Argannoo saayinsii gurguddoo bara 2018 kessaa odeeffaman keessaa

Bara 2018 keessa argannoowwan saayinsiifi dhimmoota naannoo waliin walqabatan hedduun dhiyaatanii turan. Akeekkachiisa jijjiiramni haala qilleensaa yoo 1.5C yaaddoo guddaa dachee kanatti fiduu akka danda'u irraa jalqabee hanga hora bishaanii k20 bal'atu Maarsi irratti argamuun saayinsii baranaa keessatti adda-durummaan kan yaadatamanidha.

Argannoowwan saayinsii bara 2018 keessaa muraasni akka itti aanuti dhiyateera.

Akeekkachiisa dabaluu ho'a dachee sababii jijjiirama qilleensaatiin

Image copyright Getty Images

kanaan dura sababii jijjiirama haala qileensaatiin ho'i dhuma jaarraa kanaatti 2C dabaluun balaa isa dhumaa yaaddessaa ta'a jedhamee ture. Qorattoonni akka kaa'anitti ho'a kanaan ol akka hin dabarre gochuun miidhaa guddaa uumamuu malu hambisuuf gargaara jedhu.

Bara kana garuu saayintistoonni ho'i qilleensaa dabaluun 1.5C gadiitti eegamuun barbaachisaa ta'uu gabaasaniiru.

kana ta'uu baannaan dacheen kun rakkoon hamaa akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.

Lubbu-qabeeyyii angafaafi hunda dura turan

Image copyright ANU

Akaakuun lubbu-qabeessa miliyoona tokkoofi isaa ol ta'an har'a jiraatan garaa gara yommuu ta'an qurxummii garbaa guddicha irraa kaasee hanga raammoo lafa adeemtuutti addaa addadha. Garuu akkaataa lubbu qabeeyyiin kun seelii tokko irraa itti suutaan guddachaa dhufan hedduu iccitii kan ta'edha.

Tuullaa pilaastikaa guddaa bishaan keessatti argame

Bara 2018 keessa balfi pilaastikaa qaama bishaanii keessatti kuufamuu rakkoo hamaa ta'aa dhufuun dubbii ijoo ture. Rakoon kun kan saaxila bahes qophii BBC Blue Planet 2 walitti fufinsaan David Attenborough tiin dhiyaatuun ture. Sagantaan kun viidiyoo bishaan garbaafi galaanaa keessa lubbu qabeeyyiin jiran sababii pilaastikaatiin manca'aa jiru.

Paartiikiliin hin beekamiin ture baramuu

Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Hojii artiidha: Blazars tiif hannisaan boolla gurraacha keessaa baayyinaan ba'aaf

Neutrinos yuunvarsiidhaaf hundee ittiin ijaaramanidha. Paartikiliin neutrino tokkoon ishee osoo atoomii tokkotti hin bi'iin tilmaamaan km tiriliyoona 10 deema.

Yeroo baayyee neutrino hedduun nuti arginu kan naannoo Dachee ykn Biiftuu irraa ta'anidha.

Ta'us garuu maddi garee neutrino humnaafi annisaa guddaa qabuu tokko hanga bara darbee kanaatti hiibboo ta'ee tureera. Adoolessa keessa garee qorattootaa jaarmiyaa addunyaa akka bira ga'anitti galaaksiin fagoorra jiru tokko cararii (ray) kallattiidhaan gara dacheetti gadhiisa.

Gosti galaaksii kanaa blazar jedhamee beekama.

Bishaan Maarsiifi Ji'a irraa argame

Image copyright NASA/JPL/Malin Space Science Systems
Goodayyaa suuraa Bishaan jedhame kun kara kibba maarsi jalaan mul'ate

Maarsirra bishaan bifa cabbiitiin akka jiru ni beekna, akkasumas bifa dhangala'aatiin yeroo tokko tokko akka mul'atu mallattoowwan ni jiru.

Haata'u malee, Adoolessa keessa gareen saayintistootaa hora bishaanii km20 bal'atu karaa gama kibbaatiin pilaanetii kana jala buufatee akka jiru argatan.

Bishaan kun argamuun Maarsi qofaa irratti hin turre. Agayya keessa, qorattoonni akka barruu maxxansaniin beeksisuu danda'anitti bishaan Ji'a irratti akka argame ragaa qabataan jira jedhan.

Warra ijaartota 'Stonehenge; maaltu mudate?

Image copyright Getty Images

Qorannoon bara 2018 keessa argameefi kan nama ajaa'ibe ammoo namoonni Biriteen durii guutummaan guutuun namoota warra ardiidhuma sana irraa waggoota 4,500 dura achi godaananiin kan bakka bu'an ta'uu isaati.

