Filannoo DR Kongoo: Harkifannaan filannoo pirezidaantummaa komii hawaasaa kaase

Joseph Kabila voting Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Pirezidaant Joosef Kaabiilaa waggoota 17 booda aangoorraa buu'uuf

Filannoon pirezidaantii DR Koongoo Dilbata darbee gaggeefamees erga harkifannaa baayyeen hawaasa abdii kutachiiseen booda raawwate.

Rakkinni maashinoota filannoo eddoowwan kanniinsa sagalee tokko tokkootti mudate tures rakkoole gurguddaa keessaayi.

Kenniinsi sagalee erga bilisummaa bara 1960 asi yeroo jalqabaatiif biyyattiitti ce'uumsa aangoo karaa nagaa akka fiduutti eegamees amma cufameera.

Pirezidaantii Jooseef Kaabilaan aangoorraa bara 17 booda amma bu'aa jira.

Bu'aan filannichaas yeroo torbee tokko keessatti ni beekama jedhamee eegamaa jira.

Filannoon kunis waggoota lamaan dura gaggeefamu kan irra ture yoo ta'u, garuu sababii rakkoolee lojistikaanii wal qabatee dabarfamaa turuusaa, aanga'oon ni dubbatu.

Namoota gara miliyoona 40 sagalee kennan keessaa kan miliyoona 1.26 ta'an hambisuuf murtee taasifameen walqabatees iddoowwan filannoo jeequmsaan rukutamanii turan.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Saake kan Kaaba Kivu dabalatee biyyattii gutuutti namoonni filachuuf akkasiin hiriiraa turan

Kenninsii sagalee sa'aatii 17 (16:00 GMT)tti kan cufamee ta'ulleen garuu namoonni hedduun hiriiranii sagalee kennuuf eegachaa akka turan barameera.

Guyyaan attamiin darbee?

Sababii rooba cimaa tureetiin wal qabatee filannichi magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaatti suutuma eegale.

Eddoowwan tokko tokkotti ammo rakkina maashina filannoo kan yeroo jalqabatiif itti fayyadamuutiin walqabatee haalli keenniinsa sagalee boodatti harkifate ture.

Limet, aanaa Kinshaa keessatti ammoo waraqaan filannoo dhiyaachu dhabuun walqabatee namoon filachu waan hindandeejeefu baayyee aaraniiru.

Kanneen achittii eegachaa turanis wayita ogganaan komishiinii filannoo Cerneille Nangaa achu dhaqanitti mataan lafa ilaaluun gadda isaanii itti ibsaniiru.

Image copyright AFP

Filataan achi ture tokkos, Fidele Imaanii BBC'tti akka himeetti erga sagalee kenneen booda waan gaariin itti dhagahameera. ''Waggoota lamaan darbaniif eegachaa turee amma sagalee kennu kiyyatti baayyeen gamade,'' jedheera.

"Asitti nuti geedaruumsa, nageenyaa fi tasgabbii barbaanna. Akkasumas namoonni carraa mindeeefammuu barbaadu.''

Mudanoon jeequmsaa darbee darbee ture. Qondaalli poolisiifi namoonni siviliin Waalunguu mandara Kibba Kivu keessatti ajjeefamusaanii qondaalli UN tokko BBC'tti himeera.

Image copyright Reuters

Guyyaa gutuuti bakkeewwan filannoo lama dowwadheera. bakka jalqabaatti maashinni filannoo tokko cabuunsaa harkifannaa kan umee yoo ta'u, walumaa galatti haalli turee tasgabaa'aa ture.

Bakka lammaafaa yoon qaqabeettis finalloon eegalee sa'aatii jahaan booda ta'uu qabaa ture. Garuu waan waraqaan hinqaqabneefuu eenyumtuu sagalee kennuu hineegale ture.

Yoo xinnaate namoonni 200 ta'an eeggachaa kan turan yoo ta'u, haala umameen baayyee aaranii ture. Booda keessa waraqichii qaqabuun filachuu egalan.

Namoota filannicha taajabaa turaniin haalli walfakaatu bakkeewwan garaa garaatti mudachu isaa himaniiru.

Eenyuutuu pirezidaantummaaf filatummu dorgomaa jiraa?

Image copyright AFP/Reuters
Goodayyaa suuraa Kaadhimamaa paartii mormituu Maartiin Faayulu (B) fi Felix Tshisekedi (M) Immaanu'el Shaadaarii (J) kan ministira dhimma alaa duraa turaniidha

Walumaa galattis dorgomtoonni 21 yoo ta'an kan dursaan dorgomaa jiran sadiidha:

  • Emmanuel Ramazani Shadary, ministira dhimma alaa duraanii fi amanamaa nama Kaabilaa, gahee inni bara 2017tti jequmsa dorgomtootaas xabateen qoqobbaawwan Gamtaa Awuroppaan kan rukutameedha.
  • Maartiin Faayulu, hojii gaggeessaa bob'aa duraaniifi ''Kongoo akka kabachiisuufi dhaatu taasisuu'' kan waadaa galeedha.
  • Felix Tshisekedi Tshilombo, ilma ogganaa paartii mormituu duraan yoo ta'u innis hiyyummaa hiriisuu kaayyoosaa kan duraa kaa taasifatu waadaa galeera.

Taajjabdoonni naannochaa filannicha kan hordofan yoo ta'u, taajjabdoonnidil-adunyaa garuu kanneen filanno kana duraa hordofan waan amantummaasaani dhabaniifii amma hin affeeramiin hafaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata