Waggaa waggaan ijoolleen dhiiraamoo ijoollee durbaatu caalaa dhalata?

Ijoollee dugdaa ciisanii seeqaa jiran Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Yeroo ijoolleen durbaa 100 dhalatan ijoolleen dhiiraa ammoo 105 kan ta'anitu dhalata

Waggaa waggaadhaan, biyya Ingilaandii fi Waalsii keessatti ijoollee dhiiraatu ijoollee dubaraa caalaa dhalata. Kun dhugaadha. Maaliif laata?

Bara 1838 irraa eegalee, sagaleen daa'ima yeroo dhalattu/lkafa geessu boossuu kan dhiiraatti caala.

Kun seenaa waggaa tokko keessatti qofa biyyoota kana lamaan keessatti ta'e miti, bara mootummaa Giiftii Viktooriyaa yeroo lakkoofsi ijoollee durbaa dhalatanii kan ijoollee dhiiraa itti caalanii turan irraa eegala.

Bara 2017 keessa fakkeenyaaf, Inglilaandiifi Waalsi keessatti, lakkoofsi ijoollee dhiiraa dhalatan 348,071 yommuu ta'u kan ijoollee durbaa ammoo 331,035 ture - lakkoofsi ijoollee dhiiraa dhalatanii kan ijoollee durbaraa 17,000 caalaa jechuudha.

Lakkoofsi ijoolee dhiiraa dhalatanii kan dubartootaa caaluun waggaa 180 itti fufee kan mullatedha.

Dhugaan jiru, reeshiyoon sirriin yeroo ilaalamu ijoollee dhiiraa 105 dhalataniifi ijoollee dubaraa 100 ta'anitu dhalata. Kun kan sirriifi baratamedha.

Kun biyyoota tokko tokko kan akka Chaayinaafi Indiyaatti sababii fedhii ijoollee dhiiraa argachuu qabaniif adda ta'ullee guutummaa addunyaa irratti dhaabbataadha.

Reeshiyoon kun jaarraa 17ffaa irraa ka'ee kan baramedhas.

Reeshiyoon kun hanga ammaatti maaliif hin hubatamne.

Waantichi dhimma adeemsa guddin suutaadha (evolution)

Akka yaad-rimeen qorannoo jalqaba ture jedhutti lakkoofsa dhiirotaafi dubartootaa umurii ga'eessummaa irra jiran walqixa ta'e qabaachuudhaaf dhiironni caalmaan dhalachuun barbaachisaadha.

Kanaafis sababiin dhiira ta'uun waan balaa qabudha. Dhiironni umurii daa'imummaatti balaa adda aaddaatiin, ofiin of ajjeesuudhaan, itti gaafatamummaa balaa uumu fudhachuudhaan akkasumas rakkoo fayyaatiin ijoolee dubaraa caalaa du'aaf saaxilamu.

"Umurii kamittiyyu, yeroo hundumaafi bakka hundumaatti, dhiiratu dubartii caalaa carraa du'aaf saaxilamuu qaba," jedhu Prof Daviid Steinsaltz,Yunvarsiitii Oxford gar gaaraa piroofeseraa barnoota Istaatistiksiidha.

Kanaaf akka yaad-rimee kanaatti lakkoofsa dhiirotaa kan dubartootaa waliin walqixa ta'e umurii ga'eessummaa irra jiran qabachuudhaaf, lakkoofsi ijoollee dhiiraa dhalatanii kan ijoollee durbaa caaluun barbaachisaadha.

Haqi jiru, UK keessatti lakkoofsi dubartootaa kan umurii ga'eessummaa keessa jiranii lakkoofsa dhiirotaa ni caala.

(Sanyii dhiiraa (Sperm) fi yeroo eeggachuu

Sanyiin dhiraa kan qaccee isa dhiira ta'uu danda'uu Y (carrying a Y chromosome) ykn kan dubartii ta'e X (carrying an X chromosome) dhaqee hanqaaquu dubartiitti makamuudhaaf yeroo fiigu keessatti dhimmoonni murteessqan ni jiru.

Kunis umurii maatiiwwanii, marsaa dubartiin ittiin hanqaaquu hormaataa qopheeffattu, sadarkaa muddama isaan qabanii, sirna nyaataafi yeroo saalqunnamtii raawwatanitti kallattiin ittiin waliin ciisan wantoota murteessoo ta'an keessatti argamu.

Yaad-rimee jiruufi barame tokko ijoolee durbaa argachuu dabaluudhaaf osoo hanqaaquun dhalaaf gadameessa haadhaa keessatti hin qophaa'iin dura guyyoota hedduudhaaf saal-qunnamtii raawwachufi isaan booda ammoo of ittisuudha. Kun ammoo sanyiin kormaa kan dubartii ta'e (X) kan yeroo baayyee yeroo dheeraa jiraata jedhamuufi kan dhiraa ta'u (Y) gadi suuta deema jedhamu akka sanyii kormaa dhiira ta'u caalee argamu taasisa jedhama.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sanyiin kormaa dhiira ta'u saffisaan kan deemuufi cimaadha

Faallaa kanaan, yoo saalqunnamtiin wayituma hanqaaquun hormaataa dubartiin qopheeffattutti dhiyoo ykn wayituma sana, ykn ammoo darbee osoo hin turiin raawwatame, sanyiin kormaa kan daakuu/imaluun cimaafi saffisaa ta'e dafee deemuun dursee dhaqe hanqaaquu argata waan ta'eef dhiirri carraa dhalachuu argata jechuudha.

Maatiiwwan tooftaa kanaan hedduu dhimma bahu garuu saayintistoonni malli akkasii kun jijjiirama guddaa akka hin fidne dubbatu.

Qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti ammoo muddamni maatiin qaban gara carraa ijooleen dubaraa dhalachuutti geessa. Garuu ammoo yeroo waraanniifi walitti bu'insi jiru keessa jiraachuun ammoo carraa ijoolleen dhiiraa hedduun dhalachuun uuma yaadonni jedhan jiru.

Turtii gadameessa keessaa

Yoo karoorri akkaataa saalqunnamtii itti raawwatamu saal kan hin murteessine ta'e, yeroo ulfaa keessa waanti saala daa'ima dhalatuu kan murteessu jiraachuu mala?

Yoo sanyiin kormaa durba ta'uufi dhiira ta'u walqixa ta'e akkasumas lakkoofsi walqixa ta'e kan garaatti hafu ta'e, ulfi garaatti hafe ijooleen durbaa yoo ta'e waan irraa bahuuf carraa ijooleen dhiraa akka heddumaatan uuma.

Qorannoon tokko tokko akka agarsisanitti dubartoonni yeroo umuriin ulfaa gara jalqabaarra jiru akka badan kan agarsiisuu yommuu ta'u dhiironni ammoo gara dhumaa irra du'aan carraa dhalachuutu baayyata.

Saayintistoonni hedduu ammallee garuu maaltu akka sirriitti ta'u qabatamaan bira hin ga'iin jiru.

Waanti sirriitti beekamu garuu ulfi garaa jiru daa'ima dhiira yoo ta'e ijoolee dhiiraa akka dhalatan taasisa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata