Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo: Booranni kutaa hinqabu aadaa tokkoon bula Aabbaa Gadaa tokkoon bula

Torban darbe irraa eegale Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo gara Keeniyaatti ce'uun ummata waliin mari'achaa turan.
Nuyi qara gara Keeniyaa kan dhufneef waan aadaa jilaati. Eebba qe'ee jedhani. Eebba qe'ee digaluu, maxxaarrii, jaarsa Jiloo Fallaanaa eebbisuu dhufne. Jaarsi kuni Saah qubata.
Booranni kutaa hin qabu gadaa tokkoon bula, aadaa tokkoon bula. Kan Boorana Keenyaa jirutu Itoophiyaa keessa jira. Gosa garan jirtu, Booranni hinjira gabbarti ni jirti.
Booranni kaawuntii Marsabit, Isiyoloo hanga Xaanaa Riivar hin qubata. Borana arma jiruufillee Abbaan Gadaa anuma. Boorana kan duuba fula inni jiru nagaa fuudha jedhee qe'ee eebbise irraa bahee jennaano gara Naayiroobii dhufe.
Abbaan Gadaa Booranaa duraan Keenyaa hin dhufan ture. Wanti hin dhufneefi seerri aadaa kan nama daangessullee jira. Seera Daawwee jedhani.
Seera Daawwee
Seerri daawwee kuni, hayyuun yaa'aa kan waan jilaa, waan gooroo hojjetu imaltuuf yoo garan dhufu Booranni guddaa waan ta'eef jilti duuba dabarti, jilatti hin galu. Gooroon duuba dabarti, dadhabnaan itti daangessan.
Seerri sunimmoo dhihoo kana Gadaa dabre Gadaa Guyyoo Gobbaa seerri suun kaasan.
Abbaa Gadaan qar dhufuu hin danda'u amma seerri Daawwee sun ka'e jennaan gara cufa dhaquu danda'a. Kanaaf dhufne.
Booranni daangaa hinqabu
Isiyolootti gosa walitti qabnee dubbanne. Wanti nuti dubbanne waan tokkummaa gosa kanaati waan nagaa gosa kanaati waan aadaa gosa kanaallee dubbanne.
Walitti hidhadhaa tokko ta'a jenne. Nagaan marra bisaan waliin sooradhaa, waliin tikfadhaa waliin qotadhaa, bocadhaa itti dhaamanne.
Aadaa dagatame
Ummanni Oromoo ummata aadaa qabu. Sirna Gadaatin bula. Warri kuni akkuma warri gadaa kan aadaa tolchu gam dirree Liiban jiru, warri gam kan jira aadaarraa fagoo jira. Aadaa kanallee dagatee jira.
Aadaa kanallee dagatee jira. Aadaa kana dagate irra caalaan gara amantii jijjiiramee jira. Aadaa abbaatu jabeeffata. Dhaloonni aadaa hin qabne tisse, garboota taha.
Yoo afaan kankee hinjirre, yoo aadaan kankee hinjirre eenyummaan kankee hin beekamtu garboota taate aadaa nam biraa uffatta.
Kanaaf aadaa kan kee kan kaleessaa hindidinaa jabeessaa waan jedhaa achiillee dubbanne Isiwollootti.
Taanaa Riivar Kaawuntii
Oromoo Ormaa
Oromoon Xaanaa Riivar jirtullee Oromoo Booranaati. Jaarrolee isaanii waamne nagaa fuune. Aadaa gosa kanaallee walitti dhaamanne, wal barsiisne.
Ammaa achi seerri daawwee hinjiru. Aadaa keenya walirraa haa barannu waliin jenne. Haa tokko taanu, haa walitti dhihaannu waliin jenne.
Jaarroleen quba walqabaattee kan gam Keeniyaa jirtu kan arma jirtu haa walgarruuti bara baraan warri dhufe nu argu nulleenimmoo bara baraan warra dhufne garru akka aadaa tan barsiisnu warrilleen aadaa kan qabatu duuba waan kan dubbannee waliigalle.
Aadaa guddisuuf gahee qaamota biraa
Seerri mootummaatu kan aadaatti bu'u hinjiru. Mootummaalleen aadaa gosota cufaa ni ulfeessa. Haa taatu aadaan kuni akka hin banne aadaan Islaamaallee kitaaba qabdi aadaan keenya kan dhalootaa afaanii afaaniin abbootiirraa gara dhalootaatti walitti dabarsan malee barreeffamaan hinjirtu.
Aadaan keenyi kuni akka hinbanne silaa kitaabni qophaa'e barruun jiraattee dhalootaa gara dhalootaatti darbuu malti. Kana tolchuu malani.
Marii Raayilaa waliin
Warra Abbaa Lafaa pirezidantii Keeniyaa Uhuruu dubbisuu barbaanne garuu isa dubbisuufi qommii hin arganne. yeroollee hinqabnu kanaaf Raayiluma dubbifne.
Madda suuraa, Raila Odinga/FACEBOOK
Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoofi Abbaa gadaa duraanii Booranaa Guyyoo Gobbaa Raayilaa Odingaa waliin
Raayilaa argannee duuba waan nagaa biyyaa Itoophiyaafi Keeniyaan tokko, misooma waliini qabdi, nageenya waliini qabdi, waan biyya kanaallee guddoo itti dhaamanne.
Booranni kutaa hinqabu kan Itoophiyaa jirutu armaallee jira aadaa tokkoon bula Aabbaa Gadaa tokkoon bula. Abbaa Gadaan kama Dirree Liiban jiru sani.
Boorannimmoo Keeniyaa keessa hanga ardaa Saaku, hanga ardaa Waasoo, hanga Sololoo, hanga Mooyyale, hanga Xaanaa Riivar cufaallee jiraata.
Boorankallee nuuf jabeessi. Oromoo arma keessa qubattellee quba nu qabaadhaa, nu jabeessaa jennee tanuma wal dubbanne.