Koree simannaa: Artistichi 'Tokkummaan ala filannoo biraa hin qabnu' dhaadannoo jedhuun simatamuuf

Koree simannaa Artisti Umar Suleyimaan
Goodayyaa suuraa Koree simannaa Artisti Umar Suleyimaan

Simannaan Artiisti Umar Suleeymaan akka lakkoofsa Itoophiyaatti Mudde 27, 2011 akka taasifamu koreen qindeesituu simannaa artiistichaa ibsa har'a kenneen beeksiseera.

Simannaan artiistichaa dhaaddannoo 'Tokkummaan ala filannoo biraa hin qabnu' jedhuun adeemsifama.

Artiisti Jeneraal Umar Suleeymaan agarsiistuu aadaa Oromoo, mirga dimokiraasii namoommaafi akkasumas mirga abbaa biyyummaa ta'uusaa kan himan walitti qabaan koree simannaa artiistichaa Dr. Huseen Kadir guyyaa simannaa artiistichaatti koonsartiin namoota 30,000 hirmaachise galma Barkumeetti akka adeemsifamu himan.

Qeerroof qarreen, hayyoonni, hooggantoonni mootummaa, abbootiin gadaafi amantaa akkasumas artiistonni galma Barkumeetti akka simataniif qophiin xummuramuusaas Dr Huseen himaniiru.

Gama nageenyaatinis qaamoolee mootummaa bulchiinsa magaala Finfinneefi federaalaa waliin mari'atamaa akka jirus dubbataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata