Filannoo Baangilaadeesh: Sheek Hasina ministira muummee ta'uun marsaa haaraa mo'atte

MM Sheek Hasina Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa MM Sheek Hasina bara 2009 irraa jalqabuun angoorra jirti.

Ministirri Muummee Sheek Hasinaa marsaa sadaffaaf filannoo injifachuu ishee Komishiniin Filannoo Baangiladeesh Wiixata beeksise.

Paartiin biyya bulchaa jiru fi wayiilootni ishee barcuma mana maree 300 keessaa 288 injifachuun filannoowwan kanaan duraa caalaa sagalee argataniiru.

Filannoon kun "waan hin taane" kan jedhan Paartiin mormituu, hokkorraan kan guute, doorsisaafi sagalee hatuun kan guutame jechuun qeeqaniiru.

Barcuma torba qofa waan injifataniif filannoo haaraa gaafataniiru.

Hogganaan paartii mormituu, Kamal Hossaayin "Bu'aa filannoo kanaa akka hojii irraa hin olchineef hatattamaan komishinii filannoo ni gaafanna," jedha.

"Filannoon haaraa mootummaa qaama sadaffaa jalatti akka dafee taasisamuuf gaafanna."

Komishiniin Filannoo Baangilaadeesh himannaa filannoo haatamuu biyyittii guutummaatti akka dhaga'eefi qorannoo akka jalqabu Reuters'tti himeera.

Walitti bu'iinsa deggartoota paartii bulchaa fi mormituu giddutti ta'een yoo xiqqaate namootni 17 du'aniiru

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata