Manni murtii waliigalaa Amaaraa dhorkaa maqaa geeddaruu irratti kaa'ee kaase

Barattota 1550 hanna qormaataaf maqaa geeddaratan Image copyright ANRS EDUCATION BUREAU/FB

Hanni qormaataa sadarkaa biyyalessaatti rakkoo sirna barnootaa danqu ta'aa dhufeera.

Hanna teekinolojii fayyadamuun taasifamu hambisuuf jecha yeroo qormaata biyyalessaa tajaajilli intarneetaa addaan akka citu taasifamee ture. Waraqaawwan qormaataallee irra deebiin akka qophaa'an taasifamuun dhimma yeroo dhiyooti.

Tibbana naannoo Amaaraatti dubbii kan tahe immoo bara barnootaa darbe keessa ragaan manneetii barnootaa filatamoo irraa argame, barattoonni qoramaata hatuuf akka isaaniif tolutti maqaa isaanii kan barattoota cimoon wal-fakkeessuun geeddarachuu isaaniiti.

Haalli wal-fakkaataa bara barnootaa kanattii akka hin mudanneef waajjirrii barnootaa naannichaa barattoonni maqaa isaanii akka hin geeddarreef dhorkisiisuu dha.

Naannoo Amaaraattii daarikteerri sab-quunnamtii mana murtii waliigalaa Alamsheet Mihiratee, hanna maqaa geeddaruun adeemsifamu kanarratti dhorkaan akka kaahamu waajjiri barnootaa xalayaa barreessuusaa himaniiru.

Xalayichi maqaa geeddaruun kaayyoo sirrii hin taaneef oolaa jiraachuufi xiin-sammuu barattoota cimoo irratti dhibbaa geessisaa jiraachuu eeruun, galmeen qormaataa hanga xumuramutti seerri maqaa geeddaruu dhorku hojiirra akka oolu gaafata.

Bara 2010 A.L.I tti maqaan barattootaa maqaan isaanii barattoota cimoo wajjin wal-fakkaatee argame 1550 waraqaa fuula 37 qabuun xalayicha wajjin ture.

Rakkoo kana furuuf manneetiin murtii naannichaa 13 tahan galmeen qoramaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa,10ffaa fi 12ffaa hanga xumuramutti geeddarrii maqaa akka dhorkan mana murtii waliigalaan ajajaniiru.

Ajaji kuni kan darbe mirga maqaa geeddaruu lammilee dhorkuuf otoo hin taane rakkoo naannichi gama sirna qoramaataan isa mudate salphisuufi'' jedhan obbo Alemsheet.

Naannoo Amaaraatti itti gaafatamaa itti aanaa waajjira barnootaa kan tahan obbo Tafarraa Fayyisaa geeddarinsa maqaa dhorkisisuun karaa itti qulqullina barnoota eegsisuuf itti fayyadamnu keessaa tokko akka tahe dubbatu.

Obbo Tafarraan waggoota darban shaniif akkaataa itti sirna barnootaa ittiin to'atan yoo qabaataniyyuu.

Hanni qormaataa hangas mara babal'atee yoo jiraachuu baateyyuu barattoonni guutummaan guutuutti of danada'anii qormaata akka hojjetaniif hanna balleessuuf dhorkaa akkasii dabalatee maloota biroollee akka fayyadaman himaniiru.

Image copyright ANRS EDUCATION BUREAU FB

''Maqaa dhorkisiisuun furmaataa sirrii yoo tahuu baateyyuu, rakkoo isa guddaa furuuf garuu ni gargaara,'' jedhan obbo Tafarraan.

Itti gaafatamaan sab-qunnamtii mana murtichaa, furmaata yeroo kennuuf jecha dhorkaa kana hojiirra oolchineerra kunimmoo dogoggora ture.

Lammiileen mirga maqaa isaanii geeddarachuu qabu. Dhaabbilee haqaafi miidiyaaleerraa illee komiin nu qaqqabeera jedha.

''Waajjirichi sirna to'annoo jabaataa tahe diriirsuu qaba malee, dhorkaan rakkoo sana hiikuu hin danda'u mirga dhuunfaa seeraan mirkanaa'e yeroodhumaaf daangessuun muuxannoo sirrii hin taane tahuu manni murtichi amaneera,'' jechuunis dubbatan.

Kanumaan yeroon dhorkaa otoo hin dhumiin ajaja caasaadhaan kenname xalayaan kuffisu raabsuu isaanii himaniiru.

Itti gaafatamaa itti aanaan waajjira barnootaa naannichaa garuu xalayaan akka isaan hin qaqqabane himaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata