Biqiltoonni haaraan kudhan faayidaa adda addaa qaban bara kana argaman

Qorattoonni biqiltuuwwan irratti qoratan wantoota dhokatanii jiran jaarraa hedduudhaaf qorataaniiru.

Kun ta'ee osoo jiruu biqiltoonni qorannoo saayinsiidhaan adda ta'an ammallaa argamaa jiru.

Saayintistoonni Royal Botanic Gardens, Kew, keessa hojjetan bara 2018 keessatti qofa akaakuu biqiltootaa 100 ol ta'an argatanii moggaasuu danda'aniiru.

Argannoowwan saayintistootaa kana keessatti akaakuuwwan biqiltootaa jiran keessaa warreen foon sooratan (carnivorous pitcher plants), kan adda ta'an (exotic orchids) jedhamaniifi warra baala hiddaa qaban ta'anii humna qorichummaa guddaan isaan qaban ammallee bira hin ga'amiin jiru keessatti argamu.

Biqilaa bishaan keessaa

Prof Aiah Lebbie saayintistiin jedhamu Sierra Leone keessatti biqiltuu adda ta'ee bishaan keessaa kattaa jalatti argachuu isaa dubbata. Biqiltuun kun Lebbiea Grandiflora, kan jedhamu yommuu ta'a maqaa isaas saayintistichuma irraa moggaafame.

Ibsa waa'ee suuraa,

Akaakuu biqiltuu haarawaa bishaan keesatti argame

"Amalawwan addaa qaba, biqiltoota isa waliin walfakkaataniin adda kan ta'e waanan irratti argeef waanta baayyee adda ta'e tokko bira akka geenyen hubadhe," jechuun BBC News tti himee Prof Lebbie. "Maqaan koo yeroo hunda kana waliin walqabata."

Biqiltuun kun baduudhaaf sadarkaa baayyee hamaa ta'erra ga'eera. Biqiltuun kun yeroo hedduu bakkawwan yeroo baayyee baduudhaaf saxxialaman akka bakka albuuda baasuufi pirojektoota humna ibsaatti waan argamaniif, saayintistoonni waggoota sanyiin biqiltoota kanaa baduu danda'u jechuun akeekkachiisaniiru.

Qurxummiiwwan biqiltoota kana ni sooratu jedhamee yaadama, kunimmoo fayyaalessummaa Sirnakkoo eega jedhama.

"Jiraachuu keenyaa tokkoon tokkoo biqiltuu dachee irra jiranii barbaachisoodha," jedhu Prof Lebbie, National Herbarium kan Sierra Leone keessa hojjetan.

"Yoo biqiltoota kana hin kunuunsinu ykn eegumsa hin taasifnuuf ta'ee akka isaan badan hayyamna ta'e, anaaf kun waanta guddaa addunyaan dhabdudha waan ta'eef amma irraa kaasee gatiin isaallee hangama akka ta'e hin beeknu."

Biqiltuu 'Bug-eater' odola fagootti argamtu irratti

Addunyaa kanarra gosti biqiltuu joogii bishaanii fakkaatan 150 caalan ni jiru. kan haarawaa argame kun ammoo Nepenthes biak, jedhama odola xiqqoo Biak jedhamtu qarqara kaaba Indoneeshiyaa New Guinea'tti argamurratti argame.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqiltuu joogii bishaanii fakkaatan foon sooratan

Biqiltuun kun bakka buufta dooniitti waan argamaniif turistoota achitti baayyatanirraa kan ka'een sodaa baduutiif saaxilamoodha. "Biqiltuun kun barbaadamee qoforamuudhaan turistoota achirra darbanitti gurguramu ," jedhan botaanistiin Dr Martin Cheek. "Biqiltoota kana kunuunsuun baduurraa baraaruun yoo danda'ame malee akaakuun isaanii addunyaa irraa baduuf deemu."

Daraaraa gara fuula duraa qoricha kaanserii ta'uu danda'u

Biqiltuun haarawaa maqaan isaa Kindia gangan, jedhame akaakuu gosa bunaati. Saayintistoonni Kew yeroo hojiif dirreetti bobba'an biqiltuun kun lafa ashawaa magaalaa Kindia Guinea biyya Afriikaa Lixaatti argamtutti biqila.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqiltuu bunatti dhiyaatu

Akka keessaa cuunfaan Biological ta'e agarsiisutti biqiltuun kun faayidaawwan wallaansa fayyaa ni qaba, keessattuu mala farra kaanserii ni qaba.

Orchid kan jedhamu ammoo laga jiruu baafamee gurguramaa jira

Magaalaa guddoo Laos Vientiane jedhamu keessatti biqiltuun orchid jedhamu kun haalaan gurguramaa jira. Gosti orchid akka haphee qabu Paphiopedilum papilio-laoticus, jedhamu ammoo akka malee balaa baduudhaaf saaxilamee jira.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqiltuu orchid jedhamu amala haphee qabu Laos tti argamu

Biqiltuu Yam jedhamu akka haaraatti adda bahe

Akaakuun biqiltuun kun addunyaa bakka gara garaatti akka midhaan nyaataatti erga adda bahee booda bara 2002 gara Kew'tti qorannoodhaaf ergamee ture.

Biqiltuun Dioscorea hurteri, kan jedhamu yommuu ta'u Afriikaa Kibbaa KwaZulu-Natal keessatti argama. Biqiltuun kunis akaakuuwwan biqiltootaa warraa balaa addunyaa irraa baduudhaaf dhiyaataniitti ramadameera.

Ibsa waa'ee suuraa,

Yam

Biqiltuu abaaboo balaqqisaa qabu Vietnam keessatti argame

Biqiltuun adda ta'e kun ammoo, Oreocharis tribracteata, jedhama. Kaaba Vietnam keessa yeroo qorannoon taasifamaa ture kan bira ga'ame. Isaan booda biqiltuun kun UK keessattillee margeera.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqiltuu abaaboo balaqqisaa qabu Vietnam keessatti argame

Biqilaa bosana roobaa keessatti argame

Biqiltuun muka guddaa ta'e kun ammoo Lixa Afriikaa, bosona bokkaa Guinea keessatti argame. Dararaan biqilaa kanaa kan nama muruu yommuu ta'u maqaan isaa Talbotiella cheekii hanga bara 2015'tti saayintistoonni osoo hin beekiin turaniiru.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqilaa bosana bokkaa keessatti argame

Biqilaa miyeessaa laga keessaa

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqilaa haarawaa akaakuu miyeessaatti ramadamu

Biqilaan kun maqaan isaa Pimenta berciliae, jedhama. Biqilaan kun miyeessaa kan nyaataafi miidhaginaaf gargaaran hunda of keessaa qaba.

Biqilaa daraaraa bosona duumessaa keessaa

Biqilaan bifa diimaddee qabu kun sulula Bolivia keessatti argame.

Ibsa waa'ee suuraa,

Biqilaan bifa diimaddee qabu kun sulula Bolivia keessatti argame.

Biqilaa baduu danda'a jedhamee sodaatamu

Biqilaan biyya Kaameruunii argame jedhamu kun Vepris bali, jedhama. Kan marguu danda'us bosona Baddaa Bamenda keessatti. Sababii dhiibbaa manca'insa naannoo irra gahaa jiruunis ni bada jedhamee sodaatamaa jira.

Follow Helen on Twitter.