Warri Biriteen Neolithic jedhaman yeroo namoota Beaker jedhamaniin liqimfaman dhakaa Stonehenge jedhamu dhaabanii turan. Kun qacceen sanyii Biriteen %90 ta'u wagga dhiboota muraasa keessatti akka akka kan biraan bakka bu'aa deemu taasiseera. Kun maaliif akka ta'e hin beekamu. Garuu sababii ta'a kan jedhaman keessatti dhukkuba, beelaafi walitti bu'insi ni argamu.

Qorannoo biraa bara 2018 gadhiifameen, qorattoonni caccabaa lafee umuriin isaa waggoota 50,000 ta'e Raashiyaarraa akka ta'e himamu lafee durbaa gariin Denisovan gariin ammoo Neanderthal ta'uu argataniiru.

Sanyiin namaa Denisovans fi Neanderthals jedhaman ammoo sanyii dhala namaa osoo sanyiin kan keenya hin jiraatiin dura Awurooppaafi Esshiyaa keessa jiraatan - Homo sapiens - warra Afrikaa irraa dhufeedha jedhama.

Dhiibbaa cabbaa'uu

Image copyright NATURAL HISTORY MUSEUM OF DENMARK
Goodayyaa suuraa Yeroo hawwaa irraa mul'atu: Cabbiin boca gam-tokkee geengoo qabu kun cabbiin gara horaatti jijjiirameeti

Sadaasa keessa, saayintistoonni cabbii Greenland jedhamu jalatti qilee bishaanii bal'aa argan. Hallayyaan km31 bal'atu kun yeroo saayinstistoonni fakiiwwan raadaarii irraa argatan qoratan ture.

Dhima kana ilaalchisee yaadi ta'uu mala jedhamu ni jira. Innis bakka boolla ta'e kun sababii aduun akka itti hin baane caccabaa waan halleetiin dhorkamuudhaan uumama jedhu.

Lafee mangaagaa durdurii

Image copyright Israel Hershkovitz, Tel Aviv Uni
Goodayyaa suuraa Lafee mangaagaa waggoota 185,000 dura ture

Sababiiwwan hedduun dhiyaatan akka agarsiisanitti sanyiin namaa Afriikaan ala jiranii godaansa waggoota 60,000 dura tureen akka ardittii gadhiisanidha. Ragaan biraa nama ammayaa (Homo sapiens) bara jedhame kanaan dura akka Afrikaa keessaa bahan mullisus argameera.

Amajji keessa, lafeen mangaagaa nama durii waggoota 185,000 dura Isiraa'el keessatti duutee tokko argameera. Kun ammoo ragaa duraan ture waggoota kuma hedduu kan dursudha.

Lafeen mangaagaa argame kun lafee namoota Afrikaa irraa gara Awurooppaafi Eeshiyaatti godaanan waliin walsima.

Dhakaan Maarsirraa argamuu

Image copyright NASA
Goodayyaa suuraa Samuuda Maarsirraa deebiye

Marii waggoota dheeraafi jalqabbii sobaa tokkoon booda ejensiiwwan hawwaa Awurooppaafi Ameerikaa sochii cimaa dhakaa Maarsirraa fiduu taasisaniiru.

Ebla keessa, Nasa fi Esa xalayaa waliin hojjechaa kan yeroo jalqabaatiif "dhaqaa gala" gara pilaanetii biraatti geessu irratti waliin mallatteessan.

Yaaliin kun ammoo saayintistoonni gaaffiiwwan akka pilaanetiirra seenaa keessatti lubbu-qabeeyyiin jiraataniiruu laata kan jedhan deebisuuf gargaara.

Dhakaa Maarsirraa fiduun kun kanaan dura lubbu qabeessi akka chirra jiraate qorachuuf qofa osoo hin taane duraafi duuba (tartiiba) uumamaallee ittiin qorachuuf isaan gargaara.

Bishaan keenya keessaa pilaastika

Image copyright Alice Trevail
Goodayyaa suuraa Balfa pilaastikaa

Balfi/kosiin pilaastikaa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akka malee dabalaa deemurra darbee hanga bishaan dhugnu keessa galuutti gaheera.

Qorannoon dhaabbata gaazexeessummaa Orb Media jedhamu giddu-galeessaan fopaartikilii pilaastikii 10 bishaan qaruuraa pilaastikaan qophaa'e abbaa liitira tokkoo keessatti akka argamu bira ga'uu dubbate.

Qorannoo bishaan dhugaatii qaruuraa pilaastikaan qophaa'e kana irratti biyyoota gara garaa sagal keessatti taasifameen hunda keessattuu paartikiloonni pilaastikaa bishaan keessatti argamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata