataniiru.

Amma garuu xiyyaaraanis ta'u karaa biraan lammiileen Siiriyaa Kaaba Afrikaa turan gara Baha Afrikaatti socho'aa jiru.

Lakkoofsi warra Itoophiyaa keessa jiranii beekamu baatus, mootummaan Itoophiyaa akka koolu galtootaatti galmaa'u jedheera.

Itoophiyaan garuu durumaa biyyoota garaagaraa irraa baqattoota hedduu qubachiifteetti. Kan waldhabdee biyya keessaan qe'ee irraa buqqa'anis danuudha.

Haa ta'u malee, lafa dhaqan maratti lammiilee Siiriyaa kanaaf namuu harka itti hiixataa jira.

"Daa'immanifi dubartoonni daandiirra yeroo olii gadi deeman ilaalee callisuu waan hin dandenyeef waanan qaburraa nan qoodaaf" jedha jiraataan magaalaa Finfiinnee Biiniiyaam Taammiruu.

"Yoon qarshii 20 qaba ta'e 5 ykn 10 nan kennaaf, osoo boru ganama wanti akkanaa maatiikoo mudate jedhee waanuma qabuun gargaara."

Mootummaan Siiriyaafi Raashiyaan amma wal-dhabdeen tasgabbii qaba baqattoonni miiliyona 5fi walakkaa ta'an biyyattii gadi dhiisanii baqatan amma qe'eetti deebi'uu danda'u jedhu.

Baqattoonni gidiraa arganii waan qaban mara dhiisanii lubbuuf baqatanii bahan garuu rakkoon jiru hanga furmaataa waaraa argatutti deebi'uuf fedhii hin qaban.

Odeessa kana irratti dabalata