Hayyama Mootummaa Federaalaa malee karaa Zaalambassaa daangaa ce'uun dhorkame

Madda suuraa, Yonas Fisehaye
Zaalambassaatti kabaja ayyaana waggaa haaraa darbe
Fulbaana darbe kan baname daangaan Zaalambassaa sababa hin beekamneen Hayyama Mootummaa Federaalaa imaltoota hin qabneef dhorkamuu Bulchaan aanaa Guloomeedaa Obbo Gabrehiwoot Gabreyesuus BBCtti himan.
''Karaa daangaa Itoophiyaa mootummaa federaalaa irraa eeyyama qabaachuu qabdu,'' deebiin jedhamu akka kennameefii fi ''karaa Eertiraa ammoo waraqaan haa darbu jedhu qophaa'aa jira''nuun jedhan jechuun namootni BBC'n dubbise himaniiru.
Jiraattotni naannichaa akka jedhanitti qajeelfamni kun osoo hin bahiin dura Itoophiyaa irraa gara Eertiraatti Eertiraadhaas gara Itoophiyaatti rakkoo tokko malee akka seenanii bahaa turan dubbatan.
Amma garuu waraqaa eeyyama imalaa malee gama lamaaniinuu sochiin akka hin jirre hiamn.
Akkasumas gama Eertiraan warra eegumsa daangaa irratti bobba'aniif akka cimsanii eegan ajajni hoggansa olaanaa irraa akka kennameeruuf maddeeleen odeeffannoo BBCtti himaniiru.
Odeeffannoo kana irratti odeffannoo dabalataa argachuuf yaalii goonee milkaa'uu hin dandeenye.
Bara haaraa daangaa Itiyoo-Eertiraa irratti
Hoggantoonni Itoophiyaa fi Eertiraa bara haaraa sababeeffachuun adda waraanaa Buree jedhamutti argamanii loltoota biyyoota lamaanii waliin ayyaana kabajataa jiru.