Misheel Obaamaa Hiilaarii Kiliintan caaluun 'dubartii hedduu dinqisiifatamtu' taate

Madda suuraa, PA
Misheel al sadi Hiilaariitti aanuun lammata taate xumuerteetti
Giifti dureen Ameerikaa duraanii Misheel Obaamaa 'dubartii Ameerikaa keessatti hedduu dinqisiifatamtu' kan baranaa ta'uun olaantummaa Hiilaarii Kiliintan waggoota 17'f turetti xumura gootee jirti.
Filannoo waggaa waggaan raawwatu kan baranaa irratti kaadhimamtuu pireezidantii, barreessituu haajaa alaa akkasumas giiftii duree kan turte Hiilaarii Kiliintan sadaffaan xumurteetti.
Giiftiin Biriteen Elizaabeet 2ffaa yeroo duraaf tarree namoota 10 keessa galteetti jedha kaamapaniin 'Gallup'.
Pireezidantiin duraaii Baraak Obaamaan waggoota 11'f walitti aansuun 'dhiira hedduu dinqisiifatamu' ta'anii filatamaniiru.
Donaald Tiraamp ammoo waggoota afuriif walitti aansanii sadarkaa lammataa irratti filatamaniiru.
Filannoon kun erga bara 1946 as osoo walirraa hin citiin waggaa waggaan raawwataa jira. Bara 1976 qofa kan hafe.
Namoonni 1,025 qooda fudhatan addunyaa kam irraayyuu dhiiraa fi dubartii dinqisiifataniif sagalee akka kennan taasifameera.
Dubartii Hedduu Dinqisiifatamtu
- Misheel Obaamaa - 15%
- Opirah Winfirey - 5%
- Hilaarii Kiliintan - 4%
- Melaaniyaa Tiraamp - 4%
- Giiftii Elizabeet II - 2%
Dhiira Hedduu Dinqisiifatamu
- Baraak Obaamaa - 19%
- Donaald Tiraamp - 13%
- Joorj W Buush - 2%
- Phaphasii Firansis - 2%
- Biil Geets 1%
Hiilaarii Kiliiintan yeroo 22 kan filamte yoo ta'u waggoota 17 darbaniif walitti aansitee filamte.
Opirah Winfirey tokkoffaa ta'uu dhabdus yeroo 14 lammata taatee filamtee jirti.
Gama dhiirotaan waggoota 12'f mo'achuun rikoordii qabatee kan jiru pireezidantii duraanii Diwaayit Eeyizenhower yoo ta'u, Baraak Obaamaa bara dhufu kan injifatu yoo taate ittiin qixxaata.
Tiraamp pireezidantoota osoo aangoorra jiranii waan kana injifatuu dhaban lama keessaa tokkicha. Kan hafe Jeeraald Foordi.
'Gallup' akka jedhutti, filannoon Mudde 3-12 filatame kun bu'aan filannichaa dogoggora dhibbeentaa muraasaa ykn dabaluu ykn hir'isuu qabaachuu mala.
'Gallup' kaampanii gorsaa Ameerikaati. Qo'annoof qorannoo adda addaa kan taasisu yoo ta'u filannoowwan hawaasa hirmaachisan akka kanaan beekama.