Miseensonni Poolisii Federaalaa lama osoo hojiif deemaa jiranii Horroo Guduruutti ajjeefaman

Madda suuraa, Wazema Radio
Miseensota poolisii federaalaa
Miseensonni poolisii federaalaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa bakka Mana Beenyaa jedhamutti ajjeefamu isaanii qondaalli godinichaa BBC'tti himan.
''Lamatu du'e. Poolisii federaalaa Humna Ibsaa Fincaa'aafi power station Geedoorra jiru warra eeganidha warri kaleessaa '' jechuun hogganaan Kominikeeshinii godinichaa Obbo Dassaalany Tarrafaa dubbataniiru.
''Konkolaataarra taa'ani gara Fincaa'aatti hojiif deemaa osoo jirani rasaasatu itti dhuka'e,'' jechuun aanicharraa gabaasni isaan dhaqqabu himaniiru.
Eenyu akka rukute adda baafachuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Dassaalany, kaleessa guyyaa keessa gara sa'aatii 7 dhagahuu isaanii dubbatu.
Miseensonni poolisii federaalaa Godina Shawaa Lixaa magaalaa Geedoo irraa gara Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Fincaa'aa deema jiraniiti kan ajjeefaman.
Sababni ajjeefamanif hin baramne. Itti dabaluun namootni ajjeesanis waan hin argamneef eenyu akka tahe hin baramne jedhanii aanaan qorannaa gaggeessaa jira jedhan.
Obbo Dassaalany akka jedhanitti warri du'an warra hidha Fincaa'aa eeganiifi jiraataa magaalaa Fincaa'aati. Gareen Geedoo jiruufi Fincaa'aa jiru wal jijijjiiru jechuun Obbo Dassaalany BBC'tti himaniiru.
Rakkoon nageenya Lixatti mudaten mootummaan waraana gara Lixa Oromiyaa fi Naannoo Benishaangulitti erguun isaa ni yaadatama.
Magaalota Wallagga Bahaafi Horroo Guduruutti hiriirri ajjeechaa lammilee mormuun kalleessa gaggeffame
Jiraattonni magaalota Godina Wallaga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa hiriira ba'uun ajjeechaa uummata lammiileerra gahaa jiru akka dhaabatu gaafachaa oolan.